LAFA ATI LIXXE LIXEEN….
👉Namoota lamatu ollaa jiraatu turan. Lachuun isaanii machaa’uudhaan beekamu. Baay’ee wal jaallatu. Inni tokko dureessa, inni kaan immoo hiyyeessadha. Guyyaa tokko inni hiyyeessi sun isa dureessaan akkana jedhe, “Maaliif mana araqeen itti qophaa’u hin banannu? jedhe! Yoos ofii keenyas dhugaa achumaanis daldallee bu’aa irraa argannaa jedheni! Ati maallaqa natti kenni. Animmoo mana araqeen itti qophaa’u ijaareen, nama hojjetu itti qacaree hojicha eegallaa!” ittin jedhe Namichi inni dureessis itti waliif galuudhaan horii guddaa itti kenne. Hiyyeessichi garuu hojii yaadame utuu hin hojjetiin maallaqichatti gar-malee fayyadamee fixe. Isa booda dureessichi guyyaa guyyaatti horii sana gaafatee isa rakkise. Jireenya itti hadheesse. Homaa fala dhabnaan murtoo ulfaataa tokko murteesse. Of ajjeesufis murtoo godhe! Isa booda mana borootti deemee of fannise. Dureessichi akkuma amala isaa maallaqa isaa gaafachuuf yoo dhufu hiriyyaan isaa sun of fannisee arge. Baay’ee gadde. Gaddi isaa garuu lubbuu hiriyyaa isaaf hin turre. Maallaqa isaaf malee. Achumaan, “Maallaqa hamma sana narraa fuutee utuu naaf hin deebisiin of-ajjeestaa? Gowwaa kee barbaaddadhu! Lafa ati lixxe lixeen sirraa fudhadha!” jedhee erga dhaadatee booda uffata isaa baafatee hiriyyaa isaa sana biratti of fannise. Maaliif of fannise? Lafa hiriyyaan isaa lixe sana lixee maallaqa isaa irraa fudhachuuf! Ni milkaa’aa laata?