Mul’ata jechuun maal?

Mul’anni maddaa fi abdi jireenyaati. Dhugoomsaa eenyummaa keetiiti.

Kennaan hunda caalu kan ilmaan namootaaf kenname kennaa ijaan ilaallu osoo hin taane, kennaa mul’ataati. Mul’anni kennaa gudda rabbiirraa siif kenname, kan ijaan hin mullanneedha.

Mul’anni kee hegeree tee ijaara. Hegeree tee sitti agarsiisa. Arguun hojii ijaati, mul’anni garuu hojii lapheeti. Mul’anni humna ajaa’ibsiisaa keessa keetitti argamu. Kennaa guddaa rabbiin siif arjoome.

Addunyaa kana irratti wanti guddaan mul’ataan ala hojjetame hin jiru. Qaroomaawwan kan dhalatanii fi kan guddatan karaa ogeessa mul’ata qabuutiini. Argannooleen kanneen akka falaasamootaa, guddina hawaasummaa, dinagdee, fayyaa, saayinsii fi siyaasaa kan dhalatan namoota gameeyyii mul’ataa gurguddaa qqban keessaahi.

Mul’anni gidiraa hambisa

Mul’anni abdii kufe kaasa. Furtuu ittin ulaalee yeroo darbanii fi ammaa ittin banannu. Waan ta’uu dandeenyu, kan hanga ammaatti hin ta’in, akka taanu, akka bira geenyu kan nu dandeessisuu dha.

Mul’anni irrinaawwan ijji kee argu irraa bilisa si baasee gara hamma birmadummaan isaa laphee tee keessaa sitti dhaga’amutti akka geeysu si taasisa. Waan hin argamne kan argisiisuu fi waan hin beekamne kan dandeessisu mul’ata dha.

Akkasumas mul’anni wanta nama rakkisuu fi namatti ulfaatu siif salphisa. Kaka’umsa kee gabbisa. Aadaa hojii gaarii siif maddisiisa. Kutannoo kee dabala. Abdii boruu siif ijaara. Eenyummaa keetiif madaala sirrii akka kennitu si taasisa.

Mul’anni gidiraa keessatti abdii siif ta’a

Mul’anni gidiraa keessatti abdii, qorumsa keessattis jabina namaaf kenna. Nama miirri isaa gad bu’e kakaasa. Akkasumaas kan abdii kute jajjabeessa. Mul’ataan alatti jireenyi ni ijaaramtu. Addunyaan arraa irra jirru mul’ata gurguddaa kaleessaatiin dagaagina kana gonfatte.

Qaroominni arraa firii mul’ata kaleessaati

Mul’anni kaleessaa addunyaa arraa gidiraa irraa wal’aane. Addunyaa arraa gidiraa irraa baraare. Gidiraa hambise.

Qaroomni ijibti guddaan kan waggoota kuma afur dura ture, siidaawwan piraamidii arra laallee ajaa’bsiifannu argamsise. Ijibti ammoo galmee seenaa qaroomina irratti galmeesse. Biyya kaleessa addunyaaf qaroomina gumaachite ishee jechisiise. Qaroomni meesopotaamiyaa, qarooma aksum fi k k f baay’een isaanii namoota mul’ata qabaniin bu’uureeffame.

Girikoota

Biyyi giriik biyya kaleessa addunyaa kanaaf waan guddaa gumaachite. Madda faalaasamaa turte. Namoota jajjaboo mul’ata gurguddaa qaban baay’ee qabdi turte. Girik biyya madda filoosoofii turte. Falaasamni kaleessa isaan maddisiisan arrallee addunyaa kanaaf bu’aa buusaa jira. Keessumaa filoosoofii fi aartii arra akkaataa addunyaan itti deemuu qabdu irratti dhiibbaa taasisan akka qopheessan isaan kakaase.

Mul’anni gidiraa keessatti abdii cimsa

Addunyaan badhaatuun arraa namoota mul’ata gurguddaa qabaniin kaleessa ijaaramte. Namoota gidiraa keessa osoo jiranii fagoo yaadanin ijaaramte. Fakkeenyaaf mul’anni abuurtonni addunyaa tana irra naannaawanii biyyoota nuti arra beeknu kana akka argatan kakaase. Fakkeenyaaf, kiristofar Kolomboos.

Argannooleen haaraan namoota mul’ata gurguddaa qabaniin argamte. Rakkinaa fi gidiraa keessa taa’ani warra balloo abjootaniin dhufte. Jaarraa lamaan darban namoota gidiraa keessatti guddina arkan baay’ee nyaattee dabarte.

Garuu firiin mul’ata isaanii arra harka jaarraa kana keessa jirti. Fakkeenyaaf, namoota jaarraa dabarte keessatti argannoowwan haaraa kumootaan lakkaa’aman kan jireenya keenya jijiiran akka argaman taasisan keessaa:

Ilmaan Raayit, obbolaa lamaan xiyyaara akka kalaqan kan isaan kakaase mul’ata isaan samiirra balali’uuf qaban ture. Arra nutiis sababaa isaaniin samii irra balali’aa jirra.

Toomaas Ediisen balbii elektirikii akka kalaqu kan isa kakaase mul’ata inni ifaa arguuf qabu ture. Arra nutiis firii mul’ata isaa kanatti qanani’aa jirra.
Biil Geet dhaabbata maayikiroo-sooft akka hundeessu kan isa kakaase mul’ata isaati.

Mul’anni humna guddinaati.

Addunyaan keenya arraa tun mul’anni baay’ee ishee barbaachisa. Mul’anni gurguddaan kaleessa addunyaa keenya arraatiif bu’aa gurguddaa buusani jiran. Addunyaa arraa bareechanii jiran. Qananii baay’ee gumaachanii dabran.

Mul’anni haalota arra addunyaa jaarraa diidamii-tokkoffaa keessa mudachaa jiran kana ilaaluun sodaa, abdii dhabdummaa, shakkii, nagaa dhabuu, dhibee miiraa fi hawaasummaa, dhiphina sammuu, jaijabina dhabuu fi midhama baay’ate kana hambisuuf baay’ee barbaachisa.

Gidiraan addunyaa arraa mul’ata haaraa barbaaddi

Mul’anni namoota jajjaboo kaleessaa rakkina addunyaa salphisee jira. Furee jira. Rakkinni addunyaa arraa goolaa jiru kuniis dhaloota jajjaboo mul’ata gurguddaa qabaniin furama.

Fakkeenyaaf, kufaatii dinagdee, tokkummaa dhabuu hawaasummaa, hamilee dhabuu, walitti bu’iinsa amantaa, tasgabbaa’uu dhabuu siyaasaa, rakkoo fayyaa addunyaawaa, gosaan wal fixuu fi walitti bu’iinsa beekumsaawwanii furuudhaaf gaggeessummaa ogummaawaa barbaachisa. Gaggeessummaan gaariin mul’ata guddaa keessaa argamti. Dhaloota jajjaboo filoosoofii kaleessaa qofaan socho’u osoo hin taane warra haaraa uumuu danda’u barbaaddi. Warra falaasama haaraa burqisiisan, kan gahumsa ittiin mul’ata dhugoomsan qaban barbaaddi.

Namoonni jireenya isaaniif mul’ata hin qabne…

Jireenyi carraa miti. Carraan hin jaaramtu. Jireenyi carraaqaan jaaramti. Carraaqni ammoo firii mul’ataati. Namoonni jireenya isaanitiif mul’ata hin qabne baay’een ni jiru. Warri mul’ata malee qullaa jiraatan ni jiru. Isaan warra carraaqa malee carraan jiraatani. Warra gidiraa dahoo godhatani.

Namoonni akkanaa gidiraa keessaa bahanii, boqonnaa haaraatti cehuuf fedha hin qaban. Waan danda’amu itti hin fakkaatu. Gidiraa keessa jiran sana akka wan qooda isaanii taateetti amanau. Tattaaffii hin qaban. Mul’ataan ala duwwaa jiraatu. Akkamitti akka gidiraa firraa kuffisan hin yaadan.

Mul’ata dhabuun du’a jiruuti. Osoo lubbuun jiraanii of awwaaluun tokkuma. Namoonni mul’ata qaban, kan akka itti fiixaan bahan wallaaluun dhaabbataniis ni jiru. Namoonni mul’ata qaban garuu abdi kutannaa, wali-wallaaluu, kufaatii tokko tokkoo fi miidhama isaan irraa ga’e sababa godhatanii mul’ata isaanii gatanis ni jiru.

Atihoo, mul’ata kee akkamitti sochoosaa jirta?

Namoota akkanaa keessaa tokko yoo taate, barruun keenya mul’ata irratti isiniif dhiheeysuuf arra eegalle kun uumama mul’ataa akka hubattu si taasia. Hiikkaa mul’ataa akka beektu si godha. Mul’ata dhuunfaa akka qabaattu si taasisa. Kee kan duraan qabdu ammoo irra deebitee akka ilaaltuu si kakaasa. Mul’ata kee barreeffattee akka ol kaayyattuuf sii gargaara.

Akkasumas qajeelfamoota mul’ataa akka hubattuuf si gargaara. Seeroota ittiin bulmaata mul’ataa akka beektuuf si taasisa. Barbaachisummaa mul’ataa akka beektu si godha. Akkasumaas, tooftaalee fi maloota ittiin mul’ata kee dhugoomfattu akka irraa barattu abdii guutuu qabna.

Hubadhu!!, Ati waan barbaachisaa tokko qabaachuuf uumamte. Waan bu’a qabeessa tokko gumaachuuf uumamte. Maatii, hawaasa kee fi addunyaa tanaaf waan bu’a qabeessa tokko gumaachuu dandeessa. Isaaf ammoo mul’ata akkasii qabaachuu keetu dursa. Ati jjjiirama fiduuf dhalatte.

Jireenyi kee yaalii miti

Jireenyi kee yaalii akkanumaan argamee miti. Dambii fi ulaagaalee of danda’e qaba. Jireenyi kee mul’ata keetiin ijaaramti. Mul’anni kee gidiraa hambisuuf kaayyoo dhaloonni kee barbaadu kan ittiin raawwattu pirojektii guddaa itti yaadamee siif kennameedha. Kaayyoon dhuunfaa kun madda mul’ata keeti kan jireenya ketiif hiika kennuudha. Kanaaf mul’ata keetitti amani. Wareegamaa barbaachisu taasisii. Pirojaktii kee bu’a qabeessa taasisi.

Egereen kee fuula kee dura hin jiru-si keessa jira. Hamma ijji kee ilaaluu danda’uu olitti argi. Waan hin argamneef jiraadhu. Inniis mul’ata keeti. Mul’anni kee galma kee murteessa. Eenyuummaa kee dhugoomsa. Abdii kee ijaara. Gidiraa balleessa. Rakkoo keessatti abdii sitti hora. Mul’ata keetiif jiraadhu.

Barruu keenya kanarraa waan guddaa akka barattan abdii guutuu qabna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *