*Gurri dhagahuuf qofa osoo hin taane,madaallii qaama keenyaa eegnee deemuu keessatti gahee guddaa qaba.
*Gurri qaamota haphii kan akka dibbee gurraafi lafewwan xixiqqoo sadi fiixee fiixeedhaan wal qabatan irraa kan ijaarame waan ta’eef salphaadhumatti miidhamuu danda’a.
*Sagaleen guddaan, desibilii 85(85dB) olii dandeettii dhagahuu keenyaa gadi buusuu irra darbee hanga duuchuutti geessisuu danda’a.
WANTOOTNI SAGALEE DESIBILII 85 OL MADDISIISUU DANDA’AN MAALFA’I?
-Sagalee xurumbaa konkolaataa gurguddaa fageenya meetira lamaa fi isaa gaditti
-Motora midhaan daaku
-Maashinoota dhagaa daakaniifi simintoo walin makan
-Mashinoota warshaa gurguddoo
-Qawwee meetira sadii fi isaa gaditti nu biraa dhukaasame
-Sagalee mobaaylii ’alarm’
-Muuziqaa adda addaa ‘ear phone’ dhaan sagalee ol kaafnee sa’aatii hedduuf dhaggeeffachuu
-Mana ragadaa ykn ‘night club’ sagalee guddaadhaan banamuu fi k.k.f
OF EEGGANNOO GURRA KEENYAAF GOCHUU QABNU
1.Wantoota sagalee decibilii 85 ol maddisiisan armaan olitti ibsaman irraa fagaachuu ykn sababa hojiitiif itti saaxilamna yoo ta’e ammoo sagalee xiqqeessituu( ear plug) godhachuun murteessaadha.
2.Bishaan yeroo daaknu akka bishaan gurratti hin seenneef ‘ear band’ kan jedhamu fayyadamuu
3.Yeroo qaama dhiqannus akkasuma ‘ear plug’ fayyadamuu
4.Yeroo rafnu ‘earplug’ godhachuudhaan ilbiisotni adda addaa akka gurra keenya hin seenne gochuu
5.Ilbiisotas ta’e waan adda addaa akka tasaa gurra keenyatti yoo galan ofii baasuudhaaf yaaluun dibbee guyyaa miidhuu waan danda’uuf mana yaalaa deemuun baasisuun murteessaadha
6.Wantoota qara qabaniin gurra keenya qulqulleeffachu
u irraa of qusachuu, sababni isaa dibbeen gurraa keenya haphii waan ta’eef salphaadhumatti tarsa’uu danda’a.
7.gurra keenya bishaan itti naqnee qulqulleessuuf yaaluun dogoggoradha