– “Mo’attoonni waan adda ta’e hojjetu miti waanuma jiru karaa adda ta’een hojjetu.”
Shiiv keeraa
-“Muka ija qabdutti dhagaan darbatamu itti baay’ata.”
Shiiv keeraa.
-“Namni Kamillee miilla dhoqqeedhaan Sammuu koo irra akka ejjetu hin eeyyamu.”
M. Gaandii
“
-“Hin danda’amu kan jedhamu wanta hin hojjetamne qofadha.”
N. Maandellaa.
-“Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba in ari’u; jaalalatu jibba ari’a.”
Maartiin Luuter Kiingi.
-“Haala si mudatu waliin jireenyakee wal fudhachiisuuf yaalii godhi malee; akkan barbaadu ta’uu qaba, hin jedhin.”
Maartiin Luuter Kiingi.
– “Addunyaan kun bor nii baddi yoo naan jedhan illee har’a sanyii facaasuu hin dhiisu.”
Maartiin Luuter Kiingi.
– “Namni tokko yommuu kufu hin injifatamu, yommuu abdii kutatu injifatama.”
Riichaard Niiksoon.
-“Namni dogoggora hojjetee hin beekne nama homaa tokko yaalee hin beeknedha.”
Albeert Inestaayin.
-“Nagaan waliigalteedhaan malee humnaan hin argamu.”
Albeert Inestaayin.
-“Sababan gatiittii namoota gurguddoo irra dhaabbadheefan namoota kaan caalmaatti fageessee ilaaluu danda’e.”
Iyezak niiwtan.
-“Hiyyeessa taatee dhalachuun kee dogoggora mataa kee miti, Carraadha. Garuu yop hiyyeessa taatee duute dogoggora mataa keedha.”
Biil Geet.
-“Karaa milkaa’inatti geessu hin beeku yoon ta’ellee karaa kufaatiitti geessu garuu nan beeka. Innis namoota hundumaa gammachiisuuf dhama’uudha.”
Biil koosbiil
-“Kun hundumtuu ta’ullee, ani garuu ammayyuu ilmaan namootaa uumama isaanii irraa jalqabanii gaariidha jedheen yaada.”
Haannaa Firaank.
– “Maqaa diinota kee fi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin. Balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi.”
Joon F Keenedii.
– “Addunyaa kana irraa wanti baay’ee nama gaddisiisu, utuu ija qabanii mul’ata dhabuudha.”
Heelen kiiler.
-“Hiyyumnis ta’u soorumni bu’aa ilaalcha keenyaati.”
Naappooliyoon Hiil.
-“Carraatti cimseen amana, yoon jabaadhee hojjedhe immoo carraawwan hedduu akkam argadhus nan amana.”
Toomaas jeefersen.
-“Kaleessa caalaa bortu sitti dhihoodha.”
Miratuu Shanqoo