HIMA
Kutaalee Himaa:
1.Gulummoo
2.Xumurtuu
Tajaajila Kennu irratti hundaa’uun immoo:
1.Hima Addeessaa
2. Hima Gaaffii
3. Hima Ajajaa
4. Hima Raajeffannoo
Seer-luga Afaan Oromoo irratti hundaa’uun immoo:
1. Hima Salphaa
2. Hima Dachaa
3. Hima Xaxamaa
4. Hima Dachaa Xaxamaa
HIMA
Hima jechuun jechootni walitti dhufuudhaan yaada guutuu fudhatama qabuu fi qindaa’aa ta’ee ergaa guutuu kan dabarsuu danda’u yoo ta’ee fi dhumarratti sirna tuqaaleetiin kan xumuramu yoo ta’eedha.
Himni yoo xiqqate Gulummoo(maqaa) fi xumurtuu kan ofkeessaa qabuu fi sirna tuqaaleetiin kan xumuramu yoo ta’eedha.
Fkn
Gammadaan kaleessa.
➖hin xumuramne.
(Himaa miti)
Ani boru dhufeera.
➖fudhatama hin qabu.
(Himaa miti)
Kitaaba keessa irra.
➖Qindoomina hin qabu.
(Himaa miti)
Waraabessi yuuse.
✅Hima
Caaltuun Barsiiftuu cimtuudha.
✅Hima
Himoota armaan olii keesaatti:
Hima:
Waraabessi yuuse. Jedhu keessatti
Warabessi👉Gulummoo
yuuse👉xumura
(.) 👉mallattoo tuqaa(sirna tuqaaleeti)
Hima
Tolaan arba ajjeese. Jedhu keesaattti:
Tolaa 👉Gulummoo ykn maqaa
-n 👉dhamjecha maqatti maxxananii mathima agarsiisaniidha.
ajjeese👉xumura ta’a.
Hima
Hima tokko keessa yoo xiqqate Gulummoo ykn mathimni fi Xumurtuu jiraachuu akka qabu beekamaadha.
Fkn: Tolaan leenca ajjeese.
Maqaan hima tokko keessatti Mathima tahee yommuu galu, Dhamjecha mathima ta’uusaa agarsiisu ni maxxanfata.
Dhamjechootni Maqaatti maxxanuun mathima agarsiisan hedduudha.
Fkn: -ni, -n, -ti, -i
fa’a.
Hima armaan olii keessatti dhamjechi -n jedhu Maqaa Tolaa jedhutti Maxxanuun Jechi Tolaan jedhu mathima akka ta’u taasiseera.
Kanaafuuf Tolaan Gulummoo ykn Mathima ta’a.
Kana ajjeese kan jedhu Xumurtuu ta’a jedhuudha.
Garuu Maqaalee sagalee dubbifamaa ‘n’ dhaan xumuraman hima keessatti mathima ta’anii yommuu galan jijjiirama hin agarsiisan.
Fkn: Ilkaan ishee adiidha.
Ilkaan = gulummoo
adii = xumurtuudha.
Akksumas himoota tokko tokko keessatti Gulummoon ykn mathimni ifatti hin mul’atu.
Fkn: Fide.
Fide kan jedhu kun hima. As keessatti mathima beekuudhaaf gaafii ‘eenyu’ jedhu of gaafachuu qabna.
Kanaafuu mathimni hima kanaa: ‘Inni’ kan jedhu ta’a.
Gosoota Himaa
Afaan Oromoo keessatti himni akkaataa tajaajila fi caasaa seerlugaa irratti hundoofnee iddoo 2 tti hiruu dandeenya.
1. Tajaajila irratti hundaa’uun:
A) hima addeessaa
B) hima gaafii
C) hima ajajaa
D) hima raajifannoo
Jennee gargar baasuu dandeenya.
2. Akkaataa Caasaa Seerlugaatiin immo:
A) hima Salphaa
B) hima dachaa
C) hima xaxamaa
D) hima Dachaa Xaxamaa
Jennee ramaduu dandeenya.
Gosoota himaa ilaalla…
Tajaajila irratti hundaa’uun:
1. Hima Addeessaa ykn himaamsaa jedhamuun beekkama.
Innis ta’iinsa ykn jijjiirama wanta tokkoo ibsuuf kan nu fayyaduudha.
Fkn: Caaltuun barsiiftuu taate.
Barattootni daree jiru.
2. Hima Ajajaa: innis bifa ajajaatiin ergaa dabarsuuf gargaara.
Fkn: ka’ii mana cufi.
