Afoola kutaa 1ffaa

Afoolli;  jecha dhalootaa dhalootatti afaaniin darbaa dhufeedha. Ummatni duudhaa, aadaa, muuxannoo, mudannoo seenaa fi dhimma hawwaasummaa ogummaa bohaarsuu, dubbachuu fi weeddisuun dhaloota dhufuuf kan ittiin dabarsuudha.

Faayidaa Afoolaa

Afoollii seenaa, duudhaa, yaadaa fi beekkumsa hawaasaa dhaloota tokkoo isa birootti dabarsuun alatti tajaajila hedduu qaba. Isaan keessaa muraasni haala yeroo ibsuu, hir’ina jiru qeequu, honnachiisuu, boharsuu, barsiisuu fi miliqsuu dha.

Akaakuu Afoolaa

Gosoota afoolaa ummatni Oromoo bal’inaan fayyadamu kanneen armaan gadiiti.

Cigoo,Hibboo,Sheekkoo,Oduu Durii,, Jechama,Mammaaksa,Eebba,Geerrarsa,Mirrisa,Sirba,Tapha ijoollee,Faaruu loonii,Faaruu jaalalaa, Faaruu Ayyaanaa,Walaloo

Cigoo, ciigoon afoola oromoo keessatti haala ittiin dubbiin qollaa ykn iccittii qabu itti dhiyaatudha.
Ciigoon wantoota lama of keessa qaba. Isaanis :
a, Soorgoo. fi
B, Sookoo dha.
#Soorgoo : ciigoo keessatti jecha dachaa ta,ee kan hiika sirii ykn fuulee jiru jechuudha.
#Sookoo : jechuun immoo jechuma soorgoo sannatti hiika dhokotaa barbaaduu ykn hiika duubaan jiru yaaduu jechuudha.
Fkn. Isiin si Jaalatti atti maaf jibbitaa
IntalBaacooa ulffeesi yaa gurbaa ulfaattaa.

, , ,
Kana keessatti dubbiin dachaa ulfeesi kan jedhuudha.
Soorgoon isaa kabaji ykn ulfina laadhuuf jechuudha.
Sookoon immoo ulfa taasisi ykn garaatti ulfeessi jechuudha.

kutaa 2ffaan itti fufa…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

%d bloggers like this: