Abbaan Murtii Addunyaa Kanarraa Eenyutu Namatti Tolaa?”
Ameerikaatti mucaan ganna 15 tokko mana daldalaa tokko keessaa hatuun qabamee, yeroo miliquuf yaalu, sheelfota mana daldalaa sanaa keessaa tokko cabsee, achiis mana murtiitti geeffamee mana murtiitti dhaabbate.
Abbaan murtii bal’inaan taatee kanaa erga dhaga’ee booda gurbaa kana gaafate.
Daabboo fi Aannan hattee sheelfota suuqii cabsite, kun dhugaadhaa?
Mucichis qaaniin mataa gadi qabatee eeyyee jedhee deebiseef.
Abbaa Murtii: “Maaliif hatte?”
Mucaa quxisuun: Ani baayʼeen barbaada
Abbaa Murtii: Hatuu dhiistee bitachuu hin dandeessu turtee?
Gurbaa: Eeyyee, qarshii waanan hate bituuf hin qabu ture.
Abbaa Murtii: Warra kee qarshii gaafachuu hin dandeessu?
Mucaa: Haadha koo dhukkubsattuu, kan siree ciiftee hojii dhaabde qofa qaba… Daabboo fi Aannan isheefan hatee ture.
Abbaa Murtii: Atis… maal hojjechaa jirta? Hojii hin qabduu?
Mucaa: Duraan hojii konkolaataa dhiquu hojjedha ture. “Haadha koo gargaaruuf guyyaa boqonnaa fudhadheen ture, kanaaf hojii irraa ari’ame” jedhee gadda guddaadhaan deebiseef.
Haasaan gurbaa waliin godhame erga xumuramee booda abbaan murtii murtii isaa akkas jechuun labse: “Hatuun, keessattuu daabboo hatuun yakka baayyee nama qaanessuudha.”
Hanna kanaaf hundi keenya itti gaafatamummaa qabna. “Ana dabalatee namni har’a kutaa kana keessatti argamu hundi yakka hannaa kanaaf itti gaafatamummaa qaba,” jedhan.
Sana booda namoonni argaman hundi doolaara kudhan adabama malee namni doolaara kudhan osoo hin kaffaliin galma keessaa hin bahu.
Abbaan murtii maallaqa doolaara 10 giphii (kiisii) isaa keessaa baasee qalama (kobbee) baasee akkas jechuun barreessuu jalqabe.
“Kana malees, abbaan mana daldalaa daa’ima beela’e kana poolisiitti fide doolaara 1000 akka adabamu ajajeera, adabbiin sa’aatii tokko keessatti yoo hin kaffalamiin ammoo manni daldalaa sun cufamee akka hafu ajajeera.” Namoonni galma sana keessa jiran hundi dhiifama gaafachuun qarshii guutuu kenneef. Abbaan murtii imimmaan isaa dhoksuuf yaaluun mana murtii keessaa bahe.
Dhaggeeffattoonni murtii abbaa murtii erga dhaga’anii booda imimmaan isaanii dhangalaasaa turan. Abbaan murtii kun itti dabaluudhaan, “Namni tokko daabboo hatuun yoo qabame, ummanni fi hawaasni biyya kanaa hundi qaana’uu qaba” jedhan.
Abbaan murtii Francesco “Frank” Caprio Abbaa Murtii Olaanaa Bulchiinsa Magaalaa Providence, Rhode Island ti. Dhimmoota mana murtii guyyaa guyyaan inni dursaa ture keessaa, murtii haqa qabeessaa fi gaarummaa daangaa hin qabneen baay’ee beekamaa ture.
Seenaan himatamtootaa tokkoon tokkoon isaanii xumura gammachiisaa qabaachuu dhiisuu danda’us, Abbaan Murtii Kaaprio namoota keessaa wanta gaarii ta’e baasuu fi himatamtoota waan gaarii arguuf malu jedhee amanu gargaaruuf fedhii dhugaa qaba. Inni abbaa murtii hunda caaludha