Sirna barnoota biyya kamiyyuu keessatti barnoonni afaanii bakka guddaa qaba. Afaan jiruufi jireenya ummataa keessatti gahee guddaa qaba. Akka hayyootni qorannoo barnoota afaan duraarratti gaggeessan ibsanitti, kayyoolleen gurguddoon barnoota afaan duraa ja’a. Isaanis:
- Ittiin walii galuuf – akkuma beekamu faayidaan afaanii inni guddaan wal qunnamtiif. Wal qunnamtii caalmaan gabbisuufi bal’isuuf immoo afaanichaan dubbisuufi barreessuu danda’uun murteessaadha. Kanaafuu, Kaayyoon afaan duraa barachuu inni jalqabaa afaanicha dhagahuu, dubbachuu, dubbisuufi barreessuu danda’uudha.
- Seera afaanichaa barachuuf – Namni baay’een seera afaan ittin hiikkate ni beeka. Haa ta’u malee, seera afaan isaa maal akka ta’e irratti ibsa kennuu hin danda’u. yoo barate malee. Kanaafuu, Kaayyoon afaan duraa barachuu inni lammaffaan seera afaanichaa wajjiin walbarachuudha.
- Waaltinaaf – akkuma beekamu afaan tokko loqodoota adda addaa qaba. Afaan Oromoonis akkasumas loqodaa garaa garaa qaba. Namootni hedduun loqodaa afaan oromoo bakka gurguddaa afuritti qoodu. Isaanis: Loqoda Bahaa, Loqoda Dhihaa, Loqoda Kibbaafi Loqoda giddu galeessaa jechuun qoodu. Garaagarummaan loqodaa gidduu jiru garaagarummaa jechoota sagalee yookiin seera afaanii ta’uu ni danda’a.
- Aadaa Uummata afaan sanaa barachuuf – akkuma beekamu maalummaa uummata tokkoo gad-fageenyaan beekanii wal-qunnamtii gaarii uumanii wajjiin jiraachuuf aadaa ummata saba sanaa beekuun barbaachisaadha. Kana beekuuf immoo afaan saba sanaa qorachuun barbaachisaadha. Afaan madda aadaati jedhama. Kunis immoo kanneen aadaa saba sanaa ibsan Hibboo, Sheekkoo / Oduu durii, Mammaaksa, Eebba, Geerarsafi k.k.f barachuun, qorachuun, akkasumas kuufachuun barbaachisaadha.
- Afaanichaan barachuuf
- Jaalala afaanichaa horachuuf
Curriculum
- 11 Sections
- 54 Lessons
- 10 Weeks
Expand all sectionsCollapse all sections
- AfaanQabxii barumsaa kana keessatti baratootni hundii waa'ee maalummaa afaanii, amaloota afaanii, barnootni afaanii maal akka ta'ee kan keessatti baratan yeroo ta'u, xumura barumsaa kanattis immoo gilgaali dandeetti barataa madaalus qophaa'ee jira. Barumsa Gaarii!4
- XinsagaQabxii barumsaa kana keessatti baratootni hundii waa'ee maalummaa xinsagaa, gosoota sagaleewwan dubbii, uumama sagaleewwan dubbii, dheerinaafi gabaabina sagalee, laafinaafi jabina sagalee, irra butaafi adeemsa walitti qindaa'ina sagalee maal akka ta'ee kan keessatti baratan yeroo ta'u, xumura barumsaa kanattis immoo gilgaali dandeetti barataa madaalus qophaa'ee jira. Barumsa Gaarii!8
- BirsagaQabxii barumsaa kana keessatti baratootni hundii waa'ee maalummaa birsagaa, caasaa birsagaa, qaamolee birsagaa, gosoota birsagaa maal akka ta'ee kan keessatti baratan yeroo ta'u, xumura barumsaa kanattis immoo gilgaali dandeetti barataa madaalus qophaa'ee jira. Barumsa Gaarii!5
- JechaQabxii barumsaa kana keessatti baratootni hundii waa'ee jechi maalii, dhamjecha, hiika jechootaa, filannoo jechootaa, tishoo, gabaajeefi kottoonfachiisuu maal akka ta'ee kan keessatti baratan yeroo ta'u, xumura barumsaa kanattis immoo gilgaali dandeetti barataa madaalus qophaa'ee jira. Barumsa Gaarii!7
- Gaaleefi CirooQabxii barumsaa kana keessatti baratootni hundii waa'ee Gaaleefi Ciroo maal akka ta'ee kan keessatti baratan yeroo ta'u, xumura barumsaa kanattis immoo gilgaali dandeetti barataa madaalus qophaa'ee jira. Barumsa Gaarii!3
- HimaQabxii barumsaa kana keessatti baratootni hundii waa'ee maalummaa himaa, kutaalee himaa, Gosoota Himaafi Ennaan maal akka ta'ee kan keessatti baratan yeroo ta'u, xumura barumsaa kanattis immoo gilgaali dandeetti barataa madaalus qophaa'ee jira. Barumsa Gaarii!5
- Gareewwan Jechootaa (Parts of Speech)Qabxii barumsaa kana keessatti baratootni hundii waa'ee maalummaa maqaa, maqibsi, gochima yookiis xumura, gochibsi yookiis xumibsii, akkasumas durduubee maal akka ta'ee kan keessatti baratan yeroo ta'u, xumura barumsaa kanattis immoo gilgaali dandeetti barataa madaalus qophaa'ee jira. Barumsa Gaarii!6
- WalqabsiiftotaQabxii barumsaa kana keessatti baratootni hundii waa'ee maalummaa walqabsiiftotaa maal akka ta'ee kan keessatti baratan yeroo ta'u, xumura barumsaa kanattis immoo gilgaali dandeetti barataa madaalus qophaa'ee jira. Barumsa Gaarii!2
- KeeyyataQabxii barumsaa kana keessatti baratootni hundii waa'ee maalummaa keeyyataa, caasaa keeyyataa, amaloota keeyyataa, gosoota keeyyataa maal akka ta'ee kan keessatti baratan yeroo ta'u, xumura barumsaa kanattis immoo gilgaali dandeetti barataa madaalus qophaa'ee jira. Barumsa Gaarii!5
- Og-barruuQabxii barumsaa kana keessatti baratootni hundii waa'ee maalummaa og-barruu, gosoota og-barruu, xalayaa, seenaa jireenyaa barreessuu, afoolaafi akaakuu afoolaa maal akka ta'ee kan keessatti baratan yeroo ta'u, xumura barumsaa kanattis immoo gilgaali dandeetti barataa madaalus qophaa'ee jira. Barumsa Gaarii!7
- Sirna Tuqaalee (Punctuation Mark)Qabxii barumsaa kana keessatti baratootni hundii waa'ee maalummaa sirna tuqaafi qub-guddeessaa maal akka ta'ee kan keessatti baratan yeroo ta'u, xumura barumsaa kanattis immoo gilgaali dandeetti barataa madaalus qophaa'ee jira. Barumsa Gaarii!3
