Kutaa 10ffaa

Faaruu loonii faaruu ummatni Oromoo kabajaaafi jaalala loonii fi sangaaf qaban kan itti ibsataniidha. Faaruun loonii yeroo looni bobbaasani, galchani, oofaniifaa kan jedhamu.

Sangootaafi meeshaalee ayidaa walirraa ergifachuun faayidaa sangoonni namaaf kennu tarreessuun, fakkeenyaaf kotteen sangootaa waancaa ta’uu isaa, erbeen latii ta’uu kan irra bulamu, foon irbaata ta’uu kan ittiin bulamufi kan kana fakkaatu yoota’u abdii gara fulduraa itti mul’isuun akkan jedhanii faarsu, callaan gootaraatti galee, makarri gahuu gahee, margaan sigahuu gahee jechuudhaan abdii jiru sangootaaf faarsu.Faaruun armaan olii kun ammoo hawaassummaa, abdii jirufi diinagdee namoota jedduu garaagarummaa jiru kan agarsiisu ta’ee sangoonni si’aa’inaafi damaqinaan akka ayidan taasisa.

Jiruufii jireenyi Ummanni Oromoo ittiin jiraatan keessaa qonna cinaatti loon
horsiisuudhaan beekkaman.Loon horsiisan kana ammoo eddoo itti faarsan, yeroo itti
faarsan, gosa faaruu faarsanii,qabiyyee faarsan, faayidaa faarsaniifi yoomessa raawwii
faaruu loonii fa’a qabu.Yoomessa qabiyyeewwan faaruu loonii eddoowwan adda addaa
sagalitti kan daawwataman yoota’u kunneenis,faaruu loonii waytii qonaa,faaruu loonii
waytii ayidaa,faaruu loonii waytii sa’a elmanii,faaruu loonii waytii too’ee
obaasanii,waytii jabbilee uruursanii,waytii loon uruursanii,faaruu loonii waytii aannan
raasanii faaruu loonii waytii loon bobbaasanii faa yoota’u isaanis armaan gaditti
ibsamanii jiru.
Gosa Faaruu Loonii Waytii Qonnaa.
Qonni jiruufi jireenya ilma namaatiif murteessaa yoota’u qonna kanaaf ammoo bifa
aadaatiifi ammayyaatiin kan qotamuudha. Aammayyaadhaan konkolaataadhaan yoota’u
gama aadaatiin ammo qotiyyoo yookin sangootaani. Qotiyyoonni kunniin jajjabinaafii
si’aayinaan akka qotaniifi maqaa adda addaatiin Daalee, Gurraa, Shaanqoo, muxaa…
jechuun dhuunfadhaanis ta’ee gamtaadhaan niqotu. Gamtaadhaan yoo qotan kana guuza
yookin daboo wal kadhachuun kun ammoo oromoon aadaa walqarqaarsaa kan qabaniifi
tokkummaafi hawaassummaa daandii ittiin cimsatan keessaaa tokko yoota’u, sangoota
yookan araashii faarsanii ittiin qotan. Meeshaa qotiinsaa kunis nooyee, harqoota,
dongoraa, babateefi…qonnaaf itti tajaajilu. Kanaaf namoonni waytii qotiinsaa akka
armaan gadiitti jedhanii waytii qonnaa faarsu.
Akka jedhee sangaa qotiyyonii
Akka jedhee sangaa qotiyyonii
Fardaaf harree gorboo itti ijaartaa (bakka itti sooraman qopheessitaafi akka
jechuuti.
Ana badaatti maaliif nadhaantaa
Ana badaatti maaliif nadhaantaa
Itti ejjadheetan buqisa daarii
Achan sirraa fageessa shigaarii
Achan sirraa fageessa chigaarii
Yoon gabbadhe birriitti nalaaltaa
Yoon huuqadhe badaatti nadhaantaa
Yoon huuqadhe badaatti nadhaantaa
Yoon dadhabe qaceedhaan nafaayixaa
Kiyya galanni kana faan deebi’aa.
Kiyya gallaanni kanafa’aan deebi’aa
Qoricha qotiinsaa akkamitti quufanii
Akkamitti dhaadanii daarii buqqisanii
Oolanii haagalanii galanni kan isaanii
Warri loonii kooree kosii jala qotaa
Kosiin garbuu magarsaa
Kosiin midhaan jiigsaa
Kosiin marga magarsaa
Yaa warra loonii warra loonii
Looni looni areera jaarsaa(manguddoon aannan malee akka waa hin nyaanet.)