Yeroo barnootaa kabaji.
3. Hima Gaaffii(?): hima bifa gaaffiitiin waa’ee gulummoo ykn xumurtuu hima sana keessa jiruu kan ibsuudha.
Fkn: Margaan yoom dhufe?
Ati yoom dhalatte?
4. Hima Raajefannoo(!)
Kunis hima waan tokko raajjeffachuuf ykn dinqisiifachuuf itti fayyadamnuu dha.
Fkn: Nan bade!
Yaa rabbi nu baasi!
AKKAATAA CAASAA SEER-LUGAATIIN IMMOO:
1. Hima Salphaa: Xumurtuu tokko qofa qabaatee, ergaa guutuu dabarsuu kan danda’u.
Fkn: Caalaan dhufe.
Tolaan gara mana barumsaa deeme.
2. Hima Dachaa:
Xumurtuu lamaa fi isaa ol qabaatee yaada lamaa fi isaa oli dabarsuu kan danda’uudha .
Fkn: -Abdiisaan daree seenee bahe.
– Caalaan Oromiyaa jira, Caaltuun garuu Ameerikaa jirti.
3. Hima Xaxamaa: Ciroo dhaabbataa fi ciroo ofdanda’aa tokko tokko kan ofkeessaa qabuudha.
Fkn: -yoo dhufuu baattellee, xalayaa naaf barreessi.
-Yoo Finfinnee demteef, meeshaa naa bitta.
4. Hima Dachaa Xaxamaa:
Innis ciroo of danda’aa tokkoo fi isaa ol of keessaa kan qabuudha.
Fkn: -yeroo deemtuu fi yeroo deebitus na dubbisii darbi.
GAALEE FI CIROO
Gaalee fi Cirooo
Gaalee: Garee jechootaa walitti Aanee dhufuun hojii tokko kan hojjatu yoo ta’u XUMURA mataasaa kan hin qabneedha.
Ulaagaalee Gaaleen Guutuu qaban:
1. Miseensotni gaalee tokko ijaaran qaaama tokko ta’anii kan waliin socho’an ta’uu qabu.
Fkn: Caalaan harree gurraatti bite..
As keessatti ‘harree gurraattii’ kan jedhu Akka seer-luga Afaan Oromootti wajjin kan deemuu danda’uudha.
2. Miseensotni gaalee sana ijaaran bakka bu’aa tokkoon bakka bu’amuu danda’uu qabu.
Fkn: Caaltuun Xaafii adii bitte.
Caaltuu isuma bitte. Jechi ‘isuma’ jedhu xaafii adii bakka bu’e.
3. Miseensota Gaalee gidduu jechi biraa Galuu hin danda’u.
Fkn: Tolaan mana citaa ijaare isa jedhu keeasatti ‘mana citaa’ gidduu jechibiraa galuu hin danda’u.
GOSOOTA Gaalee:
Galee Maqaa
Gaalee Xumuraa
Gaalee Maqibsii
Gaalee Xumibsii
Gaalee Durduubee….
Gosoota Gaalee, Gosoota Ciroo…
Kanatti Aansuun immoo..
GAREEWWAN JECHOOTAA
-MAQAA
-IBSA MAQAA
-IBSA XUMURAA
-XUMURA FI
– DURDUUBEE
Gosoota Gaalee:
1.Gaalee Maqaa
Gaalee tokko keessatti maqaan mataa ta’ee yoo galeedha.
Fkn: Gammachuun mana ijaara. Hima kana keessatti ‘mana ijaare’ kan jedhu Gaaleedha. ‘mana’ kan jedhu maqaa waan ta’eef Gaalee ‘mana ijaare’ jedhu keessatti jechi mana jedhu maqaa waan ta’eef gaaleen kun Gaalee Maqaati.
2. Gaalee Xumuraa:
Gaalee sana keessatti jechi mataa ta’ee gale XUMURA yoo ta’e, gaaleen akkasii sun Gaalee Xumuraa jennaani.
Fkn: Caalaan daabboo nyaate.
Himni kun iddoo lamatti adda bahuu danda’a. Gaalee Maqaa fi gaalee xumuraatti.
‘Caalaan’ kan jedhu gaalee Maqaati. ‘daabboo nyaate’ kan jedhu Gaalee xumuraati.
Gosoota Gaalee:
1.Gaalee Maqaa
Gaalee tokko keessatti maqaan mataa ta’ee yoo galeedha.
