Kutaa 8ffaa Geerarsa.

Aadaa Oromoo: ‘Geerar geera naan jedhu, Geerarii maal na gorsuu’

Geerarsaan haala jiruufi jireenyaa himan. Miira ofii ibsatan. Gadda, aarii, gootummaa, hamilee, obsa, jaalala, kan biroo geerarsan akka nama seenutti namaaf darba. Geerarsi lafa Oromoon jiru mara jira.

Geerar geerar naan jedhu

Geerarii maal na gorsuu,

Anayyuu garaan nan obsuu,

Yaa ijoollee biyya keenyaa

Yaa ijoollee Oromiyaa

Jedhii naan jettaniiree

Booda waa hin jettaniiree…..

 

Inni diina isaatti duulee ajjeeseefi adamoo bahee mirgaan gale geerarsa qondaalaa geerara.

Geerarasaan nama nama dhaanu komachuutii hanga bulchaa cunqursu qeequutti dubbii dachaafi baaqqeen himu. Yaada isa dubbii qaraan ibsachuu hanqatan geerarsaan labsu.

Geeraraan lafa namni walitti qabametti onneen haa dhuftuufiyyuu malee laftii hundi kan geeraraati jedhama. Barsiisaan fookloorii dubbisnes, ”cidha, daboo, gadaa bobba’aniillee gaafa laga bulan halkan ka’anii geeraru, karaa gaafa deeman dadhabbii ittiin bahuuf, mukuu itti bahuuf ni geerama” jedhu.

”Mallattoo eenyummaa keessaa tokko waan taheef geerarsi lafa Oromoon jiru hundumaa jira” jedhu qorattoonni.

Muffii, gadadoofi dararaa sabaa geeraraan kan garaa garaatu beeka jedhee hin hambisuu laphee dhiibbatee jecha isaa qaratee addabaabyitti dhoosa.

Qamalee koo Qamalittii

Yaa Ishee goongoorra utaaltu

Arbi ciinjiijjiitti dhale

Akkamiin rafnee bulla

Fuulduraan otoo eegnuu

Diinni boroodhaan gale

Akkamiin rafnee bulla

Nuti Jaalala jenna

Diinni ammas nuun ciisne

Kunoo mi’eessoon galee

Rasaasaan nu waxalee

Akkamiin rafnee bulla

Diinni silaa nuun ciisne

Kunoo cinaaksan gale

Rasaasaan nu waxalee Jechuun ture artistiin beekamaa Oromoo waltajjii araaraa Ertiraafi Itoophiyaa galma miiliniyemiitti kan geerare.

Oromoon geerarsa isa jagnummaa ittiin lallabu, isa hiriyyeefi jaala ittiin lellisu isa biyyaa fi goota ittiin faarsu afaanumaan ilmaansaatti himee lufsiisaa asiin gahee jira.

Nama geeraraa turefi jiru keessa seenaa kuufamaa jira.

Seenaa jabaa ittiin himuu danda’amuunsaafi meeshaa malee sagalee nama geeraruun qofa tolchamuunsaa, dandeettii yaada tarreessuu geeraraa san irratti murtaa’a.

Namichi gidiraafi bu’aa bahii keessa darbe nama fuulduratti bahee gaafa of himatu dhaloonnii inni taa’ee dhaggeefatu gootummaa fi jagnummaa irraa barachaa deema jedhu Hayyoonni.

Dur geerarsi dhiiraan geerarama dubartooti immoo ililleetiin ‘ishoo’ jechaa jala qabu. Artistiin Oromoo gameettiin tibbana haasaa BBC waliin taasisteen waan kana cabsuun,

Geerar geerari jettuu

Ani maalan geeraraa

Anoo yaadan yeelala

Geeraree maal na gorsuu

Yoon dhiise natti kolfuu

Yoon geerare maal qabaa?

Eessa kooti didaa qabaa

Gudar gubbaan lafaaree

Dubartummaan fafaaree

Citeetu namatti hafaaree

Jettee geerarteetti.

Geerarsi maaliif qabbanaa’e?

Namni duratti qofaa geeraraa lafoosaa adeemu amma konkolaatan deemanii waan galaniif waltajjiin kana jajjabeessu badaa dhufeera keesumaa gara magaalaa jedhu Hayyichi.

Ajjeesuunis dhorkaa tahuunsaafaa geerarsi akka qabbanaahu godhee jiras jedhaniiru.

Kanaaf immoo dhaloota dhufu geerarsa barsiisuu irraa qabee isa dur afaaniin dabarsan amma barreefamaan kaa’uun akka hin badnee eeguun barbaachisaa dha jedhu beekaan kun.

kutaa 9ffaan itti fufaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *