➲ Uumaan, uumama adda addaaf kennaa addaa arjoomeera; Sammuu ofiirratti xiyyeeffachuun keessumaa nu dhaloota haaraa kanaaf barbaachisa. Biyyoonni guddatan hedduun isaanii  ijoollee  umuriin isaanii waggaa 8-12 sammuu isaaniirratti hojjetu. Umuriin ganamaa kun umuriiwwan kudha 16 booda dhufan irratti baay’ee sirreeffamaaf sammuu karooraan guute, sammuu toora galeef, hin’raafamne qopheessa. Sammuun isaanii ganama kallattii sirrii qabekaa!

 Nutihoo? Isa jedhuuf baay’een keenya waan irratti xiyyeeffachuu qabnu adda baafnee beekuu dhabuurraa kan ka’e burjaajiif raafama jeeqama keessatti gaadi’amnee jiraanna. Kan kallatti sammuu isaatiin jireenya isaarratti murteessu nu keessaa baay’ee dhibbeentaa xiqqoodha.

Ofirratti xiyyeeffachuuf, sammuu ofiitti hojii manaa laachuun jalqabarratti boru yaaduu gaafata. Boru maal ta’uuf maal irratti argamuu akka qabnu adda baafannee beekuudha gaafata. Yoo boru hin’yaadin har’a waanuma har’a fakkaatu keessatti laaqamaa hafna.

Har’a yeroon, yaadni horiin, fayyaan keenya maal irra oolaa jira? Maal irratti qisaasa’aa jira? Maal irratti argamaa jira?  Gaaffiin kun deebii sirrii argachuu qaba. Yaadni keenya har’aa maal irrati burjaaja’aa jira? Maalitti dhiphachaa jira? Maalitti of gaadi’aa jira?  Kunis deebii saalfachiisaa fi bu’aa hinqabne taanaan  bakka amma jirruutti  of gannee of dagannee jirra jechuudha.

Kanaaf boruu keenya yaaduun har’a karaa sirrii, gocha sirriif, amala sirrii akka qabaannuuf sababa ta’a.  Boruu keenyarratti maal qopheessaa jirra? Karoorsaa jirra? Boruu keenya maliif qopheessaa jirrahoo?  Gaaffii aniif ati of gaafachuu qabnudha.

Har’a maaltu dursuu qaba? Adda baafadhu. Waan dursuu qaburratti sammuukee too’adhu. Waan karoora keef yaada galmee keerra hin’jirre waliin burjaaja’uu dhiisi. Karoora baafatterratti of hoggani.  Waan dursi kennamuuf sirreessaa deemi.Ofii keef; barnootakeef, maatiikeef; hojiikeef. Waan qabdu, adda baafadhu. Afuura kee tasgabbeessi. Atiif afuurri kee walii galuuf, waliin tasgabbaa’uun dirqama.

Yeroo keerratti ati of murteessi. Achirraa ajandaan, dhimmi, wacni asaasni kamuu akka si buqqisuun dandeenye haalaan hubadhu. Yeroo qofarratti osoon taane, eenyummaa keef dhimmootan kana dura kaase hundatti  ati nama of hogganu; ajandaa mataa ofii keessa jiraatu, nama yaada sammuu isaatti dhimma bahu,  Nama karooraaf, ejjeennoo isaa keessatti cimee dhaabatu ta’uutu si barbaachisa.

Sammuun kee, fedhiin kee, yaadniif hawwiin kee too’annoo kee jala jira taanaan, bakka itti argamuu qabduuf, waan sirraa dhaga’amuuf hubatamuu qabu situ adda baasee filata. Waan si fakkaatuun argamta. Waan sifakkaatu waliin mul’atta.
 
Sammuu ofii kana too’achuun, kunuunsuun, dhaggeeffachuuf hojii itti kennuun gahee keenya.

“Sammuu keenya kun tilmaamaan qaamota xixiqqoo bil 80tti tilmaamaman irratti kan ijaaramedha” jedhama. Kennaa uumamaan nuuf kenname keessaas isa guddaadha. Garuu waanuma kaleessaaf dheengadda irra deddeebiin yaaduudhaan kan itti fayyadamu nuyi. Kunimmoo sammuun keenya yaada haaraaf gochawwan haaraa akka horatuuf  dhama’uu dhiisuu keenyarraa madda.

Taateewwan haaraa, kalaqawwan haaraa, odeeffannoowwan haaraa, dhimmoota gurguddoo sammuu keenyaaf laannee iratti yaada wal jijjiirru barbaaduu irratti dhibaa’ummaa qabaachuu keenyaani.

Silaa haguma nama haaraa arginu, yaadni dubbannu nurkaa dhumee waanuma barame irra deddeebinee hin’haasofnu. Osoo sammuu keenyatti guyyuu waan haaraa fiduu amaleeffannee waanuma waggaa  ji’aaf torban dura ture irratti yeroo keenya gubaan hafnu.

Nanaaf sammuu keenya kaleessa irraa adda gochuuf har’a waan haaraa itti barbaaduu, hoji haaraa itti kennuu, kunuunsuuf, sooruutu barbaachisa.

Xiqqoon dubbadhe malee guddinaaf hojii sammuu keenyaa kanaa ol waan gurguddaatu dubbatama! Sammuu amma qabnu kanatti hojii haalaannu. Yaada ofdanda’aa haa horannu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *