Dhukkubni tiruu akkamiin dhufaa?
Tiruun qaamota namni tokko jiraachuun barbaadu keessaa kan hangafaa tokko Tiruudha. Tiruun qaama tokkicha ta’ee garaa keessa gara fuulduraa fi gama mirgaatti argamu dha. Akkuma qaama namaa kamiyyuu tiruun waantoota gara garaan ni hubama, ni dhukkubsata yoo yaala ga’aa hin arganne yokaan yaalamee dadhabame ammoo namni tiruu malee jiraachuu waan hin dandeenyeef lubbuu galaafachuu mala. Haaluma kanaan waantoonni tiruu keenya miidhuu danda’an maal fa’i? tiruun keenya yoo miidhame maal gochuu qabnaa? Tiruun yoo miidhamu mallattoo akkam akkamii argisiisa kan jedhu armaan gaditti haa ilaallu.
Waantoonni tiruu keenya miidhan maal fa’ii?
1. Alkoolii: alkooliin wantoota dhalti namaa fayyadamuu fi dhibee adda addaa hedduu namarraan keessaa kan hangafa yoo ta’u, qaama namaa kamiyyuu caalaatti kan inni hubu immoo tiruudha. Dhugaatiin alkoolii kun miidhaa inni tiruu namarraan ga’u haguma baay’isanii dhuganii fi turtii yeroo hagamiif akka dhugan irratti hundaa’a. Dhiirotaaf guyyaa tokkotti dhugaatii lamaa ol (more than two drinks), dubartootaaf guyyaa tokkotti dhugaatii tokko ol (more than one drink) kan dhugan yoo ta’e kallattiidhaan tiruu fi qaamota biroo irratti miidhaa geessisa. Akkasumas jabinni dhugaatii dhugamuu sun illee miidhaa tiruu keenya irra ga’u akka murteessu beekuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf namni dhugaatii alkooliin isaa dadhabaa ta’e akka farsoo dhuguu fi namni dhugaatii alkooliin isaa hedduu cimaa ta’e akka araqee dhugu walqixa hin hubamu. Namoonni alkoolii kanaan dura dhuganii hin beekne alkoolii yoo dhugan (xiqqeesanii illee ta’u) faayidaa isaa irra miidhaan isaa waan caaluuf tasuma jalqabuu hin qaban. Kanneen duraan dhugan, yoo dhuguu dhaaban miidhaawwan duraan qaama irra ga’an waan fooyya’aniif dhugaatii dhaabuun baay’ee jajjabeeffama.
2. Vaayiresoota tiruu: vaayiresoonni tiruu baay’inaan kan shan ta’an yoo ta’u isaanis vaayirasii tiruu gosa “A”, vaayirasii tiruu gosa “B”, vaayirasii tiruu gosa “C”, vaayirasii tiruu gosa “D” fi vaayirasii tiruu gosa “E” jedhamuun beekamu. Vaayireesotta kana keessaa kan gosa A, D fi E jedhaman kun dhukkuba tiruu kan yeroo gabaabaa (acute hepatitis) qofa kan namatti fidan yoo ta’u yeroo dheeraaf namarra turanii turtiidhaan kan tiruu dadhabsiisaa deeman miti. Vaayiresiin tiruu gosa B fi C jedhaman ammoo faallaa isaan saniitiin yeroo dheeraa kan namarra turanii fi turtii keessa kan tiruu dadhabsiisaa deemanii lubbuu galaafataniidha. Vaayiresonni kun lameen addumatti tiruu kan miidhanii fi keessumaa vaayirasiin tiruu gosa B jedhamu kun ammoo dhukkuba yeroo amma kanatti keessumaa biyyoota guddataa jiran akka biyya keenyaaf hedduu sodaachisaa ta’ee fi hedduminaan argamuudha. Keesumaa namoota mana yaalaa keessa hojjatan, ogeessota fayyaa dabalatee (dhangala’aa qaama dhukkubsataa keessaa ba’uuf saaxilamoo waan ta’aniif); namoota qunnaamtii saalaa namoota addaa addaa hedduu waliin raawwatan; dubartoota hooteela keessa galiif walqunnaamtii saalaa dalagan (commercial sex workers) fi kanneen biroo dhukkuba vaayiresii kanaaf hedduu saaxilamoodha.
3. Qorichoota mana yaalaan alatti kennaman: qorichoonni mana yaalaa kennamanis ta’e mana yaalaan alatti kennaman tiruu keenya hedduu akka huban beekamaadha. Haa ta’uu garuu qorichoonni mana yaalaa irraa kennaman durumaan dursee namoonni qoricha kana kennanis ta’e oomishan waan beekaniif haala of eeggannoo qabuun kennu jedhamee amanama. Kanneen mana yaalaa alatti kennaman akka qorichoota aadaa tokko tokko akkasumas qorichoota osoo ogeessa yaalaa hin mariisisiin bitaman tokko tokko tiruu keenya irraan miidhaa hedduu geessisu. Kunis tiruun keenya qaama kanneen biroo miidhaa irraa eeguuf jecha qorichoota kana qaama keessaa dhabamsiisuuf yoo yaalutti ofii miidhama jechuudha. Keessumaa qorichoonni aadaa, hagi (dose) isaanii fi miidhaa (side effects) isaan geessisan osoo hin beekamiin waan kennamaniif miidhaan isaan tiruu fi qaamota keenya kanneen biroo irraan geessisan hedduu cimaadha.
4. Dhukkuboota kanneen biroo: dhukkuboonni hedduun kan asirratti kaasuuf baay’inni isaanii nama rakkisu tiruu huban ni jiru. Haa ta’u malee kanneen armaan olii jechuunis: alkoolii baay’inaan dhuguu, qorichoota adda addaa fi vaayirasoota tiruu irratti xiyyeefachuun barbaachisaadha. Sababni isaa 1ffaa dhukkuba tiruu hedduminaan keessumaa biyya keenya keessatti fidan jarreen kanneni. 2ffaa ammoo dhukkuboota kana ofirraa ittisuun ni danda’ama, jechuunis qorichootaaf ofeeggannoo taasisuu, alkoolii baay’isanii dhuguu dhiisuu fi karaalee vayiresiin kun ittiin daddarban irraa of eeggachuudha.
Dhukkubni tiruu yoo nama qabe mallattoolee akkam akkamii argisiisuu malaa?
Dhukkubni tiruu sababa kamiinuu yoo dhufe mallaattoolee inni argisiisu dhuma irratti walfakkaataadha. Mallattoowwan kunis turtii yeroo dhukkuba tiruu fi haga fi sadarkaa miidhama tiruu irra ga’ee irratti hundaa’uun addaa addummaa qabaachuu mala. Mallatoowwan dhukkuba kanaa keessaa:
 Qaamni guutummaa guutuutti (keessumaa garaan) dhiita’uu: kunis suuta suutaan ji’ootaa fi waggootaan dabalaa kan dhufu yoo ta’u yeroo baay’ee mallattoo kun kan mul’atu erga tiruun hedduu miidhamee booda.
 Halluun ijaa gara keellootti jijjiiramuu: halluun ijaa kan gara keellootti jijiiramu miidhama tiruu kan yeroo xiqqoo yokaan kan yeroo dheeraas kan argisiisuu malu yoo ta’u, keemikaala bilirubin jedhamu kan tiruudhaan dhabamuuf male qaama keessatti waan kuufamamuufidha.
 Haalluun fincaanii bifa cocacolla fakkaachuu: halluun fincaaniis bifa dhugaatii kooka kollaa kan fakkaatu sababuma armaan olii kanaani.
 Dadhabsiisuu, nyaata jibbisiisuu, balaqqamsiisuu, dhagna gubsiisuu fi kanneen birooti.
Tiruu keenya fayyaatti eeguuf maal gochuu qabnaa?
1. Alkoolii haga danda’ametti tasumaa dhuguu dhiisuu, akkasumas yoo kan dhugnuu fi dhuguu dhiisuuf fedhii hin qabaanne ammoo yeroo mara dhuguu dhiisuu fi akkasumas xiqqeessanii dhuguun fayyaa tiruu keenyaaf gumaacha ol’aanaa gochuu.
2. Namoota dhukkuba vaayiresii tiruu akka qaban beekamee fi mallattoo dhukkuba kanaa qaban (haga mana yaalaa deemnee qoorachiifnutti), keessumaa vaayiresii gosa B yoo ta’e harka duwwaa dhangala’aa qaama keessaa ba’u tuttuquu irraa of qusachuu qabna.
3. Talaalliin hepatitis B virus fudhachuun haga dhibbeentaa 90 umrii guutuu dhukkubicha namarraa dhorkuu danda’a. Talaalliin kun keessuma namoota mana yaalaa keessa hojjataniif namoota qunnaamtii saalaa namoota hedduu waliin taasisaniif hedduu barbaachisaadha. Taalaalliin kun namaoota umuriin keenya sadarkaa daa’immanii ol ta’eef kilinikoota dhuunfaa hedduu keessatti argama. Daa’immaniif garuu akkuma sagantaa talaalliitti kennamaa jira.
4. Yoo vaayiresiin tiruu nama keessatti argame mana yaalaa deemuun vaayiresii gosa C yaalamanii guutummaa guutuutti fayyuun ni danda’ama. Vaayiresii gosa B ammoo miidhaa tiruu keenya irraan akka hin geessisnee fi vaayiressichi baay’inaan akka wal hin horre qoricha taasisu fudhachuudhaan of fooyyessuun ni danda’ama.
5. Yoo tarii osoo talaallii isaa hin fudhatiin dhiiga nama vaayiresiin gosa B qabuu waliin walitti bu’an, qorichi sa’aa 72 keessatti fudhachuu qaban (immunoglobulin) ni jira. Kanaaf erga mudatee booda atattamaan mana yaalaa deemuun dirqama.
6. Qorichoota mana yaalaa irraa fudhatan eeggannoon akka ajajamanitti fudhachuu, qorichootaa mana yaalaat alatti kennaman tasuma fudhachuu dhiisuu. Keessumaa kan duraan miidhaa tiruu qaban yoo ta’e of eeggannaa guddaa taasisuu.
7. Mallattoowwan miidhama tiruu argisiisan armaan olitti tarreeffaman yoo ofirratti argan hatattamaan mana yaalaa deemuun yaalamuu dha.

 

2 thoughts on “FAYYUMMAA TIRUU KEENYAA”
  1. An vaayirasiin dhukkuba tiruu Kun qaama koo keessatti argamee Ture garuu B sababa hin taaneef qoricha SI jalqabsiisuu hin dandeenyu naan jedhame ammas deebi’ee ji’a tokko booda na dhukkubaa Jira waggoota afur duras narratti argamee Ture maal naaf wayyaa ?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *