โตGaafa ๐๐๐๐๐ก๐’dhaan bakkuma jirtu teessee Tv irraa waan feete jijjiirrattu argannoo isaa fayyadamaa jirta.
โตGaafa ๐ ๐ค๐๐ก๐โ fayyadamtee ibsaa bantus argannoon isaa keessa jira.
โตOgeessonni fayyaa dhukkubsattoota gaafa raajii kaasan (x-ray) argannoo isaa fayyadamu.
โตSagale-guddiftuu, raadiyoo fi bilbilakee dabalatee, waan ๐ค๐๐๐๐๐๐ ๐ ’dhaan daddarbu kamuu gaafa fayyadamtu argannoo isaa fayyadamaa jirta.
Tesilaan wantoota nuti jireenya keenya guyya-guyyaa keessatti itti fayyadamnu argannoolee dhibbootaan lakka’aman qaba. Garuu nama oolmaa haga kanaa addunyaadhaaf oole kanaaf bakki kenname faallaadha.
Bara 1884 yeroo hojii argannoo isaaf bilchaatetti Toomaas Ediisan biratti qacaramee ture. Ta’us garuu yeroo muraasa booda waliif galuu hin dandeenye. Ediisan karaa daddarbiinsa kaarentii irratti DC wayya yoo jedhu, Teslaan ammoo argannoosaa kan ta’e AC filate. DC’n wantoota akka tirikkaafaa irratti nu fayyada. AC’n garuu fageenya dheeraa deemuu kan danda’uu fi warshaalee humna ibsaa guddaa gaafataniif kan fayyaduudha. Wal morkiin kun isaan gidduutti yoo ka’u, Ediisan beekamtii guddaa waan qabuuf AC’n miidhaa fiduu akka danda’u agarsiisuuf arbi ibsaadhaan qabamee akka du’u godhee Tv’dhaan mul’isee ture; gama baay’eedhaanis irratti duule. Ummatis kanaaf isa balaaleffatanii turan. (Har’a addunyaan kan isheen fayyadamaa jirtu garuu caalmaatti AC’dha).
Tesilaan ilaalcha siyaasaa yeroo sana turerraa adda ta’e waan qabuuf kara mootummaa hacuucamaa ture; miiltoo wajjin hojjetu irraas qarshii guddaa haalamee ture; laaboraatoriin isaas boodarra jalaa waan gubateef argannoo baay’ee dhabe. Yaadotni argannoo isaa yeroo hatamanittis, “wanti guddaan argannoon dhala namaa fayyadu hojjetamuu isaati” jedhee dhiisaa ture.
Nama kallattii jireenya isaa hundumaan gufuun itti baay’ate ture. Xalayaa yeroo tokko haadha isaatiif barreesse irratti, “Waggaa hamma kanaa dhala namaa gargaaruuf hojii an hojjedhe galata hin arganne; arrabsoo fi tuffatamuu qofan buufadhe.” Jedhee ture. Tesilaan yaada kalaqoota hedduudhaaf qabu baay’ee hojiitti hiikuuf danqamee, suuraa irraa akka mul’atutti waan nyaatullee hamma dhabuttis hiyyoomee bara 1943 qofaasaa hoteela keessatti du’ee argame. Argannoolee silaa har’a addunyaa kana fayyadan baay’eetu sammuu Tesilaa duukaa awwaalaman.
Yeroo sanatti dhiibbatamee haala nama gaddisiisuun du’us, har’a maqaansaa ol ka’ee haasa’ama. Waggaatti yeroo tokko jaalattootni isaa addunyaarra jiran baay’een guyyaa dhaloota isaa ni kabajuuf. Abbaa qabeenyaa 1’ffaa kan ta’e Iloon Maski illee maqaa dhaabbata isaa guddicha ‘Teslaa’ jedhee yaadannoo isaaf moggaase. Gaarummaan osoo bifa qabaattee Tesilaa fakkaatti!