Dubartiin Biraazil tokko ijoollee ishee lama waliin mana keessatti hidhamtee waggoota 17f akka turte himte.

Yakka kana kan irratti irratti raawwate abbaa warraa isheeti. Maatiin kun Lixa magaalaa Riyoo Dejeniirootti akka baraaraman poolisiin  dubbatee.

Abbaan warraa dubartii kanaas to’annaa jala ooleera

Dubartiin kun akka qondaalota mootummaatti himtetti abbaan warraa ishee manicha keessaa kan baatu gaafa duute qofa akka tahe itti himeera.

Akka miidiyaan G1 jedhamu gabaasetti namni maqaan isaa Luwuz Antooniyoo Saantoo Silvaa jedhamuu fi haati warraa isaa erga wal fuudhanii waggoota 23 taheera.

Dubartiin kunii fi ijoolleen ishee lamaan waliin hidhaman al takka takka nyaata malee guyyoota sadiifaaf turu.

Miidhaan qaamaa fi xiinsammuus irraan gahaa tureera.

Suuraa mana keessatti ugguramanii turanii poolisiin yoo agarsiisu balfa adda addaa kan qabu fi ifa xiqqoo kan qabudha.

Ijoolleen ishee lamaan gurguddataniran hidhamanii, huqqatanii beela’anii argaman yeroo poolisiin isaan baraaru.

Ijoolleen isaanii hidhamanii turan umuriin isaanii waggaa 22 fi 19 taheera.

Poolisiin Wiiliyaam Oliiveeraa jedhamu miidiyaa Biraazil O Dia jedhamutti akka himanitti, jalqaba ijoolleen lameen sababa hanqina nyaataan akkas miidhaman sehan.

”Haala ijoollee kanneenii gaafa ilaallu torban biraaf lubbuun turuu waan danda’an nutti hin fakkaanne,” jedhe jiraataan naannichaa miidiyaa G1tti hime tokko.

Ijoolleen lameen haadha isaanii waliin hidhaa kana irraa akkuma baraaramaniin hanqina nyaataa isaan mudateefi miidhama qaama isaan irra gaheef gara mana yaalaa geeffamuun akka yaalaman tahe.

Gara jabummaa akkasii rabbi nu haa baraaruu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *