Leonel_Scaloni jedhama. Leenjisaa garee kubbaa miilaa Argentina ti. Gaafa inni leenjisaa kubbaa miilaa Argentina ta’ee ramadamu arrabsoo guddaatu itti roobe. Diego Maradona dabalatee namoonni gurguddoon baay’een isa tuffatan. “Namni kun kubbaa miilaa Argentina miti, ibsaa tiraafikaayyuu hoogganuu hin danda’u” jedhan. Gaazexeessitoonni dhimma kana irratti maal jetta jedhanii Leonel Scaloni gaafatan. “Homaa waanan jedhu hin qabu” jedhee deebise.
Namni akkasitti tuffatamaa ture kun amma Waancaa Addunyaa mo’atee kabaja olaanaarra jira. Warri isa arrabsaafi tuffachaa ture har’a dibbee tumanii isa faarsu!
Kaayyoo qabatetti cichi. Abdiin keefi obsi kee akka hin dhumne eeggannoo godhi. Arrabsoofi tuffii namaaf deebii hin kenniin. Callisii hojjedhu, callisii kaayyoo keetti deemi, callisii milkaa’i! Gaafa sana warri si tuffachaa turan dabaree qabatanii si kabajuuf dhufu!