Sirna barnoota biyya kamiyyuu keessatti barnoonni afaanii bakka guddaa qaba. Afaan jiruufi jireenya ummataa keessatti gahee guddaa qaba. Akka hayyootni qorannoo barnoota afaan duraarratti gaggeessan ibsanitti, kayyoolleen gurguddoon barnoota afaan duraa ja’a. Isaanis:
- Ittiin walii galuuf – akkuma beekamu faayidaan afaanii inni guddaan wal qunnamtiif. Wal qunnamtii caalmaan gabbisuufi bal’isuuf immoo afaanichaan dubbisuufi barreessuu danda’uun murteessaadha. Kanaafuu, Kaayyoon afaan duraa barachuu inni jalqabaa afaanicha dhagahuu, dubbachuu, dubbisuufi barreessuu danda’uudha.
- Seera afaanichaa barachuuf – Namni baay’een seera afaan ittin hiikkate ni beeka. Haa ta’u malee, seera afaan isaa maal akka ta’e irratti ibsa kennuu hin danda’u. yoo barate malee. Kanaafuu, Kaayyoon afaan duraa barachuu inni lammaffaan seera afaanichaa wajjiin walbarachuudha.
- Waaltinaaf – akkuma beekamu afaan tokko loqodoota adda addaa qaba. Afaan Oromoonis akkasumas loqodaa garaa garaa qaba. Namootni hedduun loqodaa afaan oromoo bakka gurguddaa afuritti qoodu. Isaanis: Loqoda Bahaa, Loqoda Dhihaa, Loqoda Kibbaafi Loqoda giddu galeessaa jechuun qoodu. Garaagarummaan loqodaa gidduu jiru garaagarummaa jechoota sagalee yookiin seera afaanii ta’uu ni danda’a.
- Aadaa Uummata afaan sanaa barachuuf – akkuma beekamu maalummaa uummata tokkoo gad-fageenyaan beekanii wal-qunnamtii gaarii uumanii wajjiin jiraachuuf aadaa ummata saba sanaa beekuun barbaachisaadha. Kana beekuuf immoo afaan saba sanaa qorachuun barbaachisaadha. Afaan madda aadaati jedhama. Kunis immoo kanneen aadaa saba sanaa ibsan Hibboo, Sheekkoo / Oduu durii, Mammaaksa, Eebba, Geerarsafi k.k.f barachuun, qorachuun, akkasumas kuufachuun barbaachisaadha.
- Afaanichaan barachuuf
- Jaalala afaanichaa horachuuf