Skip to content
. Beekamuuf osoo hin taanee beekuuf hojjedhu!
. Aariin afaan kee malee sammuu kee hin siyeessu!
. Namoota sobduu heedduu wajjin jiraachuu irra qofaa jiraachuu siif wayya!
. Yoom iyyuu jireenya irraa homaa barachuu hindandeessu, yoo yeroo hundumaa ana qofatu sirriidha kan ofiin jettu taate!
.Dhugaa dubbattee hordoftoota argachuuf yeroo dheeraa si fudhata,
Soba dubbattee garuu yeroo gabaabaatti hordoftoota heeduu horachuu dandeessa garuu, Waan si ajaa’ibu dhugaa kee gaafa namni siif bare guyyaa tokkotti caaltee argamta!
.jireenya kee jijjiiruudhaaf sitti hin barfanne!
Cimii hojjedhu!
.Yeroo hundumaa wanti hundi sababaaf akka ta’u yaadadhu.yeroosana hiika qabaachuu dhiisuu danda’a,garuu yeroo sirrii ta’etti ni ta’a.
Views: 977
Like this: Like Loading...
Related
Post navigation