Kaleessa galgala, qaamni abbummaan isaa hin beekamne tokko dhufee kokkee koo na qabee, na rukutuuf natti aaggaammate. “Si ajjeesuufan dhufee, dhaamsa yoo qabaatte kana irratti barreeffadhu!” jedhee waraqaa adii tokko natti kenne. Waanan jedhun dhabe. Hamman danda’u hundan sodaadhe. Jalaa bahuuf yaadus, fiiguu hin dandeenye, miilli koo hidhaatti jira. Iyyuuf arrabni koo qabameera. Callisee ija keessa ilaaluu qofaa ta’e dubbiin.

Dubbadhee amansiisuu yaalus, homaa ittumaayyuu dubbii natti fide malee. Akkamitti? Yeroo ani dubbachuuf arraba kiyya sosochoosu kana, arrabni koo didee didee alatti baha. Yeroo kana akka waan ani arraba itti baasaa jiruutti.. “Ani siif obsee carraa biraa siif kennee jennaan arraba natti baaftaa?” jedhee ‘goraadee’ isaa baafatee na fuuldura qabe. Na kuffisees, miilasaa tokkoon garaa koo irra dhaabbate. Nyaarri isaa akka funyootti gudunfamee jira. Guutummaan fuulasaas, duumessa roobuuf xiqqoo hafe natti ta’e. Yeroo kana waan ani gochuu danda’u tokko ni dhibe. Yaadee yaadee,…homaa! Yaaduu dhiisuus immoo yaaleera, garuu hin dandeenye. Anaa fi du’a jidduutti daqiiqaa muraasni qofti akka hafe yeroon yaadu kana, dafee du’uun hawwe. Yaa yaaddoo isaa,….yaa dhiphina isaa,….yaa sodaa isaa…! “Dafi….dafi…dhaamsa kee barreessii lafa godhadhu; daqiiqaan kee dhumachaa jira!” naan jedheetu natti kolfuu eegale. Utuu qaamni na roqomsuun dhaamsicha barreessuun eegale. Osooman barreessuun, waa yaadadhe. Yeroo kana, baay’een gammade; nan kolfes! Maal kolfuu qofaa,…nan ililcheyyuu! Hafuura dheeraan baafadhes! Bakkan ciisaa jiruu ka’eenis u’utaaluu eegale.

Kanin yaadadhee akkas gammades wanni na dhiphisaa ture sun hundisaa abjuu keessa ta’uu isaa yeroon yaadadhudha.

Abjuu ta’uu isaa akkuman hubadheen, deebi’ee hin rafne. Taa’umsan irratti qayyabadhu tokko irra taa’een waa katabuu eegale. “Osoo waan kun dhugaa ta’eera ta’ee, anaa fi du’a jidduuttis daqiiqaa muraasa qofaatu osoo hafee jiraatee maalan dhaammadhaa? Waraqaa dhaamsa koo irratti maal jedheen barreeffadha laata?” jedheen barreeffamaan of gaafachuu itti fufe. Ni ta’a jedhee kanan yaade hunda, barreesseen lafa kaa’e. Osoo si ta’ee maal dhaammattaa?

Yeroo kamiyyuu taanaan waan jiraannuuf tokko beekuu qabna. Gaafa duune waan ittiin yaadatamnu tokko jiraachuu qaba.

Anaafi Namichadha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *