Dhiphinni Maali Dha?
DHIPHINA GAARII FI HAMAA
Dhiphinni tarkaanfii uumamaan fudhattuu fi haalawwan rakkisaa ykn miidhaa geessisaniif akka qophooftu si dandeessisu dha. Tarkaanfiin yeroo dhiphattutti fudhattu sammuu kee keessaa jalqaba. Dhiphinni gaariin daftee tarkaanfii akka fudhattu si dandeessisa. Hamma tokko dhiphachuun kee tarii yeroo qormaataatti, hojiidhaaf qacaramuuf gaafannoon yeroo siif godhamutti ykn tapha ispoortii tokko irratti galmawwan kee irra akka geessu ykn buʼaa gaarii akka argattu si gargaaruu dandaʼa.
Haa taʼu malee, dhiphinni yeroo dheeraadhaaf turuu fi cimaa taʼe ykn garmalee hamaa taʼe si miidhuu dandaʼa. Qaamni kee irra deddeebiʼee ykn utuu addaan hin kutin tarkaanfii fudhachuuf kan qophaaʼu yoo taʼe, qaamni kee, miirri kee fi sammuun kee hubamuu jalqaba. Akkaataa itti warra kaan qabdu dabalatee amalli kee jijjiiramuu dandaʼa. Dhiphinni garmalee cimaa taʼe araadaaf saaxilamuu fi wantoota sirrii hin taane kan biroo raawwachuutti nama geessuu dandaʼa. Kana malees dhiphina sammuutti, garmalee bututuu ykn of ajjeesuuf yaaduutti illee nama geessuu dandaʼa.
Dhiphinni nama hunda irratti dhiibbaa wal fakkaatu geessisuu baatus, dhukkuboota adda addaatiif nama saaxiluu dandaʼa. Akkasumas guutummaa qaamaa irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa.