Baacoo

Aug 16, 2022

 1

Gaaftokko Hayilee Gabrasillaasee walakkaa magaalaa finfinnee dhaabbatee bilbilaan haasa’aa ture. Tasa osoo inni hin argin dargaggeessi hattuun tokko duubaan bilbilasaa /Hayilee/ harkaa butee fiigicha jalqabe. Hayileenis ofirra naannahee hatticha ari’uu eegale. Ari’ee garuu hinqabne, bira darbee kute. “Maaliif hatticha qabuu dhiiftee darbite?” jedhanii gaafannaan “Rikaardiikoo dhabuurra bilbilicha dhabuu naaf wayya.” jedheen.

  2

Intalatu osoo daandii magaalaa guddicharra adeemtu jaalalleeshee ATM dhaan Baankiidhaa qarshii baafataa jiru argite. Tooftaa qarshii kana ittiin kadhattee ittiin irraa fudhattuun malattee achumatti jalaa dhokattee ergaa barreeffama gabaabaa /meeseejii/ akkas jedhu barreessiteef. “Haay Dammakoo, yoo rafaa jiraatte, abjuukee, yoo boohaa jiraatte, imimmaankee, yoo nyaataa jiraattes nyaaticha, yoo mallaqas baafataa jiraattes mallaqa naaf ergi.” jennaan, “lubbuutoo, an mana fincaaniin jira maal siif haa ergu?” jedheen.

                                                 3

way jaalala kan hojii kee nyaadhu ati.

Gurbaan tokko mana namaa deemee maqaa isaa gaafannaan akkana jedheen. Mana inni deeme intala bareedduu tokkootu jira. Inniis intala san waan jaalateef mala baafate. Abbaan intalaa “maqaan kee eenyu” jedheen. Inniis deebisee “ija” jedheen. Intaltiniis “maqaan kee eenyu”jetteen. inniis intalaan maqaan koo “paastaa”jedheen. Achumaan yeroo dukkanaa’u intala fudhatee deemuu waan barbaadeef intala qabee hudhaa gixxim itti godhe. Intaltiniis paastaan na hudhe jettee iyyite. Abbaaniis suuta nyaadhu jedheen. Abbaan xiqqo turee yeroo intala isaa laalu hin jirtu. Achumaan uuuuuu ija naaf qabaa,ija naaf qabaa jedhee iyyinaan ollaan dhufanii ija isaa walitti qabanii afuufuu eegalan akka waan biyyeen ija buutetti. Gurbichi milkaa’eera. pppppp qubee qubaan siif bita fudheen siin lixa jechaa …………

Tooftaa ykn mala + hojii = milkaa’ina…gammachuu……

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *