Namnii fayyaa tokko guyyaatti ( 9_12) cup ( kubbayaa bishaanii) ykn 2_3 litirii dhuguu qaba. Yoo kana ol dhugee litirii 4-5 ol : (water intoxication) isiin mudatu danda’a, innis mallattoo akka balaqamsiisu, mataa dhukkubbii, gaggabdoo , of wallaaluu fkf namatti fiduu danda’a.
Faayidaalee bishaan garaa qullatti dhuguu yoo ilaalluu
- ulfaatina hir’isuuf ni gargaara
- dhukkuba akka asmii , sukkaara , gogiinsa garaa fkkf ni ittisa.
- fayyummaa gogaa keenyaaf gaariidha.
- dandeettii dhukkuba ofirraa dhorku keenyaa ni cimsa.
- akka waa hubannu nu gargaara .
- xurawwaan qaama keessaa baasuuf nu gargaara.
- cirracha kalee ni ittisa kanaf bishaan gaha dhuguun baayyee barbaachisaa dha kalee keenyaaf.
- Fayyummaa rifeensaa , garaachaa , mar’imaanii fi afuuffee fincaaniif gaariidha.
- vaaytaminoota akka vaatamiin B fi C seeliif dhiyeessa