Looni looni areera jaartii
Loon looni areera jaartii
Yaa handarii ganamaa yaatu hoo
Qawween ambaa kan namaa hin taatu hoo
Loowwan ammaa kan durii hin caaltu hoo
Horaa, horaa yaaloon wayyoo
Loon qotilee wayyaa
Qotiyyoo qottuu wayyaa
Beenu mee kuullee kiyyaa [ Kuullee kan jedhamu horii bareedaa magaala
dheeraadha.]
Margaan sigahuu wayyaa
Margaan sigahuu wayyaa
Walumaa galatti qonni jiruufii jireenya namaa keessatti hawaassummaa kan uumu ta’uu
yoo mul’isu kunis qonnarratti guuza yookin daboo walkadhachuun waliif qotu. Gama
biraatiin bakka sangaa bu’uudhaan komii sangoonni qotiinsaa namarraa qaban faaruu
armaan olii kanarraa hubatamee jira . Fakkeenyaaf,
“Fardaafi harree gorboo itti ijaartaa
Anabadaatti maaliif nadhaantaa
Itti ejjadheetan buqisa daarii
Achan sirraa fageessa chigaarii”
yaanni jedhu sangaan osoo ifaajuu , osoo, qotuu galanni isaanii dagatamee tumaadhaan
deebi’uufi kunuusa fardaafi harreedhaaf godhamu ifaajee isaaniitiin wal bira qabamee
yoolaallamu garaagarummaa guddaa qabaachuurraa kan ka’e haala armaan oliitti
faarsame kanaan komii qaban kan ibsataniidha. Gama biraatiin ammoo meeshaa qonnaa,
sangootaafi kan kana fakkaatu waliif ergisuun namoota jedduutti hawwssummaa cimaa
uuma. Walumaagalatti gochoota sangoonni ilma namaatiif gochaa jirtuufi ofduratti gootu
walalichi kan ibsuudha.
Gosa Faaruu Loonii Waytii Ayidaa
Midhaan haammamee, tuulamee, ooyidaatti guurramee sangootaan yoo ayidamu
sangoota nifaarsu.Sababbiin midhaan dafanii akka irra deemanii bulleessan, callaan akka
barakatuuf yoota’u, qotiyyoon jabaan kottee ulfaatu xallaashii yoota’u qotiyyoon colleen
ammoo qarqararra oofuun faarsan. Waytii ayidaa kan ammoo midhaan ayidamu akka
bullaahuuf manshiifi, sorfaan yoo urgufamu ruqoofi callaa adda baasuuf ammoo
laayedaatti fayyadamuun kan bubbeetti kennan yoota’u, midhaan baayinaan kan ayidamu
baatii amajjiifi gurraandhala keessa ayidama. Sababbiin isaaa baatii kana lamaan keessa
roobni waan hin jirreefi. Akka aadaa oromootti midhaan ayidamee ooyidii ksseeatti
callaan Yootuulame osoo keeshaa yookan madaabaraatti hin naqin dura laayedaa callaa
qixxee dhaabu. Sababbiin isaa callaan nibarakata jedhamee waan amanamuuf. Gochoota
kana keessatti ammoo sangoota waytii ayidaa haala armaan gadiitti faarsu.
Looni yaa loonishee Looni yaaloonishee
Loontu maal hin taane waan loonii maaltu badaa ta’ee
Kotteen shinii ta’aa, kan bunaan dhuganii
Gaafni fal’aan ta’aa, kan marqaan nyaatanii
Erbeen latii ta’aa, kan irra bulanii
Foon irbaata ta’aa, kan ittiin bulanii
Faltiin qoraan ta’aa, kan ittiin bilcheessanii
Looni yaaloonishee, afaaniin huuba guurii
Kotteen barakaa guurii
Looni yaa loonishee dibatan miidhagsoo
Looni yaaloonishee dhugan qabaneessoo
Looni yaaloonishee dhugan qabaneessoo
Gurrole yaadalluu tolaa
Dallaan loonii maagarri kuulaa
Dallaan loonii maagarri kuulaa
Sin faarsaa roga gali yaa gurroolee
Gurroolee kotteen xiyyoo fakkaatu shimdhahii
Kottee keetiin nanshi yaa loonii
Gaafa keetiin manshii yaa gurroolee
Roorrisaa ilma dhalchi yaagurroolee (sangootan wal lolaa,ii,ii,ii, jechaa ilma
dhalcchi)
Roorroo mitii makaraa
Makarri gahuu ga’e yaa gurroolee(wayutii oomishin gahe,waytii quufaa)
Margaan sigahuu ga’ee
Maddaan siigahuu ga’ee
Huruursii maker galchii
Huruursanii maker galchanii
Roorrisanii ilma dhalchanii
Roorrisanii ilma dhalchanii
Roorrisan malee maker hin galchanii
Roorrisan malee ilma hin dhalchanii
Roorrisan malee ilma hin dhalchanii
Sin faarsaa dhaggeeffadhu
Kotteedhaan calla gaggeefadhu
Mee tumii lama, mee tumii lama
Kotteedhaan mooyyee qabdaa
Harkaan muktumaa qabdaa
Gaafti kee malkataa
Kottee kee barakataa
Kottee kee barakataa
Gateettii duuba gootee
Eegee shurrubbaa gootee
Maala kee bullukkoo gootee
Takkatuu shimii dhahii
Takkatuu shimii dhahii
Sin faarsaa hin gammadinii
Sin abaaruu hin booyinii
Morma jala sidhahanii
Afaan sihidhanii yaa loonii
Bonni hin jiruu bonni illee fagaatee
Lama bullaan arfaasaan dhihaatee
Loowwan maal hin taanee
Loowwan gaafa shunee
Isin bannaan bannee
isin gallaan gallee
Looni yaa loonishee
Kan siqabu boonee
Kan sidhabe boo’ee
Kan sidhabe boo’ee
Horaa yaa loon wayyoo
Qotiyyoon faaruu feetii
Qottuun gargaarsa feetii
Roqoon waan kaan keetii
Callaan waan abbaa keetii
Hori yaa loon wayyaa
Xallaashiin xalaxalee
Callaan gootaraatti galee
Makariin gahuu gahee
Margaan sigahuu gahee
Yaada armaan olii kanarraa wantti hubatamu midhaan haamamee tuulamee yeroo
ayidamutti yookan callaan sassaabamutti namoota jedduutti hawwassummaafi diinagdee
ni uuma. Kunis yeroo midhaan ayidamee callaan ooyiidiitti tuulame abbaan calla kun
midhaan namoota hin qabneef bifa kennaa yookin liqiitiin namaaf kennu. Askeessatti
hiyyeessi yookan namni homaa hin qabne ooyidaa kadhaa yoo dhaqe liqii malee tola
kennaniif. Askeessatti Oromoon hiyyeessa gargaaruun akka waaqni jaalatu waan
beekuufi. Sangootaafi meeshaalee ayidaa walirraa ergifachuun faayiddaa sangoonni
namaaf kennu tarreessuun,fakkeenyaaf kotteen sangootaa waancaa ta’uu isaa, erbeen latii
ta’uu kan irra bulamu,foon irbaata ta’uu kan ittiin bulamufi kankanafakkaatu yoota’u
abdii gara fulduraa itti mul’isuun akkan jedhanii faarsu, callaan gootaraatti galee, makarri
gahuu gahee, margaan sigahuu gahee jechuudhaan abdii jiru sangootaaf faarsu.Faaruun
armaan olii kun ammoo hawaassummaa,abdii jirufi diinagdee namoota jedduu
garaagarummaa jiru kan agarsiisu ta’ee sangoonni si’aa’inaafi damaqinaan akka ayidan
taasisa.
Faaruu Loonii Waytii Sa’a Elmaa
Saani takka aannan kennuuf dhaluu qabdi. Saani dhalte tun guyyaa tokkotti waytii lama
elmemti kunis ganamaafi galgala sa’aatii tokkoo hanga sa’atii lamaatti. Jabbii qabaattee
harkuu taatee waytii elman wanti faarsaniif akka aannan gadi dhiistuufi akka waytii
elman dhaabbattu maqa sa’aa “harboo”, “gurree”, “daalee” …jechuun maqaa dhahuun
akka sa’a faarsan yoota’u, sa’a gaadi’uun aannan elemtuu keessatti kan elman yoota’u;
saani akka dhalteen hamma torban lamaatti aannan elmamu silga jedhama.
Silgi kan dhugamu manguddoota, olla, nama waytii too’ee loon san obaasu waamuun
eebifatanii silga dhugu. Sababbiin yoo haala kanaan hin raawwatamin jabbiin jala
hinguddattu amantaa jedhu waan qabaniifi. Kanaaf namni jabbilee qabu jabbii hooksaa
yoofaarsu kan jabbii elmitus elmaa kan faarsaniidha. Kanumaan walqabatee faaruun
loonii waytii sa’a elmanii akka armaan gadiit fakkaata
Gurraa kiyyaa gurri gindoo gahaa (Gurraan halluun sa’aa gurraattii waantaateefi)
Aannan malee bunni cittoo ta’aa
Aannan malee bunni cittoo ta’aa
Looni yaaloonii nuuf kanni aannanii
Mee nugammachiisii shaa godhii aannan gadhiisii.
Meenugammachiisii shaa godhii aannan gadidhiisii
Suma qabatanii deeman godaansattii
Ammas itti fufaa daandii horsiisattii.
Ammas itti fufaa daandiin horsiisatti
Waa’een loonii dubbatamee hin dhumuu
Aanna nu’unsiisanii dhadhaa nudibsiisanii
Loowwan burqaa keenyaa
Bu’uura jireenyaa bu’uura jireenyaa
Bakka filanneefii loon keenya horsiifannaa
Isaan horsiifachaa walumaan jiraachaa
Aanna keenya unachaa dhadhaa keenya dibachaa
Ganama elmmachaa galgala raafachaa
Ollaa bitaa mirgaa aanna unachiisnaa
Marqa marqinee dhadhaa xuqachiifnaa
Yaaburree yaadaalee ofachaa bobba’aa dhalaa galaa
Jedhanii faarsanii ollaan walii galaa
Jedhanii faarsanii ollaan walii gala
Loon horsiisuun keenya bu’uura jireenyaa
Baay’ee itti abdannaa kuni aadaa keenyaa
Baay’ee itti abdannaa kuni aadaa keenyaa
Looni hoo kan kaloo kuchisiisu
Aannan malee bunni hin unsiisu
Yoo gadabii galu reehpisa hoo
Loowwan gumaa bade deebise hoo
Saawwan lafee cabde deebisa hoo
yaa dalachoo daale hoo daale hoo
Akka jaldootti qarree saare hoo
Gosa lammii tiyya yaa dale hoo
Muxaan adiin buburraaqee galee
Itti gadidhiisi haa’elmamu malee
Itti gadidhiisaa haa’elmamu malee.
Walumaa galatti faaruu waytii sa’a elmanii keessatti wantoonni mul’atan duudhaa
hawaasaa kan ibsuudha. Kunis sa’a silga elmanii manguddoofi olla nama sa’a san
bishaan itti too’aa bahe waamuun osoo aannanitti hin fayyadamin dura yoo hin eebbifatin
jabbiin akka jala hin guddanneefi loon hin horreetti waan amananiif kun duudhaa
hawaasa sanii agarsiisa. Gama biraatiin ammoo faaruu kan keessatti wanti hubatame
ollaan aannan waliif qicuu aannan malee bunni akka bu’aa hin qabneefi dhadhaa wal
dibachiisuun gocha hawaassummaa as keessatti kan calaqisiisi ta’uu agarsiisa.Gama
biraatiin jaallalli saani jabbiidhaaf qabdu as keessatti kan ibsameedha. Fakkeenyaaf,
muxaan adiin buburaaqee galee,itti gadi dhiisaa haa elmamu malee jechuun faarsu,kuni
gocha haati jabbiitti mul’isturraa kan ka’eedha.
Faaruu loonii waytii too’ee Obaasan
Loon eela yookan burqaa gadi fagoo namoota 2-6 tiin walirraa fuudhuudhaan loon
obaasan “too’ee” jedhamuun kan beekkamu yoota’u ,meeshaan ittiin too’an “okolee”
yoojedhamu gogaa looniirraa dhadhaafii aannaniin dhiisamee kan tolfamuudh.Namni
okolee malee too’ee dhufe loon osoo hin obaasin gala. Kuni murtii oromooti. Kan
okoleedhaan bishaan itti too’an ammoo “naanniga” jedhama. Naannigni kun
dhoqeedhaan akka bishaan hin yaafnetti bal’atee ijaarama. Naannigni yoo bal’ate loon
sirritti akka horan agarsiisa.Naannigni yooxiqqaatee hojjatame loon xiqqaachuu
mul’isa.Yeroo ammaa kana ammoo faaruu looniitiif xiyyeeffannaan kennamuuf
xiqqaachuurraa kan ka’e okoleen, ruubii muraafi qumbaa dhaan kan bakka bu’e yoota’u
naannigni ammoo saaniifi saafatu bakka bu’e. Sababbiin faaruu kana faarsaa too’aniifis
akka dadhabbiin itti hindhagayamneefi loon sirritti bishaan dhugu jedhanii waan
amananiifi. Haata’u malee odefkennitootarraa faaruu loonii waytii too’ee haala arman
gadiitiin faarfama.
Namni shimmoo bulte nyaatee
Too’aa horii ijjibbaatee
Okolee too’ee itti baatee
Okolee too’ee itti baatee
Yaaqabeenya loonii horii jiraadhuu
Dafaatii bishaan itti too’aa akka bahu dheebuu
Isaantu kenna aananiifi dhadhaa kan dhoowwu aduu
Isaantu kenna aannaniifi dhadhaa kandhoowwu aduu
Olyaa’ullee lafti teenyaa mitii
Gad yaa’ull lafti teenyaa mitii
Waan Rabbi nuuyaadu beeknaa mitii
Waan Rabbi nuuyaadu beeknaa mitii
Ol yaa’ullee daangaa ambaa hin hanqatuu
Gad yaa’ullee daangaa ambaa hin hanqatuu
Warri waantaa mure haarakkatuu
Abbaan lafaa sila maa lallabaa
Jabbii dheeduuf garaan dadhabaa
Inni baddaa farda yaabbata hoo
Maaltu horii dura dhaabbata hoo
Maaltu horii dura dhaabbata hoo
Morma sihidhuun akkumaa
Afaan sihidhuun akkumaa
Bona wayya moo ganna wayyaa
Bona aduun majajii ganna dhoqeen bacaqii
Arfaasa roobuu wayyaa
Hora obaasuun fayyaa
Yaa sayya hoo saayya hoo
Saayya horii buusa toliin
Ulfina kee misa hin seetu gariin
Ulfina kee misa hin seetu gariin
Olyaa’ullee hora daalchee dhugaa
Gad yaa’ullee hora daalchee dhugaa
Qaxaamurreen akka weenni mukaa
Yaa galgaloo soomayaan dadayaa
Saattoo irraan ifa yaa saafayaa
Horiin kan dhiiraa, kan abbaan horatee
Dheedaafii obaasaan kan yeroon too’atee
Horiin kan dubartii kan haati too’atte hoo
Kan faltii isaanii ganamaan jalaa harte hoo
Walumaagalatti waytii too’ee obaasan keessatti wantoonni mul’atan meeshaan aadaa
jiraachuu,duudhaa hawaasaa qabaachuu isaati.Kunis okoleen meshaa aadaa yoota’u
naannigni bal’achuufi dhipachuun hormaata looniitiin walqabachuun duudhaa hawaasaa
sanii kan mul’isuudha.Gama biraatiin loon bishaan itti too’uun ulfaataa ta’uu isaati.
Fakkeenyaaf, namni shiimmoo bule nyaate too’ee horii ijibbaate, okolee too’ee itti baate
jechuun faarsu. kanarraa wanti hubannu namni bishaan loonitti too’uu deemu nyaata
gaarii kan humna namaa ta’uu danda’u nyaachuu akka qabu kan nugarsiisu yoota’u,
kanata’uu baannaan yookin nyaata akka shiimmoo nyaannaan too’uu kan ijibbaatu
yookan kan dadhabu ta’uu isaati. Gama biraatiin faaruu armaan olii kanarraa wanti
hubatamu,faaruun waanyoo ibsitu keessa jiraachuu isheeti.Fakkeenyaaf,abbaan lafaa sila
maaf lallabaa,jabbii dheeduuf garaan dadhabaa. Yaada kanarraa wanti hubatamu abbaan
lafaa loon ambaa yoodheedu bakka dheedichaa akka dhoowwu kan mul’isuudha.Gama
biraatiin faaruu kanarraa oromoon kunuunsa looniif godhu agarsiisa. Fakkeenhaaf,horiin
kan dhiiraa kan abbaan too’atee,dheedaafi obaa kan yeroon too’atee. yaada faaruu
kanarraa wanti hubannu loon dhiirri kantoo’atu ta’uufi kaloo dheedanii jiranii,ququufanii
jiranii,bishaan dhuganii jiranii walumaagalatti kunuunsi looniif godhamee jiraa yaada
jedhu yoota’u kun ammo gahee abbaa warraa ta’uu nugarsiisa.
Faaruu Loonii Yeroo Jabbilee Uuruursanii
Ganamas ta’ee galgala yoo sa’a elman jabbileen yoo sa’a hootu argite ni mar’atti.
Akkasumas waytii loon galuu gahan nimar’atti .yeroo sa’a elman jabileen haadha
hoodhuuf gaggabdi yoojabbilee tana jalaa haadha elman jalqaba jabbileen hoodhuudhaan
mucha haadhaa laafisti,sana booda ni elmu. Erga elmanii geessanii booda jabbii itti
gadidhiisuudhaan hoosisan,xiqqoo turanii jabbilee jalaa qabanii itti deebi’anii elmu.
Haalli kun kutata itti deebi’uu jedhama. Sababbiin haati aannan jabbiidhaa jettee
hambifatti yaada jedhuufi. Namni jabbilee haadha hoodhuuf gaggabdu tana qabu akka
armaan gadii jechuun uruursa yookiin faarsa.
Eemmolee eemmolee (Eemolee jechuun waatilee,jabbilee,emme,emme
irraadhufe.
Maal wayya maal wayyaa
Loon wayya loon wayya
Dhuguma loon wayyaa eemmolee
Loowwan jiruu jaarsaa (jaarsi yoonyaatu aannan malee liqimsuun itti
ulfaata.)
Loowwan qabeenya jaartii
Qa’ee saawwi jiru
Oyidiin margaa dhaa
Bulteen mararaadha
Mareen gurguddoodhaa
Keessummaan ulfoodhaa
Dhuguma loon wayyaa
Jabbii gaafa lakkuu
Yoo sidhaban hanquu
Dhuguma loon wayyaa
Yeroo inni hora dhuguu
Loon martuu ni gammaduu
Akka dafee galuu
waaqa isaanii kadhatu Jabbileenii
waaqa isaanii kadhatu Jabbileenii
Yaada kanarraa wantti hubannu akkuma ilmoon namaa haadhaaf boochu jabbileenis
ganama galgala yeroo beelofte haadhaaf nimar’atti, yeroo haadha agarte hoodhuuf
nigaggabdi gama biraatiin faaruu armaan oliirraa wanti hubannu namni loon hin qabne
akka waan qaama isaarraa wanti tokko hir’ateetti laallama. Fakkeenyaaf, jabbii gaafa
lakkuu,yoo sidhaban hanquu.Yaada kanarraa wanti hubannu namni horii elmatu hin
qabne akka waan qaama isaatirraa waa hir’ateetti kan of laalu ta’uu isaati. Yeroo kana
namni jabbii qabu akkuma daa’imman sossobanitti jabbiifis kan faarsaniidha.
 Faaruu Waytii Loon Huruursan
Oromoon jaalala looniif qabu karaan ittiin ibsan keessaa tokko loon uruursuudhaani.Akka
odeefkennitoota adda addaarraa odeeffannoo waa’ee uruursa loonii argadhetti faaruun
kun loon waytii bobbaa deeman, waytii bobbaa galan,waytii daarii midhaanii tiiksan
kanfaarsan yoota’u tiiksee loon eegduun badheetti faarsama. kun ammoo faaydaa loon
namaaf kennu,heddu yoota’u isaan keessaa muraasni;madda galiitiif ni oolu,gabbara
yeroo intala gurguraniitiif ni oolu; yeroo gumaa baasanii,yaroo zakaa baasaniifi kan
kanafakkaatuuf kan nufayyadan yoota’u, zakaan amantii musiliimaatiin wal qabatee kan
loon nama harka qal’eeyiitiif harka kudhan keessaa harka tokko kan kennamu yoota’u
haala armaan gadiitiin loon faarsu.
Haadheedanii marga heexoo jalaa
Loowwan malee hin jirtu leetoon namaa
Saaya gomboon saayya gomboon [gomboo jechuun sa’a gaafni guddatee walitti
dhufe]
Yoo itti raasan bareeda orfoon
Saayya lalii ulfina kee misa gooti gariin
Mana jechuun mana oo’inee
Loowwan jechuun loowwan xooshinee( nama loon kunuunsuun beekkame)
Hoo saayyituu ee saayyituu saayyituu
Biyya sifaarsattu raayyaaf lixuu
Seekkoo bituun waan mishaa seetanii
Askoo bituun waan mishaa seetanii
Raada bitaa arabaan ceetanii(raanni nihorti,qarshiitti jijjiiramti,qarshii biyya
alaatiin ce’u)
Arroo shuraa ee gurraa shuraa
Bakkuma siitolten laalee bulaa
Arroo kiyyaa daalee kiyyaa
Maalaan dhahii dheedi ristiin kiyyaa
Arroo boonaa gurraa boonaa kiyyaa
Ana haalolanii loon malee hintolanii
Citaa gaara irraa cite yaa’e birraa.
Leencaan loluun maal abbaa keessanii
Tubbaan mandiitee badii teessanii(qotiyyoon gabaabaan furdaan bookies,lole)
Abbaayiin baallii shokoksee
Adawaa ari’ee bokoksee
Loon irraakaasaa cirri
Loon haahammaartuu birrii
Loon malee waasii ta’uu dide firrii
Abbaan loonii dura deema qawweenii
Huccuu adii saamunaan miiccanii
Qawwee jechuun kan loonii tiiksanii
Qawwee jechuun kan loonii tiiksanii
Faaruu armaan olii kana keessatti bu’aan loon ilma namaatiifa qabu gama
hawaasummaatiin gabbarri intala fuudhaniif kennamu, lubbuun namaa yoo nama harkatti
baate jaarsi biyyaa gumaa loon bakka buusu. Amantiin wal qabatee zakaa baasuun harka
kudhan keessaa loon harka tokko rakkataaf kennu dabalataan gama hawaassummaatiin
araara buusuufi wantoota adda addaa walitti araarsuu yaada jedhu kan qabu yoota’u,gama
biraatiin ammoo faaruu armaan olii kanarraa wanti hubannu oromoon jaalala looniif
qabukan ibsu ta’uu isaati. Fakkeenyaaf,haadheedanii marga heexoo jalaa,loowwan malee
hin jirtu leetoon namaa.yaada kanarraa wanti hubatamu marga mi’aawaa,qaalii kan akka
laayyootti hin argine akka dheeduu qabaniifi loowwan malee jiruun namaa akka
jiraachuu hin dandeenye kan nugarsiisu yoota’u,faaruun biraa ammoo arroo kiyyaa
daalee kiyyaa,maalaan dhahii dheedi ristiin kiyyaa. Yaada kanarraa wanti hubannu
kaloon yookan lafti kiyyaa akka barbaaddetti dheedi yaada jedhu dabarsa.Walumaa
galatti faaruu armaan oliirraa wanti hubannu oromoon jaalala looniif qabu nugarsiisa
 Faaruu Loonii Waytii Aannan Raasan
Aannan raasuudhaaf aannan elmamee hubboo keessatti kuufamee guyyaa2-4 itichanii
hubboo xixxiqaa yookan buqqee gugguddaatti naqamee raafama. Hubboofi Buqqee dura
meeshaa aadaa “Borfee” jedhamu gogaa sangaa kormaarraa kan hojjatamu keessatti
kuufamee raasamaa ture. Aannan hubboo keessatti kuufame kana yookan itittuu yoo
namaaf qican aannan mataa irraa hubbootti deebisu. Sababbiin aannan hubboo keessatti
hafe dhadhaa hin bahu amantaa jedhamu waan qabaniifi.Aannan adeemsa haga dhadhaa
bahuutti suukii xixiqaa suukii,uggudda,kanjedhamu keessa darbee dhadhaa baha.
Meeshaan aadaa kan dhadhaan keessa taa’u yookan itti kuufamu Maddaa yoojedhamu
gogaa kormaa yookan gogaa dal’uu Gaalarraa hojjatama.Yeroo raasan kana maqaa sa’aa
dhahuun Arboo, Burree, Daalee…jechuun maqaa dhahuun faarsu. Sababbiin yeroo
aannan raasan akka hin dadhabneefi dhadhaan akka baay’atee bahu jedhanii waan
amananiifi. Dhumarra dhadhaan dafee yoo bahuu dide erbaadhaan
rukutaniiyookanerbanii dhadhaafii baaduu addaan baasu. Kanaaf yeroo aannan raasan
akka armaan gadii jedhanii faarsa
Aannani hoo dafii bahiiwoo
Baattuu dhadhaa adii tahiwoo
Baattuu dhadhaa adii tahiwoo
Daaleen galee dib jedhee ciisawoo
Dhiiratu tiiksee beela baasawoo
Margatu qaraa kanaafuu yaasawoo
Yaa loon qabeenya gura’uu (loon qabeenya gurra guddatu jechuudha.
Isiniin bareeda abboonni keenya duruu
Looni yaa loonishee
Dhadhaa sidibatee
Aannan itti unatee
Ijoolleen isaa boochee mararfatee
Daa’imman isaa beelaan sibaafatee
Daa’imman isaa beelaan sibaafatee
Gurroole yaa buburree koo
Gurroole yaa cucurree koo
Saayyu saayyaa yaa saayyituu
Booqeen dhaltee sossobdee hin gaadituu
Booqeen dhaltee sossobdee hin gaadituu.
Yaada armaan oliirraa faaruu qabiyyee aannan raasanii keessatti, wanti hubatame,
aannaniin maatii ofii beelaan baafachuu.Fakkeenyaaf,ijoolleen issaa boochee
mararfattee,daa’imman isaa beelaan sibaafatee.Yaada kanarraa wanti hubannu
daa’imman beela qabaachuufi aannan yookan baaduu dafanii raasanii baasanii ijoollee
dhaqabsiisanii beela baasuu isaanii nuhubachiisa.Gama biraatiin meeshaa aadaa kan akka
buqqee,hubboo,erbaa borfee, fa’atti fayyadamuun aannan raasuun dhadhaa akka dafee
bahuufi dadhabbii ittiin dagachuuf kan faarsamuudha.
Faaruu Loonii Yeroo Loon Bobbaasanii
Yeroo loon bobbaasan baayinaan tikseetu faarsa.Sababbiin isaa yeroo loon karaa oofan
daddafanii loon akka deemaniif,dadhabbii ittiin obsuuf , faayidaa loonii, ittiin ibsuuf
.Fakkeenya loon uffataaf, nyaataaf, miidhaginaafi kan kanafakkaatu akka oolu
faarsu.Tiikseen hawaasa oromoo biratti kabaja guddaa qaba. Sababbiin isaa oromoon
loon jaalata, looniifi umman adda adda bahee jiraachuu akka hin dandeenyetti
amana.Kanaaf namni loon haala kanaan jaalatu nama loon kana tiiksuuf eddo guddaa
kenna.
Takkan si uruursaa
Akka mucaa dhabeessaa
Akka ilmoo hiyyeessaa
Eessa koon seenaa
Saani maal hin taanee
Kotteen shinii ta’aa
Foon irbaata ta’aa
Gogaan wuccuu ta’aa
Gaafni geeba ta’aa
Immoo yaa saawwaa
Saawwaan qoti jettee
Aannan maal godhi jettee?
Booroo abbaatu hordataa
Roorroo abbatu dhoowwataa
Roorroo abbatu dhoowwataa
Saawwoleen dhugaa saawwaa
Qorsa danbalaasaa
Duuka deemee yaasaa
Shanfoo lama baatee
Aannan baatuu baatee
Loon haahoru malee
Daalee biduu kiyya daalee biduu
Marguma siitaate laalee bituu
Akka ji’aa ibse foonaa irraa
Waanyoon sihaadhabdu boonaa kiyyaa
Tan danbaliin halkaniin yaatu hoo
Mootumti kee loon malee taatu hoo
Yaa sayya hoo gurri gindoo gahaa
Aannan malee bunni citoo ta’aa
Saayyoon kiyya qorra waadanda’uu
Waabee garaachatti siif dalaguu
Loon guguraacha adii coraa
Ka’aa godaanaa aduu jalaa
Doobbaa dasuu kiyya doobbaa dasuu
Aannan malee kan bunni cittoo tayuu
Aannan malee kan bunni cittoo tayuu
Akka ji’aa dukkanna goobanee
Ulfinni eessa jira loowwan malee
Yaa saayyaa hoo waatiyyoo daabee
Laga ol yaasanii adii waabee
Yoo saafayaa layaan dadayaa
Yoo sokoreen kiyya garaa babayaa
Yoo sokoree kiyya hagaya hoo
Lafuma siitaaten naannawa hoo
Beeltuyyoo mujaan haabahuu
Warri deege mucaayuu hin gahuu
Loowwan yaa odolee
Siniin maqaan nutolee
Siniin maqaan nutolee
Wagargeen hora xuuxaa
Garbiin loon dura duudaa
Beeltuudhaan baate toleen
Dorrobe barruu hooleen
Dorrobe barruu hooleen
Garaa baatti duuchisee
Yoo galaa walbaachise
Burraaqaa gala yoo dheechisee
Burraaqaa gala yoo dheechisee
Faaruu armaan olii kanarraa wanti hubannu faaydaa loon ilma namaatiif
qabu.Fakkeenyaaf foon irbaata ta’aa kan ittiin bulanii,gogaan latii ta’aa kan irra
bulanii.moorri dawwaa tata’aa kan madaatti gubaniifi kan kanafakkaatu yoota’u, yaada
kanarraa wanti hubatamu bu’aan loon ilma namaatiif kennu,uffataaf,nyaataaf,qorsaafi
madda galii fa’aaf kan nama fayyadu ta’uu kan nugarsiisu yoota’u, faaruu kana keesatti
tiikseen jaalala looniif qabus kan agarsiisu ta’uu isaati. Fakkeenyaaf daale biduu
kiyya,dale biduu,marguma siita’u laalee bituu. Yaada kanarraa wanti hubannu tiikseen
hagumafe’ellee qabeenya marga looniif bitu yoodhabes hawwii marga bittaa looniif qabu
kan nugarsiisudha .
Walumaagalatti gosoota faaruu armaan olii kana keessatti Oromoon loon waytii faarsu
maqaa loonii dhahuudhaan yookan waamuudhaan faarsa. Fakkeenyaaf: Daalee, Muxaa,
Gurraa, Baajii, Quluu,Filoo,Corree,Arboo…kan kana fakkaatu jechuun maqaa itti
mogaasuun faarsa.Haalli moggaasa maqaa loon kanaa,akka jedhamutti  Oromoon yoo looniif maqaa moggaasu bifarratti
hindaa’uudhaan,qaamarratti hundaa’uudhaan,gaafarratti hundaa’uudhaan,eegeerrattiifi
kan kana fakkaatu irratti hundaa’uun looniif maqaa moggaasa.

walumaagalatti gabaabinaan Faaruun Loonii kana fakkaataa.

kutaa11ffaan itti fufa…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *