✍️ Manguddoo tokkotu dulloomanii yommuu lafa kanarraa darbuuf gahan ilma isaanii ofiiti waamanii “yaa ilmakoo sa’aatii harkaa kana abbaa kootu naaf kenne, isaaf immoo Abbaa isaatu kenneefii ture. Amma sa’aatiin kun gara waggaa dhibba lamaa darbeera anis ilmin qabuufii waan gati jabeessa dhaalchisu si waan ta’eef siifan kenna, Garuu dursa deemiitii manneen daldalaarra naanna’ii hangamiin akka sirraa bitan gaafadhu” ittiin jedheen.
✍️ Mucichis suuqii garaa garaa irra naanna’ee gaafachuutti ka’e,Daldaltoonnis ‘sa’aatiin kun moofaadha, sanumaayyuu ammoo
ligidii qaba qarshii shan caalaadhaan yoo binne nuuf hin baasu jedhaniinii baay’ee rakasiisani.
✍️ Daldaltoota jijjiree biyyaa biyyatti deemee yoo gaafatus kan gatii isaa rakasiisu malee Kan gatii madalawaa kennuuf dhabe.
✍️ Sana booda deebi’ee Abbaa isaatiin “Abbaakoo daldaltoota hedduu suuqii qaban gaafadhee qarshii shanii oliin hin binnu jedhaniiru jedheeni. Abbaan isaas “amma immoo gara god-hambaa yookan muuziyeemii biyyoolessaa dhaqitii gaafadhu” jedheen.
✍️ Mucichis gaafa hooggantoota muuziyeemii biyyoolessaa dhaqee gaafatu qarshii miiliyoona lamaan sirraa binna jedhaniin.
✍️ Mucichis gammadaa gara abbaa isaatti deebi’ee, “abbaakoo kunoo reefan bakka ta’u deeme, isaan qarshii miliyoona lamaan sirraa binnaa fidi” naan jedhan jedhee itti hime.
✍️ Isaa booda taa’anii ajaa’ibsiifataniitu gorsan siif laadha jedhaniin.
✍️Egaa yaa ilma ko bakka sin madaalleefi eenyummaa Kee yookiin gatii Kee hin beekne yoo oolte ati rakkasa taata. Kanaaf yaa ilma koo bakka Oolmaa keefi gatii Kee hin madaalle hin ooliin warra sin beekne biratti akkuma sa’aatii kana rakkasadha taata, warra si beekan birattis akkuma sa’aatii kana qaalii taata jechuun gorsa ajaa’ibaa Umurii dhumtetti galaa taasisaniifii darban.