Dhungoon kemikaalootaafi hormoonoota madda gammachuu tahan maddisiisa. Isaan keessaa Dooppaamiinii (dopamine) tokkoofi hangafa. Kemikaalli kun kutaa sammuu keessaa kan maddu yoo tahu miirri gammachuu guddaan akka nutti dhaga’amu taasisa. Wal dhungachuu malees kemikaalli kun baaloota sammuu hadoochan fayyadamuufi nyaachuuniis madduu danda’a. Miira gammachuu kanarraa ka’uun
namoonni wal dhungachuu amaleeffatan.
Dhungoon jaalalaafi bultii keessattiis murteessaa dha.

Hariiroo namaa irra caalatti walitti guduunfa. Hormoonii Indoorfiin (endorphin) jadhamu maddisiisuun guyya guyyaan gammachuu akka argannu nu taasisa. Haalota
qaama keenyaa yerumatti akka sirraa’u taasisa.
Namoonni lameen haala wal dhungoo kana irratti kan hirmaatan yoo tahe qaamni isaanii Indorfiin (endorphin) kana maddisiisuun daran gammadoo tahanii daran akka walittiis dhihaatan isaan taasisa.
Dabalataaniis, wal dhungachuun hormoonii oksijtoosiin (Oxytocin) jadhamu maddisiisuuniis ni beekkama.
Hormooniin kun ‘hormoonii jaalalaa’ jadhamee yaamamuun baratame. Inniis jaalalleewwan bultii hiratan jiddutti qaanqee jaalalaa bobeessuun akka waliin turan
taasisuuf gargaara.

Bara 2009’ti qorannoon waa’ee dhungoo irratti taasifame tokko akka akeekuutti wal dhungachuun dubartoota vaayrasii hancufa namaa keessatti argamu kan ‘Cytomegalovirus’ jadhamu irraa dandeettii ittisuu kennaaf. Vaayrasichi kun uumamaan kan nama miidhu tahu baatullee garuu yeroo ulfaa daa’ima gadaameessaa keessa jiru ajjeessuufi rakkoolee sammuutiif saaxiluu ni mala. Haatahuu garuu vaayrasichi jalqabarraa dubartii waliin yoo wal bare dandeettii ittisuu (maddiinummaa) waan horattuuf ulfa irratti rakkoo tokkollee hin fidu.

Wal dhungachuun daqiiqaa tokko keessatti kaaloorii 6 gubuu danda’a. Kana jechuun sa’aa tokkoon yoo herreegne kaaloorii fiigicha sa’atii tokkootiin gubamu irra caalaa gubaa jechuudha. Haala kanaan ulfaatina qaamaa hir’isuuf nama gargaara. Kanaafuu warri qaamni irra dabre dhungoo jabeessaa ergaa jattu qabaattinaa laata?
Dhungoon dandeettii dhukkuba ifirraa dhoowwuu qaama keenyaa dabalachuu ni dandeenya.

Afaan namaa keessa baakteeriyoonni adda addaa akka argaman beekkamaadha. Kanaan dhibee fiduu ni danda’ama. Haatahuu malee, dhibee wal dhungachuun shammadannu caalaa harka wal fuudhuudhaan kan oomishannuutu irra hedduu dha. Kanaafuu, qulqullina afaanii gahaa godhuun yoo wal dhunganne rakkoon tokkollee uumamuu hin danda’u.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *