Sireerran bahe malee
anoo ammayyuu hin ciifne
yaadakee eeguuf malee
Jaalallikee nan dhiifnee,
danda’ee hin ilaaluu
natti ifa akka aduuuu
Suuraafi haasoon kan kee
ijakoo duraa hin baduu.
Egaa maali mallikoo
furmaannikoos maal ta’aa
cinaakee taa’uuf jedheen
teessuma dhabee ka’aa,
Jaalallikee waraanee
Onneekootti na iddaa
atoo dhimmakoo hin qabdu
deemimee jettee diddaa.
Onneekee cufaa godhee
kan garaas si jabeessee
Miilakees narraa butee
kan narraa si fageessee
otoon iyyee si waamuu
cal jettaaree dandeessee?
Halkanis yeroon ciisuu
waa’ema keen lallabaa
an waliisaan wallaalee
si obsuuman dadhabaa.
bareedduukoo yaa Loshaa
intala warra qaalluu
miidhagduuko yaa shaggee
bareedduu ilkaan kaarruu
koottumee hin marii’annaa
gaaddisa Odaa teenyee
yaadaanis tokko haa taanu
qaamaanis adda hin baanuu
Maatii keettan ergadha
Jaarsi naaf haa dubbatu
malee otoon si hawwuu
ormi narra hin fudhatuu,
Yoo naa eeyyaman warrike
naqadheen si fudhadhaa
Malee maafan gubadhaa….{fr}