1. Loomiin vaaytaamin ‘C’ baayyinaan waan of keessaa qabuuf dhukkuboota bayyee irraa nu ittisa.
2. dhukkuba Onnee fi dhiiguu sammuu keessaa( stroke) nurraa ittisa.
3. ulfaatina qaamaaa gadi buusuuf ni fayyada.
4. sirna bullaa’ina nyaataa nuuf si’eessa.
5. Hojii ykn deemsa mar’immaanii (paristalisis) saffisiisuun, wantootni qaama keenyaaf barbaachisan akka dafanii xuuxaman kan hin barbaachifne immoo dafanii akka bahan gargaara.
6. dhibee hir’iana dhigaarraa nu ittisa. Kuni sababa xuuxamuu aayiranii gama qaamaa waan dabaluuf fi Qabiyyee aayiraniis xiqqo of keessaahiis waan  qabduuf.
7. Wantoota kaanserii nurraa ittisan gosa 20 ol of keessaa qaba
8. Qufaa fi utaalloo nurraa ittisuu ykn dafnee akka irraa fayyinuuf nu gargaara.
9. uumamuu cirracha kalee ni ittisa. (Kanarratti qorannaan dabalataa ganaa  barbaachisa).
10. Dhukkuba hir’ina viitaminii ‘C’n  dhufu, kan ‘Iskaarvii’ jedhamuun beekamu ittisuuf ykn immoo dafnee  irraa akka fayyinuuf ni gargaara.
11. Qaamni keenya keessumattuu Gogaan qaama keenyaa akka dafee hin dulloomnef ykn hin suntuurreef ni gargaara.
12. Maxxanttoota ykn immoo raammoolee mar’immaan keenya keessaa ni ajjeesa.
13. Dandeettii baakteeriyaa ajjeesuu ni qaba.
14. Ujummoo dhiigaa ni jabeessa. Kuni ujummoon dhiigaa salphaatti akka hin tarsaane gargaara. KANAA FII KAN BIRAAS waa bayyeef bu’aa qabdi.
– Kanaaf, Nyaata keessattii fi juusii (cunfaa) xuuxxoo bishaaniin makuudhaan itti fayyadamuu ni dandeessu jenna kaa.

Hub : [Xuuxxuun dhiiga xuuxxi kan jadhan suni qabatamaan hi jiru]

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

%d bloggers like this: