Kutaa 7ffaa{Eebba}

Eebba dhimmaafi ayyaanaaf waaqa kadhatanii fi galata galchanii ittiin jalqaban ykn xumuraniidha. Eebbi gaafa akka muudaa, Irreechaa, gaa’elaa, duulaa fi araaraa ni taasifama. Eebba kanas kan eebbisuu manguddoota umuriidhaan ykn dhaloota hiddaan hangafa ta’aniidha.

Kutaaleen Oromoo hundinuu qabiyyee fi haala eebbaa adda addaa qabu. Eebba Booranaa qaamolee hawaasaa, mukeen, loon fi lafa hundaayyuu dabareedhaan caqasuun “nagaa” kadhataaf. Eebba Macccaa balaawwan dhufuu malan yaadachiisuun Waaqni akka oolchu kadhata. Eebba Gujii ammoo kan Tuulamaa fi Booranaa giddu-gala taasifachuun Waaqa fi Nagaa walitti qabee waammata. Walumagalatti, bakkeen adda addaatti eebbi akka garagaraa dhiyaata.

Eebba Tuulamaa

Hayyee,Hayyee! Hayyee, Hayyee!

Waaqa uumaa Waaqa uumamaa

Waaqa Burqaa Haroo Walaabuu

Waaqa sagaltama garbaa

Waaqa salgan Booranaa

Waaqa torban Baarentummaa

Waaqa Bokkuu Gurraachaa

Waaqa Ciicoo Gurraattii

Waaqa Caffee Tumaa

Waaqa shanan Gadaa Oromoo

Nagayaan nu olchitee nagayaan nu bulchi

Nagayaan nu bulchitee nagayaan nu olchii

Kan faantii lafaan lolte

kan sammuun Waqaan lolte nurraa qabi

Irraa-gora nu oolchi

Dogoggora nu oolchi,

Hamaa nurraa qabi

Tolaa nutti qabi,

Xiqqaa nuu guddisi

Guddaa nu muldhisii/bulchi

Waan qabnuun nu bulchi

Rooba nagayaa roobi

Baraa nagayaan nu basii

Gadaan roobaa nagayaa

Barri quufaa gabbina

Eebba Booranaa

Ardaan nagaa…………………………………………..Nagee

Bobbaan nagaa….…………………………………….Nagee

Barri nagaa…………………………………………….Nagee

Waareen nagaa……………………………………….Nagee

Waariin nagaa………………..………………………Nagee

Reerii nagaa………………….………………………Nagee

Dheedi nagaa…………………..…………………….Nagee

Yaa’iin nagaa…………………………….…………..Nagee

Kuubiin nagaa………………………………………….Nagee

Raabi nagaa…………………………………………Nagee

Kuusaa goseen nagaa…………………………….Nagee

Ijoolleen Kuuchuu nagaa……………………………Nagee

Dirreen nagaa…………………………….…………Nagee

Dirree dirri Liiban nagaa…………………………….Nagee

Liiban Golbaa Diidi nagaa…………………..…….Nagee

Malbee Golboon nagaa…..………………….…….Nagee

Saakuu waasoon nagaa………………………….Nagee

Tulaa sallan nagaa………………..Nagee

Eebba Gujii

Ee…… Ati Waaqi Ardaa

Waaqi Abbaa

Ka Me’ee Bokkoo

Ka Dibbee Dhugoo

Ka Garba Aannoo

Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi

Dhageettu nuu Owwaadhu

Ta olii oliitti nu hanqisi

Ta gadii gaditti nu hanqisi

Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi

Barri nageya

Bariin nageya

Jaarsi nageya

Jaartiin negeya

Ilmi nageya

Intalti nageya

Ka fuudhu nageya

Ta heerumtu nageyaa

Uchumti nageya

Bobbaan nageya

Tissaa uleen nageyaa

Elemaa gaadin nageya

Ardaan yaa’aa nageya

Me’een Bokkoo nageya

Duddaa daawwaan nageya

Sabbaa Oddoon nageya

Gooroon Doolaa nageya

Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya

Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya.

Eebba Ituu

Abbaa badhaasi abbaa dhaas.. Leel

Taadhii…………… … Leel

Taadhii roobaa….. Leel

Bohaarsa barii……. Leel

Haadha nagayaa… Leel

Biyyii nagaa………… Leel

maatiin nagaa…….. Leel

Hoo waqni jee’e hoo waqni jee’e

Horaa bulaa deebanaa

Eebba Maccaa

Na oofkalchaa……………………………………………oofkalaa

Na oofkalchaa………………………………………..….oofkalaa

Na oofkalchaa……………………………………………oofkalaa

Waaq nagaan bullee nagaan nu oolchi ……………nu oolchi

Hamaan gargar nu oolchi ………………………………nu oolchi

Irraa gora nu oolchi ………………………………………nu oolchi

Dogoggora nu oolchi……………………………………..nu oolchi

Citiin sadii citii sadan nu oolchi……………………….nu oolchi

Citii waraanaa nu oolchi………………………………..nu oolchi

Citii waraansaa nu oolchi ……………………………..nu oolchi

Kan caamee goggogsu nu oolchi…………………..nu oolchi

Kan roobee tortorsu nu oolchi……………………….nu oolchi

Walbira oolchii nu bulchi………………………………nu bulchi

Waliigaltee nuu kenni………………………………..nuu kenni.

Waliigalii nuu toli………………………………………..nuu toli

Sonii nuu roobi…………………………………………..nuu roobi

Waan rooba keessa jibban nu baasi…………….nu baasi

Waan caama keessa jibban nu baasi…………..nu baasi

Egaa nagaya……………………………………………nagaya

Barri quufa

Gadaan gabbina gabbisi Waaq!

Kan ati jette tolaadhaa tolaan nu haa ga’u ………haagahu

Bakkalchi bakkee haa ta’u …………………………..haa ta’u

Bakkeen nagaa haa ta’u ……………………………..haa ta’u

Qorroon dibdibbee haa ta’u …………………………haa ta’u

Dhiigni dhallaadduu haa ta’u………………………..haa ta’u

Adamoon deettii haa ta’u …………………………….haa ta’u

Duulli dannaba haa ta’u……………………………….haa ta’u

Rimaan haphee haa ta’u ………………………………haa ta’u

Kormi cirrii haa ta’u……………………………………..haa ta’u

Dhugee haa booressu ……………………………….haa booressu

Dheedee haa barbadeessu…………………………haa barbadeessu

Booruun gabbina haa ta’u…………………………..haa ta’u

Barbadaan suga haa ta’u …………………………..haa ta’u

Dhugaan tulluu haa ta’u …………………………….haa ta’u

Dharri sulula haa ta’u ………………………………..haa ta’u

Anaaf sihii hin maqsin ……………………………….hin maqsin

Kan ormi maqe nu hin gahin……………………….hin ga’in

Bakka hir’ate Waaqni itti haaguutu…………….haa guutu.

Egaa nagaya …………………………………………..nagaya

Haleele……………………………………………..…..Diina haleeli!

Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!…………………Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!

Eebba Karrayyuu

Miinya tahi!……………………………….ziz

Foduu tahi!……………………………….ziz

Alalaasi!………………………………….ziz

Alaa gali!…………………………………ziz

Oli reebi!…………………………………ziz

Maatii raaphu!…………………………..ziz

Gadi reebi!…………………………..…ziz

Karra raaphu!……………………….…ziz

Adaboon gooba!.……………………….ziz

Goobni geerarsa!………………………ziz

Hurrubni Mirga!………..……………….ziz

Dirreen Dannaba!……………………..ziz

Simoo ta’i! ……………………………..ziz

Sin simin!……………………………….ziz

Dandoo ta’i! …………………………….ziz

Sin danda’in! ……….………………….ziz

Doobbii ta’i! …………………………….ziz

Diina gubi !……………………………..ziz

Guchii ta’i !………………………………ziz

Baalaan booni !….…….………………ziz

Leencaa ta’i…………..ziz

Itti aadi……………ziz

Qeerransa ta’i…………ziz

Irra bu’i…………..ziz

Citaa ta’i! ………………………………ziz

Gurmuu baasi! ……………………….ziz

Daddaraari! ……………..……………ziz

Dilboo ta’i! ………..…………………..ziz

Babbaroodi .………………………ziz

Ofiin Cibri………….ziz

Cibraa dhoosi ……..…………………ziz

Odaa ta’i……………ziz

Midhaan baasi…….. …ziz

Gaara ta’i! ……………….………………ziz

Itti jigi!……………………..………………ziz

Haladdaq ta’i.……..……………..……ziz

Oromiyaa ta’i…………ziz

Bal’adhu!…………..…………………..ziz

Fantaallee ta’i!..……………………….ziz

Mul’adhu!………………….……………….ziz

Hayyuu ta’i…….. ……iz

Dubbadhu…… ……….ziz

Ofiin buulii……………….ziz

Siin bulchiin………………ziz

Biyya eegi………………ziz

Hin keenniin……………..ziz

Qabadhu!…………………………………….qabadhu!

Eebba oromoo Arsii

Nama Eebbisu……………..Kan jalaa qabu

Dhiltee Dhinnaa…………… Hobba’aa (Hoffolaa)

Dhiltee Dhinnaa…………… Hobba’aa (Hoffolaa)

Dhiltee Dhinnaa…………… ijarraa hafaa; nu hambisaa

Faatee waaqni dhagayi…………. Dhagayi

Lafti sii dhagayi…………………….. Dhagayi

Dhibbi dhagayi……………………….. Dhagayi

Dhibaayyuun dhagayi…………….. Dhagayi

Gadaan dhagayi…………………….. Dhagahi

Gadaamojjiin dhagayi…………… Dhagayi

Gadabitti nu galchi……………….. Galchi

Gadaa nu hulluuqsisi……………. Hulluuqsisi

Dolool’oo yaasi……………………….. Yaasi

Yaa’aa gabbisi………………………….. gabbisi

cinii sangoomsi……………………..sangoomsi

sangaa wondabsi…………………wondabsi

Waraana qaqeessi……………….. qaqeessi

Oromoo qaqatti nuu bulchi……… bulchi

Jinfuu tuuli……………………………… Tuuli

Tuulaa diinaa buqqisi…………………… buqqisi

barbadaa barii godhi…………………….godhi

bara nagaya godhi……………………….godhi

Oromoo biifaa si godhi…………….. Si Godhi

Biiftuu ganamaa si godhi………….. Si Godhi

Ejersa gaaraa si godhi……………… Si Roobi

Korma nyaaraa si godhi…………… Si Roobi

Bokkaa sii roobi………………… Sii Roobi

Bokkuu sii moosisi……………. Sii Moosisi

Laftana ititi…………………………. Ititi

Itittuu nu obaasi…………………… Obaasi

sun toltu’u (2x)………………………haa qabattu (2x)

Eebba Cidhaa

Qabattanii aaga qabadhaa

Rafaa abjuu qabaadhaa

Adeemaa milkii qabaadhaa

Miillaan lafa qabadhaa

Harkaan Waaqa qabadhaa

Coqorsa lo’aa ta’aa

Gannaa fi Bona lalisaa

Odaa dagaagaa ta’aa

Gannaa fi Bona garbaabaa

Aannanii fi garaa ta’aa

Dhadhaa fi mataa ta’aa

Akka biiftuu aanga’aa

Akka qorsaa ifaa

Cirracha Abbayyaa ta’aa

Lakkaa’aan isin hin fixin

Madda Walaabuu ta’aa

Waraabaan isin hin maddisin (fixin)

Jalduu Buukuu ta’aa

Qomaa fi dugdatti baadhaa

Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in

Bona ongee baraaraamaa

Ganna balaqqee ofkalaa

Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu

Kumaatama horaa

Kan hortanii wajjin bulaa

Walbira oolaa-bulaa

Safuu waliif qabaadhaa

Eebbi kun eebba gosaatii,

Qabatee isin biraa hin hafin

Dhallaaduu lagarraa tahaa

Baattoo jaldeessaa tahaa

Eessumni gaarii dhalatee gidduu haa marmaaru

Arrii waliin filadhaa

Na hoofkalchaa

kutaa 8ffaan itti fufaa…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *