Haadha Manaa koo dhiira kan biraaf kennaan jiraa?*
Roobsan fi Daraartuun erga wal fuudhanii waggaa sagal ta’eera. Haa ta’u malee, mucaa hin godhanne. Kabaji waggaa 10 ffaa isaanii otuu hin ga’iin dura mucaa ni arganna jedhanii abdiin guddaan waliin jiraatu. Hiriyoonni isaanii tokko tokkoo fi maatiin isaanii sababa isaan mucaa dhabaniif, akka isaan wal hiikaniif dhiibbaa irraan ga’aa turan. Garuu, jaalala isaan gidduu jiru irraan kan ka’e, wal hin hiikne.
Baatiin tokko erga darbee booda, guyyaa tokko Roobsan otuu hojii irraa deebi’uu haati manaa isaa dhiira waliin otuu karaa irra adeemtu fuulleetti arge. Haati manaa isaa fi namichi isheen waliin adeemtu kunis gammaddoo wayii fakkaatu.
Ammas galgala tokko Roobsan otuu hojii irraa deebi’uu, namichumti inni kana dura ishee waliin karaa irra adeemu sun har’a immoo konkolaataadhaan fidee balbalatti akka ishee buuse alaalatti arge. Roobsan Yeroo kana argu baayy’ee aare; ni gaddes.
Guyyaa lamaa booda, Roobsan hojii irra manatti galee bishaan burcuqqootti qabatee taa’ee dhugaa otuu jiruu, Kanuma gidduutti bilbilli bilbilame. Roobsanis bilbila kaase. Namichi bilbile “Hello giiftii, akkuman waadaa siif gale galgala Mana dhufeen si arga. Nan abdadha…..” Otuu inni haasa’ee hin fixiin Roobsan bilbila irratti cufe.
Sagaleen nama bilbilee kun sagalee dhiiraa ture. Namichi bilbile kun haadha manaa koo waliin isa ani arge sana akka ta’u shakkii hin qabu jedhee garaa isaatti yaadaan “Haadha manaa koo dhiira kan biraaf kennaan jiraa? Jedhee na’ee hollachuu jalqabe. Yeroo kana burcuqqoon bishaanii harka isaa irra jiru lafa dha’ee iddoo baayy’eetti caccabe.
Kanaa booda Daraartuun gara kutaa abbaan manaa ishee taa’aa jiru kanatti fiigdee “nagaa keeti mitii? Maal taate”? Jettee isa gaafatti. Roobsan garuu aarii dhaan achi of irraa ishee darbate. Isheenis ni kufte. Lafa kuftee ka’uus, socho’uus ni didde.
Sanaa booda Roobsan, akka isheen burcuqqoo harka isaa irraa lafa dha’ee caccabe sana irratti kufte hubate. Burcuqqoon caccabaa sun akka qaama ishee keessa sesseeneerus ni arge. Yeroo kana Roobsan gadi jedhee akka afuurri ishee keessa jiru fi onneen ishee dha’atu dhaggeeffate. Garuu haadha manaa isaa keessa afuurri hin jiru. Duuteetti.
Baayy’ee garmalee jeeqamee otuu jiruu, xalayaa harka ishee irratti arge. Xalayaa sana banee gaafa barreeffama achi keessa jiru argu baayy’ee na’e. Barreeffama isaaf barreessite ture. Barreeffamichis akkas jedha:
“Abbaa manaa koo isa jaallatamaa, waan natti dhaga’ame jecha ittiin ibsu waanin dhabeef, barreessuuf dirqame. Otuu wanta gammachiisaa kana sitti hin himiin Doctor irraa adda baafachuuf torban lamaaf deddeebi’aan ture. Doctoris ulfa akkan ta’e, ulfa kunis lakkuu akka ta’e fi ijoolleen lakkuu kunis ji’a toorbaa booda akka dhalatan naaf mirkaneesseera.
Doctori sunis obboleessa koo isa yeroo dheeraaf wal jalaa badne turre sana ta’ee argame. Inni anaaf ijoollee keenyaaf kaffaltii tokko malee, sirriitti kunuunsa gaarii akka godhu waadaa naaf galeera.
Akkasumas galgala har’aa dhufee nu waliin hir’baata akka nyaatu waadaa nuuf galeera. Yeroo hunda ana waliin waan dhaabatteef baayy’ee galatoomi…… haadha manaa kee ishee jaallatamtuu irraa”!
Barreeffamni kun harka Roobsan irraa lafa bu’aa otuu jiruu, balballi ni rurukkutame. Namichi balbala rurukkutes, isa Roobsan haadha manaa isaa waliin arge sana ture. “Helloo Roobsan, ani Gurmeessaan jedhama obboleessa haadha manaa keeti” jedhee Roobsanitti dubbate. Kanuma gidduutti dhiigni obboleettii isaa dhangala’aa akka jiru arge. Atattamaan gara mana yaalaa ishee geesse, garuu yeroon itti darbeera. Obboleettin isaa, haati manaa Roobsan ijoollee ishee lakkuu waliin duuteetti.
Barumsa isiniif haa ta’u…..
Haariiroo ykn walitti dhufeenya keessatti, akkasumas gaa’ela keenya dabalatee, waa’ee jaallallee keenyaa ykn waa’ee haadha manaa/ Abbaa manaa keenya waan argine ykn waan dhageenye tokko otuu isaan hin gaafatiin dafnee aarree murtoo hin taane keessa seenuun gaarii miti.
Waliin dubbachuu, wal amanuu fi obsi kennaa guddaa dha.