Qoosaa

Aug 19, 2022
  • Barataa Dhiba’aa Barataa yeroo hunda hojii mana hin hojenne tokkotu  ture. Guyyaa tokko  akkumaa yeroo biroo osoo hojii manaa isaaf kenname utuu hin dalagin mana barnootaa dhaqe. Barsiisaan isaas maaliif yeroo hunda hojii manaa kennamuuf akka hin hojjenne barataa kana gaafate. Baratichis abbaafi haati koo yeroo hunda waan wal jeeqaniif mana keessatti tasgabbaa’ee dalaguu hindandeenye jedheen.barsiisichis saan booda abbaan kee eenyudha jedhee gaafannaan barsiisa, abbaafi haadha koos kan wal lolchiisu kanuma jedheen jedhama.
  • Kanan ani fixeensaaf jedhee.. Gaafa tokko namicha tokkotu bineensa yaabbatee qe’ee nama irra naanna’ee osoo  moruu namni biroo  itti dhufee namana maaf bineensa yaabbattee qe’ee namaa naannofta jedheen. Namichis kanan ani fixeensaaf jedhee luka irra kaawwadhe bineensa yaabbata jedhii galii odeessi kaa jedheen.
  • Magarsaafi Caalaa

Magarsaa: Caalaa uffatakee maaltu gubee?

Caalaa:bishaantu gubee.

Magarsaa: maali akkamitti bishaan uffata gubaa?

Caalaa:maaltu gubaree?

Magarsaa: ibiddakaa.

Caalaa:beektoo maaf na gaaffattaree? kkkkkkkkk

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *