Kutaa 6ffaa

Mammaaksi afoola Oromoo keessaa tokko yoo ta’u jechoota beekkumsaa fi ogummaa qaban of keessaa qaba. Mammaaksi dubbii fiduufi gabaabsanii fixuuf ykn salphaatti namatti himuuf tajaajila.

Uummanni Oromoo mammaaksa isaatiin ragaa baha. Oromoon dubbii cimsanii fi gabaabsanii mi’eessuuniifi miidhagsuun fixuuf mammaaksatti fayyadama, keessaahuu warri maanguddoo. Yeroo baay’ee manguddoonni araarsufis ta’e marii hawaas-dinagdee adda addaaf yoo walga’an yaada isaanii gadi fagessanii garuu osoo dubbii hindheeressin ibsachuuf mammaaksatti fayyadamu.

Mammaaksi hawaasa Oromoo biratti waan hedduuf mammaakama. Fakkeenyaaf, qarutuma, tuffii, jaalala, hawwii, haqa, gootummaa, doqnummaa, jibbaafi kkf, agarsiisuuf nimammaakama. Ergaa mammaaksa tokkoo hubachuuf wantoonni adda addaa nama gargaaruu malu. Fakkeenyaaf, aadaa, seenaa, durdurii faa beekuu barbaachisaadha.

Mammaaksi beekumsaa fi muuxannoo maanguddootaati. Haasaan maanguddootaa yeroo baayyee mammaaksaan kan guutameedha, kunis dubbii gabaabsanii himuuf, dubbii mi’eessuuf ykn bareechuuf godhama. Kanaafis, sagantaa aadaa ykn hawaasummaa bakka maanguddoonni itti baayyatan keessatti mammaaksi baayyinaan dubbatama.

”Waan dhufu hin beekani, saree tana akaayii barsiisaa,” jedhe jaarsi.

Kan soogiddi ittoo mi’eesse, barbareen maqaa itti fudhatte.

”Gama sanaa garbuun asheete,” jennaan, ”Warra sodaanne malee yoom argaa dhabne,” jedhe jaldeessi.

Arrabni ofii gaaddisa ooltee, abbaa aduu oolchiti.

Dhugaa Waaqa hin dhoksan, qullaa lafa hin dhoksan.

Ofiinuu duuti, maaliif of huuti?

”Madaa keenyatu bakka bade,” jedhe jaldeessi.

Akka isaa beekaaf, bofa miila dhorke.

Yaa saree otoo waan sin jedhan beektee, waan siif kaa’an hin nyaattu.

“Maqaan baduu mannaa, mataan baduu wayya,” jette gondaan ciniintee haftee.

”Gosaan walitti galaa,” jennaan erbeen loonitti galte.

Cidha gannaa abbaatu ofiin dida. Du’a gannaa rabbiitu namaan dida.

”Cilee ta’uuf gubannee, cilee taanees gubanne,” jedhe mukni.

“Ni nyaanna jettanis ni nyaanna. Hin nyaannu jettanis ni nyaanna,” jedhe waraabessi.

“Akkan itti dhales, akkan arraabbadhus anatu beeka,” jette xaddeen.

”Bulu cooma,” jedhe jaldeessi mixii barbaachatti bofa dhagaa jalaa baasee.

Korma dhugaan booratu, biyyeen ija hin buutu.

”Bulbuluma bulbuli, hangan dhugu anuu beeka,” jedhe namtichi.

Mana haadha kootiin dhaqa jettee, goraa bira hin darbin.

Harree hin qabnu, waraabessaanis wal hin dhabnu jedhan.

Silaa dhufa hin oolu, kajeelaa dura waami.

Kofoo namaa ergisanii, ‘irra hin taa’in’ hin jedhan.

“Na nyaattu na nyaadhu malee, bishaan ol hin yaa’u,” jette harreen waraabessaan.

Namni ulee baatee hin deemne, sareef sagadaa deema.

Roobiin galaana keessaa bahee, fixeensa arraaba.

”Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan,” jette adurreen.

Namni gurraachi jiilche, gufuu gubataa baqata.

”Situ diriiree of qochisiise,” jedhe gaarri, Lafa diriiraa gadi ilaalee.

Garaa nagaya qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha.

Baga dhufte jennaan, kajeelaa garaan ciise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *