➊. Utuu killee ishii irra oolmaa hin taa’in duratti killee gahaa hanqaaqxi/buusti.
⁃ KAROORA GAARII QABAACHUU/GOOD PLANNING
➋. Erga killee irra oolmaa taa’uu eegaltee, sosochii ni xiqqeessiti!
⁃ NAAMUSA/DISCIPLINE
➌. Yeroo Killee irra teessu sana kiiloo/ulfaatina ni hir’ifti. Sababni isaatiis nyaata ni xiqqeessiti.
⁃ WAREEGAMA KAFALUU FI FEDHII OFII DHIISUU
➍. Killee lukkuun biraa hanqaaqxe irra oolmaa hin teessu!
⁃ LOOGII DALAGUU DHABUU fi ARJUMMAA
➎. Guyyaa 21f obsaan eegdee killee irra teessi! Yoo killee san irraa ilmooleen uumamuu baatanis ammas deebitee killee hanqaaqxi.
⁃ AMANTII, ABDII FI JAGNUMMAA
➏. Killee ilmoo ta’uuf hin adeemne adda baaftee keessaa darbiti.
⁃ SALPHAATTI WAA HUBACHUU
➐. Killee tortore/shame dhiiftee, kunuunsa killee gara cuuciitti jijjiiramteef gooti.
⁃ OGUMMAA, DAMMAQIINSA FI QABATAMA JIRUU HORDOFUU
➑. Abbaan fedhe ilmoo ishii tuquu hin danda’u!
⁃ JAALALA EEGUMSAA FI GAGGEESSUMMAA
➒. Ilmoolee ishii hanga gurguddatanii of danda’anitti hin dhiiftu!⁃ GORSA KENNUU/BARSIISUU
➓. Ilmaan ishii hunda walitti qabdee deemtiini!
⁃ TOKKUMMAA KAAYYOO