Sirna Tuqaalee

Sirni tuqaalee mallaattoolee garagaraa jechoota, himootaafi gaaleewwan gidduutti
fayyadamnudha. Isaanis

  • Tuqaa (.)
  • Qoodduu (,)
  • Mallaattoo gaaffii (?)
  • Mallaattoo raajeffannoo (!) fi k.k.f

Barreeffama keessatti sirna tuqaalee kanneen bakka sirrii ta’etti fayyadamuun
barbaachisaadha.

Sirna tuqaa sirriitti fayyadamuu dhiisuun hiika jijjiiruu ni danda’a waan ta’eef
sirriitti itti fayyadamuu qabna.

Fayyidaa mallaattoo tuqaa (.)

Mallaattoon tuqaa dhuma hima gaaffii, ajaja cimaa yookiin raajeffannoo hin taanetti
gala.

Fakkeenyaaf:

  • Leenci mootii bineensotaati.
  • Oromiyaan oomisha bunaatiin beekamtuudha.
  • Caaltuun barattuu cimtuudha.
  • Adurreen aannan dhuguu jaallatti.
  • Magaalaan Naqamtee godina Wallagaa bahaatti argama.

Mallattoo gaaffii (?)

→Mallaattoon gaaffii dhuma hima gaaffii ta’eetti gala.
→ Kana jechuun, mallaattoon gaaffii dhuma hima deebii barbaaduutti gala jechuudha.

Fakkeenyaaf:

  • Mootiin bineensotaa eenyu?
  • Barumsa Afaan Oromoo torbeetti meeqa barattu?
  • Maqaan ganda keessanii maal jedhama??
  • Maqaan kee eenyu?
  • Umuriin kee meeqa?
  • Qeerransi ni harqa yoo jenne simbiraan maal jenna?

Mallattoo qoodduu (,)

→ Mallattoon qoodduu wantoota (jechoota) hima keessatti tarreeffaman gidduutti
gala.
→ Kana jechuun wantoota tarreeffaman addaan qooduuf fayyada.

Fakkeenyaaf:

  • Leenci, arbi, qeerransi, waraabessi, booyyeefi bosonuun bosona keessa jiraatu.
  • Maqaan guyyoota torbanii Wixata, Kibxata, Roobii, Kamisa, Jimaata, sanbataafi
    Dilbatadha.
  • Maqaan ji’oota wagga Fulbaana, Onkoloolessa, Sadaasa, Muddee, Amajjii, Gurraandhala,
    Bitootessa, Ebla, Caamsaa, Waxabajjii, Adoolessaafi Hagayyaadha.
  • Qamadii, xaafii, boqqolloo, mishingaafi garbuun gosa midhaaniiti.

Mallattoo Raajeffannoo (!)

→ Mallattoon raajeffannoo dhuma hima

  • Yaada dinqisiisa ykn raajeffannoo qabutti gala.
  • Hima dhaadannoo ta’e tokkootti gala.
  • Hima ajajaa cimaa ta’ee tokkoo irratti gala.
  • Barumsi hundee guddinaati!
  • Oromiyaan haa lalistu!
  • Safuudha! Hojiin Rabbii dinqiidha!
  • Uggum! Yaa miidhagina ishee!
  • Balbala cufi!!
  • Oo! Hammam ga’a

Do you like it?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *