Bineensota jiran keessaa Gugeen baay’ee garramiidha. Garaan isaaniis afaan isaanis tokko. Wal hin gowwomsan. Afaaniin wal kuulaa boolla waliif hin qotan.
Garramummaa qofaa miti; amanamummaa qabachuun illee baay’ee beekamoodha. Kun immoo Uumama jiran hundamaa keessaa fudhatamoo isaan taasisa. Waan nama dhibu, Gugeen amala ilmaan nama wajjin wal ishee fakkeessu tokko qabdi. Innis sirna gaa’elaa ( fuudhaaf heerumaa) qabaachuu isaaniti. Caalmaatti kan isaan nama ajaa’ibsisan garuu amanamumma ga’eela isaaniif qabanidha.
Gugeen dhiirri Gugee dhaltuu tokko yoo fuudhe, yeroo hundumaa isheef amanamummaa qaba. Akka seera isaaniitti Gugeen haadha mana qabu tokko, qofaa isaa eessattu argamuu hin danda’u. Yoo ba’u, yoo galu, karaa fagoos yoo ta’e dhi’oo haadha manaa isaa fudhatee deema. Gugee kashalabbeen kan gaa’ela isaaf kabaja hin qabne takkaa isaan gidduutti hin argamu. Keessumaammoo wanti nama dhibu- haati manaa Gugee tokkoo yoo jala duute, yookiis abbaan manaa Gugee tokkoo yoo du’e, hamma dhumaatti qofummaan jiraatu malee kan biroo fuudhuun ykn heerumuun akka seera isaaniitti dhorkadha. Seerichas cabsanii hin argaman. Hamma kanaatti Amanamummaaf iddoo laatu.