Kan akka jalalaa jaalatamuufi faarfamu jira hinfakkaatu. Hundi jaalachuufi jaalatamuu fedha. Bineensotaafi allaattiis dabalatee. Jaalalli gammachuu qaba. Jaalalli, seeraan hin qabamu tanaan: gadda, kufaatiifi cabiinsa hamilee hamatti nama geessuus danda’a. Gammachuu guddatti kan nama geessu jaalala dhugaati. Miidhaafi hubaatii irraas kan nama tiksu isuma jaalala dhugaati. Humni jaalalaa danuu ta’uu isaati kan kuni hundi argisiisu.
Jaalalli dhugaa waan akka salphatti argamu ykn bira ga’amuu miti. Namoota baay’ee xiqqaa ta’aniidha, yoo kan jiran ta’e, kanniin jaalala dhugaan akka salphatti badhaafaman. Garuu hedduun namaa hojjatee, carraaqee, dhimmeefii bishaan obaaseeti kan jaalala dhugaatiin walitti bayu. Ammas hedduun namootaa waan jaalala isaanii gidaara manaan walitti buusu, galaana dhufaa jiru fudhachiisu irraa fagotti oftiksu. Jaalalli dhugaa woliigaluu, kennanii fudhachuufi wolhubachuu gaafata. Dimshaashumatti jaalalli dhugaa hojii cimaa ykn dadhabbiin waan argamu ykn uumamu malee wantuma gadi ba’anii oorruudhaa haammatanii harkatti qabatanii manatti galan miti.
Jaalalli dhugaa garuu maaliidha? Madaalliin isaa hoo? Jaalala dhugaa isa kan sobaa ykn fakkeessaan akkamitti gargar baasuun danda’ama?

Qabxiilee jaalalli tokko isa dhugaa ta’uu agarsiisan 10 tarreessina. Jaalala keessa jirtan qabxiilee kanniiniin wolbira qabaa madaallii mataa keessanii itti kennaa.

1. Jaalalli dhugaa gocha. Jaalalli dhugaa waan ati namaaf taatu ammallee waan namni biros siif ta’u; haaluma kamiin keessattuu. Jaalalli dhugaa waan gochaan agarsiistu malee waan afaaniin odeessituu akka hintaane quba qabaadhu. Jaalala dhugaa nama jaalattuuf qabdu ‘sijaaladhaa’ afaanii qofaan osoo hintaane gochaan agarsiisi.

2. Jaalalli dhugaan nama hin hubu. Jireenya keessatti wolitti aaruun, mufannaafi wolhubachuu dadhabuun jira. Bakka jaalalli dhugaa jirus kuni inuma jira. Bakka jaalalli dhugaa jirutti rakkooleen ykn hir’inni kunniin waan irra deddeebi’aa mul’atanii miti, garuu.

3. Jaalalli dhugaa haasawa gaariin madaalama. Lafa jaalalli dhugaa jirutti maqaa wolballessuufi wolyakkuun hinjiru. Yoo haasoftu jechoota ‘akka natti fakkaatutti’ ykn ‘akka amantaa kootiitittii’ ykn ‘akka yaada kootti’ jedhanitti dhimma ba’uu yaali. Waan dhibbaan dhibbatti hinbeekne namatti hin fe’in. Jechaafi shakkiidhaan wolhadheessuun ganda jaalalli dhugaa jiruttii miti kan heddummaatan.

4. Jaalalli dhugaa waan jaalannu akka wareegnuuf nu hin gaafatu . Kana jechuun jaalalli dhugaa waan jalannu, maatii, hiriyyaafi fira keenya akka dhabnu ykn gargar baanu hin hayyamu. Namni wantoota jaalattuun gargar sibaasuuf carraaqu jaalala dhugaa siif akka hin qabne hubadhu. Jaalalli kee madaalawaa ta’uu qaba; gama hundaanuu. Namni jaalala dhugaa siif qabus kanarratti si jajjabeessa.

5. Jaalalli dhugaa nama jaalattuufi kanniin biroo gargarbaasuu irratti hundaa’a . Kana jechuun; maatiifi fira jibbi jechuu miti. Namni ati jaallattu hunda irra akka jalattu, yeroo kees waliin dabarsitu, bakka kamuu jiraattu akka yaadattu sirraa eegu. Kana hir’isuun, keessumattuu yoo walirratti kuusame, balaa inni fiduu malu guddaadha.

6. Waahila gaarii harkatti galfachuuf, dursii nama gaarii ta’i. Nama kaayyoo qabu, dhimma isaa too’atuufi waan barbaadu harkatti galfachuuf carraaqqatu ta’uun jaalala barbaaddu argachuufis ta’ee isa harkaa qabdu cimsachuuf sigargaara. Gufuuleen jireenyaafi jaalalaa bakka heddutti sirukutaniiran taanaan bu’uura rakkoo sanii sakatta’ii gara funduratti waan fooyya’iinsa qabu hojjachuu irratti fuulleffadhu.

7. Jaalalli dhugaa daangaa jireenyaa keessa nama sochoosa . Maaliif jiraatta? Maal qabaachuufi horachuu feeta? Maal jibbita ykn maal waahilli kee akka hinhojjanne barbaadda? Waan jaalattuufi jibbitu ifatti gargar baasi. Nama wojjiin jiraatan woliin wolitti iyyaa, mataa woldhukkubsaa jiraachuun jiruu hinta’u. Durumaa kaasii, ‘Yoo x uumame,  deeme,’ jechuu danda’uu qabda. Wonti ykn dogoggorri uumamu tokko tokko kan hireen 2ffaa ykn 3ffaa kennamuuf ni jiru. Hanga barbaachisuu ol obsuun ofsobuu ykn nama murtee ta’uu dadhabuudha calaqqisiisa.

8. Jaalalli dhugaa kaayyoofi kaka’umsaan guutamuu qaba;akka nama dhuunfaattis ta’ee akka walootti. Lameen waljaalatan yaadaafi karoora isaanii bakkaan ga’uu irratti waldeeggaruun alatti furmaata biroo hin qaban. Waan waahilli kee jireenya keessatti fedhu gargar baasii hubadhuu deggarsaan bira dhaabadhu.

9. Jalalli dhugaa miidhamaa ofgodhanii ofkaa’uu hin fedhu. Waan uumame hundarratti too’annaa hin qabu waan jedhu dhiisi. Irra jireessi waan uumamuu hayyama keetiin alatti hin uumamu. Hir’inaafi rakkina qabdu hundaaf sababa tarreesuu dhiisii itti gafatamummaa fudhadhuu akkamitti akka fulduratti tarkaarfachuu qabdurratti jabaadhuu hojjadhu. Jireenya kee irratti shufeera ta’i.

10. Kaayyoof jiraadhu. Maal akka barbaaddu ifatti beeki . of-fooyyessuuf maal maal bifa fooyya’iinsa qabuun hojjachuu akka qabdu beeki. Jaalalli dhugaa kan waloo qofa osoo hin taane kan dhuunfaatis. Jalalli dhugaa yoo kophummaan si barbaachise siif hayyama; yoo si barbaachise akka ofitti haasoftuufi ofiin mari’attuuf haala siif mijeessa malee bifa kamiinuu danqaa sitti hin ta’u.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *