Gaaddidduun Addeessaa taatee astiroonoomii bareedaadha. Dameen turiizimii namoota waan akkasii ilaaluu fedhaniif haala mijeessu jiraachuunsaas kanumaaf.

Gaaddidduun Addeessaa kun yeroo Dacheen/Lafti Aduufi Addeessa giduu taatudha. Kana irraa kan ka’een ifti Addeessi Aduu irraa argatu ni gaaddisaa’aa.

Eeshiyaa, Awustiraaliyaa, Garba Paasifiik fi Ameerikaa lamaanirra ji’aafi aduun guutummaatti walirra bu’u.

Kunis gosoota gaadidda’uu Addessaa/Ji’aa hedduu jiran keessaa tokkodha.

“Walumaagalatti gosoota gaadidduu lamatu jira: kan Ji’aa/Adeessaafi kan Aduu,’’ jedha barreessaan kitaaba ‘‘Illustrated Astronomy’’ Huwaan Kaarloos Beyaamiin.

Garuummoo, jedha barreessaan kun: ‘‘Gosti sadaffaan urjiiwwan lama of keessatti hammatus jira.’’

Gosoonni gaaddidduu sadaniifi adda addummaan isaanii asii gaditti ibsameera:

SOLAR ECLIPSES/Aduu, Dacheefi Addeessi tarree tokkorra ta’an uumama

Darbee darbee, wayita Addeessi Lafa naannoftu, pilaaneetii nuti irra jirruufi Aduu gidduu taati. Sunis ifa Aduurraa dhufu dhorkuun gaadidduu uumamu; isatu ‘Solar eclipse’ ykn gaaddidduu jedhama.

Hiika biraatiin, Baatiin gaadidduushee Lafarratti yoo mul’atu jechuudha.

Ta’us akkaataafi hangi Baatiin Aduu itti haguugdu irratti hundaa’uun, gosoota gaadidduu solar eclipse sadiitu jiru.

Guutummaatti gaaddiddaa’uu

Guutummaatti gaadiddaa’uun kan mudatu, Aduu, Addeessiif Dacheen tarree tokkotti galanii inni tokko isa kaanirraa ifa Aduu wayita dhorkudha.

Sekondoota (yookaan daqiiqaawwan) muraasaaf, samiin dukkana uffatee waan halkan ta’e fakkaata.

Akka NASA’n jedhutti, ‘‘guutummaatti gaadiddaa’uun Lafarratti kan mul’atu akka tasaati’’: Aduun harka 400 Addeessarra bal’atti, garuu Addeessi ammoo harka 400 Aduurraa fagaattee jirti.

“Hiikni kanaas, yeroo sirriitti tarree galan, Addeessi fuula Aduu guutummaatti haguugdi, sunis gaaddiddaa’uu guutuu uuma,’’ jedha NASA’n, dabaluudhaan.

MADDA SUURAAIbsa waa’ee suuraa,

Gutummaan gaaddidduun wayita umamuutti, Aduun gutummaan Addeessaan haguugamuun ifa adii qofaatu giingoo guraachaan duba mul’ata

Dheerina yeroo ilaalchisee jedhu Beyaamin wayita barreessan, ‘‘Laftiifi Aduun akki jiran, Baatiinis akki Lafa waliin hiriirtee jirtuu fi qaama lafaa isa kamtu dukkanaa’ee jira,’’ isa jedhurratti hundaa’a.

“Yaadrimeedhaan, gaadiddaa’uun inni dheeraan daqiiqaa 7 fi sekondii 32 dheerachuu mala,’’ akka astiroofiizistiin lammii Chiilii kun jedhanitti.

Yeroo hagamii gidduutti uumamuu danda’u isa jedhuuf ammoo, akka yaadnutti waan turu miti, ji’a 18 gidduutti mudachuu danda’u.

Wanti arguuf ajaa’iba ta’uu malu garuu, guutummaatti gaadiddaa’uu bakka tokkotti mul’atudha, akkas ta’uuf yoo xiqqaate ganna 375 fudhachuu mala.

Gariin gaaddiddaa’uu (Annular eclipse)

MADDA SUURAA,GETTIbsa waa’ee suuraa,

Gariin gaadiddaa’uu (Annular eclipse)

Kun wayita Addeessi Lafarraa fagoo taatee ‘‘xiqqaa’’ fakkaattu kan uumamu yoo ta’u, fuula Aduu guutummaatti hin haguugdu.

Kanaafuu, Aduun qubeelaa Addeessa marsite fakkaattee mul’atti. Taateen ‘kunis Annular Solar Eclipse’ jedhamee waamama.

Waxabajjii 10, 2021, taateen kun kutaalee Kaanaadaa, Giriinlaandiifi Raashiyaa keessatti guutummaatti kan mul’atu ta’a.

Awurooppaa, Esshiyaa Giddu-galaafi Chaayinaa iddoo hedduutti garuu, gariin kan argan ta’u.

Akka NASAn jedhutti, gaadidduun akkasii yeroo dheeraaf warra turu yoo ta’u, qubeelaan mul’atu daqiiqaa 10 oliif turuu danda’a, garuu walumaagalatti daqiiqaa 5/6 ol hin turani.

Gaaddidduu wal-makaa (Hybrid eclipse)

MADDA SUURAA,GETTY MAGESIbsa waa’ee suuraa,

Sadaasa 2013tti akkuma suuraarrati mul’atu kanatti Keeniyaa keessatti gaaddiddaa’uu wal makaan mul’atee ture.

“Taateen kun kan mudatu, yeroo Addeessi fageenya guutummaatti Aduu haguuguu dandeessurra ta’uun, wayita naannoftu, Lafarraa xiqqoo hiiqaa waan deemtuuf Aduu haguuguu dhaabdi, sunis gara Annular Eclipse ’tti jijjiirama,” akka Abba Beyaamin jedhanitti.

Beyaamin dabaluun akkas jedhu, “Gariin gaadiddaa’uurraa eegalees gara guutummaan gaadiddaa’uutti ce’uu mala.’’

Taateen akkasii carraan itti mudatu xiqqaa akka ta’eefi %4 qofa ta’uu kan ibsa.

NASAn akka jedhuttis, yeroo dhumaaf kun kan ta’e bara 2013 keessa yoo tau, isa itti aanu arguuf Indooneeshiyaa, Awustiraliyaafi Paappuwaa Giinii keessatti hanga Eebla 20, 2023tti eeguu qabna.

‘Gaaddiddeessuu Addeessaa’

Ibsa waa’ee suuraa,

Gosti gaaddidduu kun kan mul’atu, Lafti gidduu Aduufi Addeessaa wayita seentuufi ifa dhorkitudha.

Afan biraatiin, wayita ‘Lunar Eclipse’ kan agarru, gaaddidduun Lafaa, Addeessa haguugeetu.

“Akka IAC’n jedhutti, gaaddidduun Aduu bakka namni ilaalu sun jiru irratti hundaa’a. Gaaddiddaa’uun Addeessaa garuu faallaa kanaati. Pilaaneetii keenyarra bakka fedhan yoo ta’e ni mul’ata.’’

Dheerinni yeroo itti mul’ataniis akkasuma faallaa waliiti.

Akkuma isa kan Aduu, gosoota gaaddiddaa’uu Adeessaa Lunar Eclipse sadiitu jira.

Gaaddidduu guutuummaa

Yeroo kanatti, Addeessiifi Aduun sirriitti faallaa Lafaa irratti argamu, akka NASAn ibsutti.

“Addeessi gaaddidduu Lafaa jalatti argamtuullee, ifti Aduu muraasni Addeessi bira ni dhaqqaba,” jechuun NASAn itti dabaluun ibsa.

Ifti Aduu atmoosferii Lafaa keessa yoo darbu ifti cuquliisaa calalamee waan hafuuf, wayita taateen kun mudatu, Addeessi ni diimatti. Darbee darbees maqaa masoo ‘‘Addeessa Dhiigaa’’ jedhuun waamamti.

Akka IACn jedhutti, ‘‘bal’inni Lafaa kan Addeessarra harka afur waan guddatuuf, gaaddidduun ishees bal’aadha. Walumaagalatti turtiin qabaatus hanga daqiiqaa 104 ga’uu mala.’’

Yoo akka tasaa Lixa Ameerikaa Kibbaa, Kibba Baha Esshiyaa yookaan Lixa Ameerikaa jiraattaniifi samiin dumessaa’uu baannaan, daqiiqaa 14 dheeratuuf Addesssa Diimtuu Lafaan haguugamte arguuf carroomtu.

Gaaddiddaa’uu Addeessaa gariin (partial lunar eclipse)

Akkuma maqaan ibsutti kun kan mudatu wayita Lafti gariin Addeessa haguugduttidha.

Hanga gaaddidduu uumamu irratti hundaa’uun, Addeessi gurraacha-diimaa yookaan harrii shamaa fakkaatu bakka gaaddidduun Addeessa tuqerratti mul’achuu danda’a.

Kunis sababa bakka gaaddidduun qaama Addeessaa tuqeefi hin qaqqabneen adda waan ba’uuf.

Akka NASAtti, gaaddidduun Addeessaa guutummaa yeroo dheeraa keessatti al tokko waan mul’atu ta’us, kan gariinii garuu waggaatti al lama mudachuu danda’a.

AGES

Bakka gaaddiddeessuun Addeessaa itti mudate (Penumbral lunar eclipse)

Kun kan mudatu wayita Addeessi gaaddidduu gariin Lafa haguugee jiru keessa dabartee deemtudha. Kunis gaadidduu baay’ee salphaadha.

Kanaafuu, walirra bu’uun akkasii ija namaatiin adda ba’uuf qaamni Addeessa hagam gaaddidduu sana keessa akka seene irratti hundaa’a. Haga xiqqoo ta’een ijaan arguuf daran rakkisaa ta’a.

Sababa kanaaf jecha, taateewwan kunneen saayintistootaaf qofa yeroo hedduu kan himaman.

Gaaddiddeessuu urjiiwwanii (STELLAR ECLIPSES)

Gaaddidduun hundi Aduufi pilaaneetii keenya Lafa qofa kan hirmaachisan miti.

Kitaaba isaanii intarneeta gubbaa bilisaan argamu “Illustrated Astronomy” irratti Beyaamin akka ibsanitti, ‘‘%50 pilaaneetiiwwan kunneen lamaan kan argamu siistamii urkiiwwanii lama yookaan isaa ol keessttidha.’’

‘‘Gaalaaksii keenya keessatti urjiiwwan hedduun erga jiraatanii, urjiiwwan baayinaarii sunneen keessaa muraasni [urjiiwwan marsaa mataasaanii keessa sochoo’an akka jechuuti], Lafa waliin sirriitti tarree galanii naanna’u.

”Kanaafuu qaama naanna’uu isaanii kana keessatti, tokko isa tokko qaxxaamuree deema, sunis kaan akka haguugu taasisa jechuudha,’’ akka Abba Beyaamin dabalee ibsutti.

“Kan urjiiwwan dachaa ammoo ‘eclipsing binary stars’ jedhamuun beekama.”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

%d bloggers like this: