Nyaata yeroo nyaannu gartuu dhiiga keenya waliin kan deemu yoo nyaanne irra filatamaadha jedha saayinsiin.
Gosti nyaataa tokko tokko nama isa tokkoof yommuu sifaa’u, isa kaaniif immoo garaacha dhukkubsuu fi dhibee kan biraaf saaxiluun nii mul’ata kun maal irraa akka ta’e bira geenyeerra jedhu qorattoonni Sirna nyaataa(nutrition)
Dr Piter D Adam kan jedhamu qorataa Sirna nyaataa kan ta’e kitaaba isaa “gosa nyaataa sirrii ta’e gartuu dhiigaa sirriif ” jedhu irratti amala gartuulee dhiigaafi gosa nyaataa isaaniif ta’u adda baaseera.
Namni hundumtuu jedhu gartuu dhiiga isaa baree nyaata gartuu dhiiga Isaa waliin deemu yoo soorate umurii dheeraa,jireenya fayyaa qabuufi qaama sirrii(fitness) qabaata jedha kitaabichi.
Ogeessonni tokko tokko qorannoo namicha kanaan morman iyyuu kitaabichi koppiin milyoona 7 gurguramuun fudhatama argachuu isaa mullisa. gorsi kitaabni kun gartuulee dhiigaa arfaniif kaa’es kunooti
Gartuu dhiiga”A”= g/dhiigaa kun waggaa kuma 20 dura nyaata isaanii adamsanii (bineensa ajjeesanii)nyaachuu irraa gara qonnaatti yeroo isa an ce’anitti gartuun dhiigaa kun kan mullachuu jalqabe jedhama. nyaanni gosa dhiigaa kanaaf filatamoon kuduraaf muduraa kanneen aakka abukaadoo ,kookii,appilii,oncholooni ,akurii atariifaa dha.
Gartuu “A” kan hin fayyadne nyaata akka foonii ,annanii fi bu’aa aannanii kan ta’anidha.
G/dhiigaa “O”=gartuu dhiigaa umurii dheeraa qabu jedhama . nyaata pirootiiniin badhaadhe barbaada kan akka qurxummii ,foon diimaa, foon lukkuu akkasumas qoosxaa fi baala abraangoo faan nyaata gartuu kanaaf filatamu dha.
Nyaatni gartuu” O”f hin taane kanneen akka misira,atara,loozii akkasumas garbuu fi qamadiirraa nyaata tolfamaniidha
G/dhiigaa”B”= gartuu dhiigaa kanaaf aannaniifi wantoonni aannaniin wal qabatan murteessoodha akkasumas muduraalee ,foon diimaa fi ,qurxummiifaan filatamoodha.
G/dhiiga”B”f kan hin gorsamne immoo nyaata coomaaf zayitaa kanneen akka misira,talbaa,atarii,boqqolloo,looziifaa dha.
G/dhiiga “AB”:gartuun kun umurii gabaabaa kan qabu ykn yeroo dhihoo keessa kan muldhate dha jedhama. gosni nyaataa gartuu kanaaf filatamu qurxummii aannaniif buaa annanii ,atakiltoota akkasumas ,atarii ,baaqelaa, aappilii ,muuziin faa filatamaadha. kan hin gorfamne boqqolloo,foon diimaa ,bunaa fi alcoholiinfaa hin gorfaman
Biyya keenya biyya hawaasummaafi maatiin jiraachuun itti beekamaa ta’e keessatti gartuu dhiiga ofiif nyaata filanii nyaachuun cimaa fakkaatus ,inni guddaan fayya dha.
kanaaf hakiima mariisifnee haala nyaataa keenya sirreessuun nurraa eegama.namoonni gartuu dhiiga keessanii hin beekne immoo dhaabbata fayyaa naannoo keessan jiru deemtanii salphaatti baruu dandeessu.
Maddi healthy food team.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

%d bloggers like this: