Rawwaatani Abdi kutaannan haalaan dadhabuufi mul’ata ykn kaayyo ofii irraas amantan qaban yoo gadi bu’udha! Haallikee hammam yoo sitti ulfaatellee, ofii keet irra Abdi hin kutaatin! Amanta galmaa gahu kaayyookee irra qabdus shaakki keessa hin galchin! Haaloonni raakkisoo nun hundumaa keenya ni mudatu. Kallaati jireenyaa karaa barbaadde filachuun yoo deemtes, haaloonni raakkisoon karaan jireenya isaan irra dhaabaman waan him jirreef ammaas hinuma si mudatu. Kanaafuu furmaatni haalota raakkisoo jireenya keenya quunnamani waan tokko: innis sabaaba isaanin dadhaabani kutaachun irra of eegufi hammam yoo isaan cimanillee abdi ofii abdatani jiraachuudha. Namni obsu yoomillee wantootafi haalootan karaa jireenyasaa dhaaba miti. Obsan waan hundumaa dandammaate karaa ofii itti fufa. Karaan jireenyaa obsa him qabne kan milkaa’inaaf gahu danda’u miti.