FAAYIDAA DAMMAA
Dammi wantoota uumaan ilma namaa badhaase keessaa tokko ta’ee, kan dur irraa kaasee hanga ammaatti ilma namaaf akka nyaataa fi qorichaatti tajaajjila kennaa jirudha. Dammi fayyaa ilma namaaf baayyee wantoota barbaachisan keessaa isa hangafaa ta’ee kan bifa garagaraattin fayyadamuun danda’amuudha; kuniis:-
- bifa nyaatan
- bulbulamee dhugamuu
- akka mi’eessitutti wanta adda addatti makamee fi
- dibachuun faayidaa guddaa kan qabudha. Faayidaalee isaa keessaa muraasni:-
1.Dandeettii dhibee dandamachuu qaama keenyaa/Madinuummaa(Immunity) nuf dabalaa.
2.Dhukkuboota sirna haargansu huban kan akka Utaalloo, aleerjii garagaraa, asmii,kulkuluu saayinasii fi kkf hedduu gargaara
3.Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta’e akka qabaannu fi rakkoolee Ulfaatina qaamaa garmalee(garmalee guddaa ykn qal’aa) waliin walqabataan nurraa ittisa
4.Dhukkuboota onnee fi sirna dhiigaa; fknf dhukkuba onnee, olka’uu dhiibbaa dhiigaa fi kkf nurraa ittisa
5.Hirriba gahaa fi gaarii ta’e akka rafnuuf
6.Rakkoolee fuula keenya irratti bahuun miidhaginna fi bareeddinna keenya hir’isaan; fknf finnisa nurraa qolata
7.Madaa sirriitti fi dafee akka fayyuuf hedduu gargaara; kanaas iddoo qaama keenya madaa’etti dibuun
8.Madda anniisaa gaarii fi dadhabbii erga wanta tokko hojjennee raawwanne booda nu muudatuuf hedduu gargaara
9.Dhukkuboota Kaanserii garaagaraaf; fknf Kaanserii lafee,garaachaa hir’isuu irratti gahee qaba.
10.Fayyummaa lafee fi ilkaan keenyaaf hedduu gargaara
11.Farra keemikaalota qaama keessatti summii ta’uu danda’aniiti(anti-oxidant effect).
12.Dhukkubbii maashaalee fi buusaawwanii hir’isuuf
13.Dhala dhabuu(infertility) hir’isuuf
14.Rifeensi mataa akka nama irraa hin dhumnee ni gargaara ykn yeroo malee molachuu ni hir’isa
15.Foolii afaanii badaa akka hin qabaaneef, yoo qabna ta’e immoo balleessuuf hedduu gargaara
16.Umrii dheeraa jiraachuuf hedduu gargaara
Dammi faayidaa armaan oli kanneenii fi kan biroo hedduu waan qabuuf yoo kan argattan ta’e guyyaa guyyaan, keessattuu ganama ganama garaa duwwaatti fal’aana 2 hanga 4 damma qulqulluu fayyadamuun wanta baayyeedhaf nu fayyada.
#Hub Yeroo ammaa kana sababa garagaraaf gabaa/suuqii irraa damma qulqulluu argachuun ulfaatus, hanga danda’ameen yoo bittan qulqullinna isaa mirkaneeffadhaa.