Faayidaa ispoortiin ykn sochiin qaamaa fayyaa keenyaaf qabu maali?
Ispoortii hojjechun faayidaa hedduu qaba. Kanneen keessaa muraasni:-
- Dhiphina Sammuu (depression)fi dhibee aariin walqabatee dhufu ni hir’isa. Yeroo ispootii hojjennu hormooniin maqaan isaanii serotoninfi ‘norepinephrine’ jedhaman hojiin isaanii waan dabaluuf dhiphina sammuu ykn ‘depression’ ni hir’isa.
Fknf, qorannoon dubartoota 24 dhibee dhiphina Sammuu qaban irratti hojjetame tokko akka agarsiisuuti dubartootni ispoortii hojjetan ja’a mallattoon dhiphina sammuu isaanii hedduu hir’atera.
- Ulfaatina qaamaa hir’isuuf baay’ee barbaachisaadha.
Namoota ulfaatina qaamaa garmalee qabaniif ulfaatina qaamaa hir’isudhaaf ispoortii hojjechuun murteessaadha. Kunis coomni qaamaa ykn ‘fat’ akka gubatuufi anniisaan (energy) akka uumamuu taasisa.
- Jabina lafee keenyaaf hedduu barbaachisaadha, qaamni keenya akka jabaatuufi dhaabbina gaarii (good posture) akka qabaannu nu taasisa.
- Dhibee garaagaraa irraa nu eeguu ni danda’a
- Dhibeewwan akka dhibee sukkaaraa gartuu 2ffaa (type-2 DM), dhibee onnee, dhibee rakkoo dhiiguu sammuu keessaa (stroke), dabaluu dhiibbaa dhiigaa (hypertension) akkasumas kaansarii garagaraa kan akka kaansarii harmaa, kaansarii mari’mmaan guddaa, kaansarii gadameessaa, kaansarii sombaa, kaansarii kaleefi garaachaa ittisuu keessattis qooda olaanaa qaba.
- Fayyaa gogaa keenyaaf barbaachisaadha.
- Sammuun keenya akka bashannanuufi hirriba gaarii akka argannu nigodha.
- Walquunnamtii saalaa fooyyessuu ni danda’a
Rakkoo walquunnamtii saalaa tokko tokko ni fooyyessa, ni hambisaas Fknf akka qorannoon namoota 178 (dhiira) irratti hojjetame tokko ibsutti, namootni yeroo baay’ee jabeenya qaamaa hojjetan walquunnamtii saalaa fayyaa ta’e qabaataniiru( healthy sexual practice). Gama biraatin laamsha’uu ykn ka’uu dhabuu qaamaa saala dhiiraa (erectile dysfunction) ni hir’isa. Fknf, qorannoon namoota dhiira 41 dhibee kana qaban irratti hojjetame akka agarsiisutti ispoortii hojjechuun 71% dhibee kana hir’isuu danda’eera.
- Dhukkubbii dugdaa ni hir’isa. Yeroo ammaa kana dhibeen dugdaa addunyaa irratti namoota hanga mil. 540 ni rakkisa jedhamee tilmaamama. Kanaafis jabeenya qaamaa hojjechuun dhibee dugdaa namoota 10-50% ta’aanif fala ta’u ni danda’a jedhamera. Haaluma walfakkatuun jabeenya qaamaa hojjechuun dhukkubbii garaagaraa (different pain) hir’isuu ni danda’a. Kun kan ta’eef yeroo jabeenya qaamaa hojjennu hormooniin ‘endorphin’ jedhamu waan dabaluufidha.
- Umrii dheeraa akka jiraannu ni godha. Jabeenya qaamaa hojjechun dhibee garaagaraa irraa waan nu ittisuuf umrii nu dheereessuu ni danda’a. Akka gabaasa saayintistoota Jeermenitti jabeenya qaamaa hojjechuun 30-35% du’a ni dhoowwa.
- Namootni jabeenya qaamaa hojjetan kan hinhojjenne caala umrii waggaa torbaa ni jiraatus jedhameera.
- Sammuun keenya akka waa qayyabatuufi xinxaaluuf illee ni fayyadaa (good memory and improve thinking behaviour). Kun irra caalatti ijoollee umriin isaanii waggaa 6-13 ta’anif baay’ee barbaachisaadha jedhama.
ISPOORTII AKKAMITTI HAA HOJJENNU
Akka gorsa dhaabbata ittisaafi to’anna dhibee /CDC (Center of Disease Control)tti sochiin qaamaa barbaachisumma isaa irratti hundaa’uudhaan bakka lamatti hiruun/qooduun ni danda’ama, kunis sochii qaamaa ulfaatina qaamaa hir’isuuf barbaachisuufi ulfaatina qaamaa hir’isuuf hinbarbaachisne jedhama.
- Sochii qaamaa ulfaatina qaamaa hir’isuf gargaaru:
Inni kun kan namoota ulfaatina garmalee qabaniin hojjetamudha. Torbanitti yoo xinnaate daqiiqaa 300f kan hojjetamuufi gosa cimaa kan ta’eedha.
Sochii qaamaa gosa kanaa hojjechuun dura ogeeyyii fayyaa waliin mari’achuun barbaachisaadha.
- Sochii qaamaa ulfaatina qaamaa hir’isuuf hinbarbaachifne:
Gosa kana namoota ulfaatina qaamaa fayyaa ta’e qabantu hojjeta. Yoo xinnaate torbanitti daqiiqaa 150f hojjetama. kana jechuun guyyaatti daqiiqaa 30f guyyaa 5 torbanitti hojjetamuu qaba.
Yoo kan hinmijoofne ta’ee ammoo guyyaatti daqiiqaa 50f torbanitti guyyaa sadiif hojjechuun ni danda’ama. Gosti sochii qaamaa kanaa hammi isaa xiqqaa irraa hanga jiddu galeessaa kan ta’eedha.
Kanaafuu, haala salphaan mana barumsaatti ykn iddoo hojjitti dalagamuu ni danda’a.
Walumaagalatti Sochii qaamaa gochuun fayyaa qaamaa keenyaaf baay’ee barbaachisaadha. Kanas gochuuf, dirqama qarshii hingaafatu, yeroo baay’ees nu jalaa hingubu. Bakkeewwan garaagaraa keessatti fakkeenyaaf bakka hojiitti ykn mana barumsaatti hojjechuun nidanda’ama.
Kanaafuu sochii qaamaa gochuun fayyaa qaama keenyaa haa eegnu.
UMRII DHEERAAFI FAYYAQABEESSA
Addunyaa kanarratti namni umrii dheeraa jiraachuu hinfedhu jedhu yoo jiraate soba isaati ykn ammoo dhukkuba sodaachuurraa kan ka’e ykn ammoo dhukkuba qaba ta’a. Waan hundummaafuu isin umrii dheeraa jiraachuu feetuu? Umrii dheeraa yoon isiniin jedhu akkasumaan lakkoofsa jechuu akka hintaane na hubadhaa. Umurii dheeraa yoon jedhu, fayya-qabeessa ta’anii osoo dhukkuba du’a nama hawwisiisu hinargin lubbuun turanii lafa kanarratti gaariifi yaraa arganii darbuu jechuu kooti.
Qorannoowwan garaagaraa dhimmi kanarratti maal jedhu?
Akka qorannoo bara 2006 ALI godhameen biyya keenya Itoophiyaa keessatti jiddugalaan (Average) warri dhiiraa waggaa 58, warri dubaraa ammoo waggaa 63 qofa lubbuudhaan jiraatu.
Akka adduunyaatti biyyi namni hedduun umrii dheeraa itti jiraatu biyya Jaappani. Kunis giddugalaan dhiirri waggaa 80 yoo jiraatu, warri dubaraa waggaa 87 jiraatu. Umrii dheeraa jiraachuu isaanii qofa miti kan nama dinqu, umrii kana hunda yoo jiraatan dhukkubsatanii yeroon itti mana yaalaa deddeebi’an hinqaban. Kanaaf biyya Jaappaan keessatti yeroo ammaa kana namoonni umuriin isaanii 100 ol ta’e lakkoofsaan hedduudha.
Waraana addunyaa 2ffaa (bara 1953 A.L.I) dura umuriin ummata Jaappaan giddugalaan jiraatan akka addunyaattuu gadi bu’aa ture. Maarree achii as maal argattanii? jedhee ummanni addunyaa yoo isaan gaaffatu Jaapaanonni “HAALA JIREENYAA KEESSAN JIJJIIRAA ” jechuudhaan nu gorsu.
Qorannoo ummata Jaappaan irratti godhameenis umurii dheeraa jiraachuu sababa kan ta’anii argaman kanuma isaan jedhan sana ta’uudha kan mirkaneesse. Kunis:
1. Qurxummii nyaachuu: Ummanni Jaappaan ummata addunyaa kamiyyuu caalaa qurxummii soorachuun beekamu. Qurxummii soorachuun dhukkuba onneefi kaansarii nurraa ittisa.
2. Kuduraafi muduraa: Nyaata kamuu olitti fayyaa keenyaaf barbaachisaniidha.
3. Qulqullummaa ofiifi naannoo sirrittui eeguu: Kunis waan jaappaanotaa irraa baru qabnu. Kun infeekshiniiwwaan garagaraa kan hanqina qulqullinaatiin dhufan nurraa ittisa.
5. Sochii qaamaa: Jaappaanonni taa’uu irra deemuufi dhaabbachuu jaalatu. Ispoortii guddaa yoo hojjachuu dadhabnes deddeemuu /walk/ bartee haa godhannu.
6. Furdina garmaleerraa of eeguu: Namootni garmalee furdatan dhukkuboota akka sukkaaraa, onnee, dhiibaa dhiigaa, kaansariifi kkf qabamuuf carraan isaanii bal’aadha. Dhukkubootni kunneen ammoo umurii dheeraa jiraachuurraa karaatti nama hambisu.
Walumaa galatti barreeffama keenya kanaan wantootni dabarsuu barbaanne sochii qaamaa gochuun jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti barbaachisaa akka tahe hubachuu qabna.
Dhukkuboota daddarboo hintaane ofirraa ittisuufi akkasumas umurii dheeraa jiraachuu keessatti sochiin qaamaa qooda olaanaa qaba.
Fayyaa hindhabinaa!