Fkn: Gammachuun mana ijaara. Hima kana keessatti ‘mana ijaare’ kan jedhu Gaaleedha. ‘mana’ kan jedhu maqaa waan ta’eef Gaalee ‘mana ijaare’ jedhu keessatti jechi mana jedhu maqaa waan ta’eef gaaleen kun Gaalee Maqaati.
2. Gaalee Xumuraa:
Gaalee sana keessatti jechi mataa ta’ee gale XUMURA yoo ta’e, gaaleen akkasii sun Gaalee Xumuraa jennaani.
Fkn: Caalaan daabboo nyaate.
Himni kun iddoo lamatti adda bahuu danda’a. Gaalee Maqaa fi gaalee xumuraatti.
‘Caalaan’ kan jedhu gaalee Maqaati. ‘daabboo nyaate’ kan jedhu Gaalee xumuraati. 3. Gaalee Ibsa Maqaa ykn Maqibsii:
Gaaleen kun gaalee mataan gaalee sanaa maqibsa ta’eedha.
Fkn: Caalaan akkuma abbaa cimaadha.
‘akkuma abbaa cimaa’ kan jedhu gaalee maqibsiiti.
As keessatti ‘cimaa’ kan jedhu maqibsa. Akkuma abbaa kan jedhu sun immoo cimina caalaa maal akka fakkaatu ibsuuf kan galeedha.
Kanaafuu: himni asii olii kana keessatti ‘akkuma abbaa cimaa’ kan jedhu gaalee maqibsaati.
4. Gaalee Ibsa Xumuraa ykn xumibsi:
As keessatti ibsi xumuraa mataa gaalee sanaa ta’ee yoo argame.
Fkn: Caalaan har’a dhufe.
Hima kana keessatti ‘har’a’ inni jedhu xumibsa agarsiisa.
Kanaafuu, ‘har’a dhufe’ kan jedhu Gaalee xumuraa ta’ee mul’ata jechuudha.
5. Gaalee Durduubee
Hub: durduubee jechuun Maxxantuu maqaa tokko dura ykn booda galuun galumsa jecha tokkoof haala mijeessaniidha.
Gaalee durduubee kan jennu: mataan gaalee sanaa durduubee yoo ta’eedha.
Fkn:Caalaan hatattamaan dhufe.
‘hatattamaan dhufe’ kan jedhu gaalee durduubeeti.
As keessatti ‘hatattamaan’ kan jedhu kan
hatattama +an addaan baha, ‘an’ kan jettu kun maxxantuudha. Kanaaf gaalee durduubee gooti.
Ciroo….
Ciroon tuuta jechootaa irraa kan ijaaraman ta’ee ergaa guutuu dabarsuu kan danda’u ykn hin dandeenyeedha.
Ciroon Mathimaa fi xumura mataasaa ni qaba.
Gosoota Ciroo:
1. Ciroo of danda’aa
2. Ciroo hirkataa.
Ciroo of danda’aa kan jennuun akka hima tokkootti Mathimaa fi xumura mataasaa qabaachuun Yaada ykn ergaa guutuu ta’e kan qabuudha.
Fkn: Ibsaan ife.
Caalaan barataa cimaadha.
Kanaafuu ciroon of danda’aan hima ta’uu ni danda’a.
Ciroo Hirkataa: kunis kan of danda’ee hin dhaabanne yoo ta’u hiika ykn ergaa guutuu ta’e dabarsuu hin danda’u.
Fkn: 1. yoo dheebotte,
2. Barumsi waan itti cimuuf,
3. Osoo akka garaa kootii,
Fi kkf
Ciroo
Ciroon tuuta jechootaa irraa ijaarama.
Ergaa guutuu dabarsuu ykn dhiisuu danda’a.
Mathima fi Xumura mataasaa ni qaba.
Ciroon ergaa guutuu dabarsuu danda’u Ciroo of danda’aa yoo ta’u
Kan ergaa guutuu hin dabarsine immoo Ciroo hirkataa jedhama.
Fkn: Fiigichaan dhufe.
Himni kun ergaa guutuu dabarsa. Gaafii eenyu jedhuuf ‘Inni/an’ kan jedhu ta’a.
Kanaafuu Ciroo of danda’aa ta’a.
Fkn biraa:
Barataa waan ta’eef, …
Himni kun hin xumuramne.
Gaafii eenyu jedhuuf ‘inni/an’ jechuu dandeenya. Garuu Maal ta’e kan jedhuu deebii laachuu hin dandeenyu, hima rarra’ee hafeedha.
Kanaafuu ciroo Hirkataa jennaan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

%d bloggers like this: