Yeroo hedduu namootni ofitti amanamummaa hinqabne akka samii urjii hinqabneeti. Ifa namoota kan biraatti kan hinaafan, gaaddidduu isaaniin dukkaneessuu kan yaalan namoota injifatamoodha.

Namootni hedduun kan ilaalcha gadi-aantummaa horatan dandeettii, barumsa, qabeenyaafi wantoota barbaachisoo dhabuun utuu hinta’in ofitti amanamummaa dhabuun cimsee boodatti isaan harkisa.

Waan isaan sirriitti ta’anii argaman utuu hinta’in akkaataa isaan itti of ilaalan sirrii miti yoo ta’e rakkoo hamaa kana keessa akka seenan isaan taasisa. Akkaataa isaan itti of suuran sirrii itti fakkaata. Akkasumas maatiin yookaan namootni guddistootni, hiriyootni sirrii hintaane, haala jireenyaa dhiphisaa keessa taruu fakkeenyaaf kan akka gaa’ila hiikuu dabalatee, yaadannoo miidhaa nama mudateen liqimfamuu, dhiphina sammuufi kkf.

Mallattoowwan ilaalcha gadaantummaa ofiif qabaachuu adda baafachuun ittii adda ba’uun nidanda’ama. Namootni ofii isaaniitiif ilaalcha gadaantummaa qaban irraa mallattoolee isaan calaqqisiisan keessaa  muraasni namootni yoo kabaje yookaan jaje dhuguma jedhanii hinfudhatan; akka nama bu’aa buusuu danda’uutti of hinilaalan; nama addaa ta’uusaanii hinfudhatan; namni hundumtuu kan isaan ceepha’u itti fakkaata isa kanarraa kan ka’e ammoo ofii isaaniis niceepha’u; ofitti amanamummaa hinqaban; ofitti amanamummaan waan tokko murteessuu hindanda’an; sodaa kufaatiirraa kan ka’e waan tokko hojjechuuf nidanqamu; wantoota isaan gammachiisullee gochuuf sababoota hedduu kaasuun irraa of qoqqobuufi kkf mallattoolee muraasa namoota akkasiirraa mul’atuudha.

Isa kana egaa ofirraa mulqanii calaasuun murteessaadha. Eenyummaa ofii isa sirrii hubachuun, dursanii of simachuu danda’uun gaariidha. Sababiin isaa namni ilaalcha gadaantummaan dhaalame akka nama dorgommii keessatti injifatameeti. Jireenya mo’amaan geggeeffama. Akka namaa gadiitti of ilaala. Rakkoon guddaan isa kana. Isa kana keessaa ba’uun murteessaadha.

Yeroo hedduu ilaalcha namootni waa’ee keenyaaf qaban utuu hinta’in kan daran numiidhu ilaalcha gadaantummaa nuti ofiif qabnuudha. Ilaalchi nama kan biraa kan numiidhuu danda’u yoo heeyyamneef qofa.  Isa kana injifachuuf dawaan isaa ilaalcha sirrii ofiif qabaachuun murteessaadha.

Akkuma baay’een keenya beeknu Abrahaam Linkolin pirezidaantii biyya Ameerikaa ta’ee yeroo filame, guyyaa muudama isaarratti haasawaa taasisee erga xumuree booda namichi maatii sooressaa keessaa dhalate waamicha sana keessa jiru tokko Abirahaam Linkoliniif ilaalcha gadaantummaa qabu yeroo ibsu akkas jedhe “Obbo Linkoliin abbaan kee maatii kootiif kophee hojjechaa akka ture hindagatin”. Namootiin sagantaa kana hirmaatan ni na’an.

Ni ajaa’ibsiifatanis. Abrahaam garuu ija namichaa keessa ilaaluun “Sirriidha; abbaan koo maatii keetiif kophee hojjetaa tureera ta’a. Isaan qofaaf utuu hinta’in tarii as keessa namoonni hedduun jiraachuu nidanda’u. Sababiin isaa qophee bifa addaafi namni kamuu akka isaatti akka hojjechuu hin dandeenyetti hojjeta ture.

Ni uuma ture. Kophee qofa hinhojjetu; garuu of kennuun, itti yaaduun nama hojjetu ture. Waan tokkon si gaafadha. Kophee inni siif hojjete irratti mormii qabdaa? Sababiin isaa aniyyuu akka itti qophee hojjetan nan beeka.

Yoo mormii kophee abbaan koo siif hojjete irratti qabaatte ani akka ittihojjetan beeka waan ta’eef siif nan sirreessa. Garuu hanga ammaatti, hangan beekutti eenyullee kophee abbaan koo hojjete irratti namni mormii qabaate hinjiru. Inni nama beekaa cimaadha. Anis baay’een itti boona jedhe.”

Kanarratti namoonni hunduu nicallisan, Abirahaam Linkoliin nama hubataa attamii akka ta’e, nama hojii abbaa isaatiitti boonu, abbaanisaa hojii isaa of eeggannoo cimaan akka hojjetu nama dubbatu akka ta’e; namni kamiyyuu hojii abbaanisaa hojjetutti akka mormii hindhiyeessin kan dubbate ta’uu isaa ajaa’ibsiifatan. Akka nama gadi aanaatti akka ofilaaluuf waanti dubbatame isa miidhuu hindandeenye. Innis miidhaa kanaaf harka hinlaatne.

Dursee ofitti amanamummaa uummateera. Isa namoonni nuun jedhan utuu hinta’in deebii nuti laannu murteessaadha; nu miidhuus ta’e haala jiru injifannee akka dabarru nu taasisa. Waan guddaan garuu akka namootni itti nulaalan taanee argamuun miidhaa mataasaa qaba. Yeroo akkas jennu tarii ilaalchi namootaa kan ofitti amanannaa qabnu xiqqeessu yoo ta’e isa kanarraa qolachuun murteessaadha.

Tarii kanaan dura namoonni akka nuti ilaalcha gadi aantummaa horannu kan nutaasisan fakkeenyaaf jechoota akka “hindandeessu”,  “dadhabaadhaa”fi kkf utuu ittiin jedhanii namni guddate ilaalcha ofiif qaburratti dhiibbaa guddaa ni fida. Keessumatti aadaa keenya keessatti hindandeessu nuun jechaa warri guddanne tarkaanfii keenyarratti dhiibbaa mataasaa danda’e qaba. Dhiibbaa kana hambisuun kan danda’u ammoo nu qofa.

Yeroo tokko barataa mana barumsaa keessatti barattoota biraa wajjin walitti siqeenyaan hintaphanneefi barattoota kan biroo wajjin walitti dhufeenya gaarii hinqabne tokko ofii kootii carraa argadhee wajjin haasa’uuf yaalii godheera. Barataan kun yeroo barattoonni kan biraan walii wajjin haasa’aniifi taphatan irraa fagaatee dhabata.

Jireenyasaa keessattis abdii kutataafi gammachuu kan hinqabne akka barattoota kan biroottis ofitti amanuun kan itti hindhagaa’amne ture. Sababiin isaa maatiin isaa yeroo isa guddisan akka inni nama hintaane itti himaa waan turaniif ilaalcha gadi aantummaa akka qabaatu isa taasise.

Ergan kana dhaga’ee booda ani immoo barataan kun nama dandeettii qabu; nama daree keessa jiru irratti yoo geggeessummaa barattootaa kutaa isaatii ta’ee kaa’ame nama geggeessuu danda’u; nama amala gaarii qabu akka ta’en itti hime. Inni kun utuu fagaatee hindeemin jireenya isaa irratti jijjiirama fiduu danda’eera. Ilaalcha inni ofiif qabus akka jijjiiru taasiseera.

Har’allee baay’een keenya dhaabannee of ilaaluun barbaachisaadha. Maaltu ilaalcha nuti ofii qabnutti daangaa cimaa ta’ee jira? Lafa yaadnu akka hin geenyeef daangaa guddaa isa nutti ta’e kana cabsuun ga’ee keenya. Waan guddaa akka nuti hinyaadne, akka nuti hinhiixanne kan nutaasise kamiin iyyuu cabsuu nidandeenya.

Wanta guddaa yoomiyyuu dagachuu hinqabne yoo jiraate eenyullee sammuu keenya akka to’atu heeyyamuufii hinqabnu. Namootni sammuu keenya to’achuun ilaalcha gadaantummaa akka horannu akka nutaasisan heeyyamuufiin sirriis miti. Inni kun dandeettii nukeessa jiru kan ajjeesu diina hamaadha.

Akka dhala namaatti waan tokko dagachuu hinqabnu. Namoonni waa’ee keenyaaf ilaalcha isaan qaban; nutis ofii keenyaaf fakkii fokkisaa of suurre yeroo dhumaatiif haxoofnee balleessuudhaan ofii keenyaafis ta’e hojii hojjennuuf ilaalcha gaarii qabaachuu nubarbaachisa.

Sababiin isaa ilaalchi gadi aanaan, jechi namaa akka qiinqanii humna jijjiiramaa Waaqayyo nu keessa kaa’e horsosseessee fixa. Nama dadhabaas akka fakkaannu, akkasitti akka of ilaallu nu taasisa. Isa kana ammoo utuu yeroo itti hinkennin of keessaa haqnee balleessuu qabna.

Yaada gadaantummaa utuu hin ta’in waa’ee kee waan gaarii ofitti himi. Ilaalcha kufaa kanaan dura namoonnis ta’e ati ofiif qabaachaa turte sana geeddari. Faallaa isaa yaaduu eegali. Darbees jabaattee hojjechuun amala hojjetaan jabaan qabu agarsiisi.

Wantoota haaraa uumuun hojjechuun waa’ee keetiif ilaalcha gadi aanaa namoota qabaata turanitti agarsiisi. Namoonni waa’ee kee ilaalchisee akka hindubbatne gochuu hin dandeessu garuu isa dubbatame sana jijjiiruu nidandeessa.

Wantoonni  darbaniifi wanti ati amma keessa jirtu cimsee yoo si qabellee haala kana hundumaa gararraa ta’uun bakka jirtutti nama jijjiiramaa cimaa ta’uu ni dandeessa. Namni si’a dhibba tokko hindandeessu yoo siin jedhe abdii hinkutatin. Si’a dhibba tokko akka ati of ilaaltu sigodha. Si’a kuma tokko immoo akka ati of fooyyessituuf karaa siif bana. Yeroo mormitoonni si ceepha’an hinodaatin.

Yeroo isaan harka siif rukutan garuu sodaadhu. Wantoonni hedduun naannoo keetti ta’uu danda’a. Wanti ati hin yaadinis sirratti ta’uu danda’a. Inni guddaan garuu isa si keessatti ta’utu hundumaa mo’ata. Yeroo rakkoon addaa addaa duraa duubaan dhufuun sitti hammaatan hinsodaatin.

Caalaatti hojii itti aanuuf sijabeessee darba. Jireenyis itti fufa. Wal’aansoonis akkasuma. Yeroo tokko intalatu wal’aansoon jireenyaa akka ishee nuffisiise dubbatti. Abbaan ishees xuwwee sadii ibidda boba’u irra kaa’ee yeroo bishaan danfuutti ka’u isa jalqabaa keessa dinnicha kaa’e, xuwwee isa lammaffaa keessa buphaa (killee) kaa’e, isa sadaffaatti immoo daakuu bunaa itti naqe.

Ittifufuun ibidda itti bobeesse. Intallis baay’ee obsa hanga dhabdutti abbaan ishee maal akka hojjetaa jiru gaafatte. Innis homaa tokkoyyuu itti himuu dide. Calliseedhuma itti bobeessee yeroo hundumtuu bilchaateera jedhee yaadetti irraa baase. Wantoonni ibidda irra oolan kun maali jedhee ishee gaafate.

Isheenis dinnicha, buphaafi buna akka ta’e itti himte. Mee tokkoo tokkoo isaanii qaqqabii ilaali jedheen. Isheenis yeroo qaqqabdee ilaaltu, dinnichi baay’ee laafeera. Biphaa (killee) fuutee cabsitee yeroo ilaaltu inni keessi isaa dura dhangala’aa ture amma cimaa ta’eera. Bunni ammo foolii gaarii fagootti urgaa’u ta’ee ba’e.

Ati sadan isaanii keessaa isa kami? Sadan isaaniituu wanta walfakkaataatu isaan qunname. Bishaan bulluqa keessa buufaman. Garuu sadan isaaniituu bifa amala addaa addaa calaqqisiisan. Dinnichi cimaa ta’ee bulluqa seene. Achi keessatti garuu laafee ba’e. Buphaan (killeen) laafaa fi keessi isaa dhangala’aa ta’e seene garuu ibidda irraa cimaa ta’ee ba’e.

Bunni immoo amala addaa agarsiise. Bishaan itti naqamuu ni jijjiire. Foolii gaarii akka qabaatu godhe. Akkasuma rakkoon balbala kee yoo rurrukutu deebii ati laattu isa kami? Deebii dinnichi, buphaan ykn bunni bishaan keessatti kenne keessaa isa kami? Rakkinni yeroo dhufu si laaffisa moo si jabeessa? Egaa wantootni hamoon alaa nutti dhufan kan nulaaffisan ta’uu hinqaban. Inni guddaan garuu isa keessa keenyaati. Ilaalchi nuti ofiif qabnu jijjiiramuu qaba.

“Namni si’a dhibba tokko hindandeessu yoo siin jedhe abdii hinkutatin. Si’a dhibba tokko akka ati of ilaaltu sigodha. Si’a kuma tokko immoo akka ati of fooyyessituuf karaa siif bana.”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

%d bloggers like this: