Wal ta’iinsi sammuu fi qaamotaa, ergaa guutuu qaamaa irraa gara sammuu deemuu fi murtoo sammuu gidduutti al tokko tokko wal dhabbiin ni uumama.
Ergaan qaamota irraa gara sammuutti yaa’u ammoo yeroo guutuun qaamaa dammaqee jirutti ergaa karaatti hafe turtii yeroo booda gaafa qaamni boqonnaarra jiru gara sammuu deemuu danda’a.
Wal ta’iinsii miira ergaa baatuu fi sammuu kun ammoo yeroo qaamni boqonnaa irra jirutti icciitiidhaan wal qunnama. Abjuun eergaa sammuu bira osoo hin gahiin hafe, yeroo qaamni boqonnaa irra jiru yookaan hirriiba keessa jiru turee sammuu dhaqabe ta’a.
Ergaan kun ammoo hawwii, gadda, gammachuu, boo’icha fi guutummaatti muudannoo jiruu nama tokkoo isa sammuu fi qaamonni biroo osoo irratti walii hin galiin hafan ta’uu isaati.
Wal qunnamtiin dhoksaatti sammuun rafaa(unconscious mind) fi gartokkee qaama dammaqaa gidduutti taasifamu kun beekamtii qaama hundaa waan hin qabneef yeroo abjuu himannu hunda isaa yaadachuun nu rakkisa.
Fakkaattiinwalqunnamtii
( communication) sammuu rafaa fi gar tokkee qaama dammaqaa gidduutti taasifamu kun murtoo taatee qabu tokkoyyuu hin dabarsu.
Sababiin isaatuu qaamni hundi iil-fakkii( imagination) uumamu kana keessaa harka hin qaban waan ta’eef. Gama biraan ammoo joonjuu(delirium) yoo fudhannee qunamtiin gar tokkee qaama dammaqaa ergaa dhokataa baatee gara sammuutti deemu murtoo fudhachuu danda’a.
Yeroo kana ammoo namni osoo hin beekiin laphee hirriibaatiin qaama isa warraqsuu, haasa’uu, kolfuu yookaan boo’uus danda’a. Akkanuma ammoo ka’ee deemuullee ni danda’a.
Joonjuun fakkaattii sammuu rafaa keessatti uumamu wal diddaa yeroo qaamni guutuu dammaqee jirutti uumamutu halkan dhoksaadhaan gara gochaatti geeddarama. Fakkeenyaaf: namni tokko gocha wayii rawwachuu osoo kajeeluu garuu garaa kootu na dide yoo jedhu ni dhageenya.
Diddaan kun kan uumame guyyaa yoo ta’u, ergaan kun sammuu rafaa(unconscious mind) keessa dhokateetu halkan dhoksaadhaan qaama diddaa uume sana osoo hin beeksisiin shira xaxuu eegala.
Suniis milkaa’eefii gara gochaatti gaafa geeddaramu namni kun laphee hirriiba isaatiin ka’ee deemuu danda’a.kun ammoo balaaf isa saaxila. Akkuma abjuu taateen gocha isaa hawwii, gammachuu, rakkina, gadda,yookaan kan biroo ta’uu danda’a.
Haa ta’uutii garuu ergaan kun fedhii qaama diddaa uumeetiin ala waan raawwatamuuf sammuun inni rafaan gochatti akka geeddaramu ajaja dabarsa. Joonjuun yeroo baay’ee seera cabsuu sammuu fi qaamota gidduutti waan uumuuf ergaan guyyaa sammuu rafaa keessatti galmaa’e halkan dirqamaan beekamtii gartokkee qaama dammaqaatiiniis ta’ee guutummaa qaama rafaatiin yoo wal deeggarsaan gochatti geeddarama.
Haa ta’uutii garuu akka yaada furmaatatti namni tokko hirriiba gaarii joonjuu fi abjuun itti hin baay’anne rafee buluu yoo barbaade, rafuu isaatiin dura ergaawwan sammuu rafaa(unconscious mind) keessa dhokatanii jiran baasee deebii itti kennuu qaba.
Wal dhabbii qaama isa fi sammuu isaa gidduutti uumameef fala kaa’uu kan danda’u ammoo oolmaa isaa guutummaatti iil-sammuu isaatiin erga abuuree booda gaaffii keessa isaatti osoo raawwachuu barbaaduu hin raawwatiin hafeef sababa(reason) gahaa qopheessee gaafficha sammuu rafaa keessaa baasuudha qaba.(the question hide within unconscious mind must be deleted in a reasonable way) raawwii dhabuu gocha keenyaatiif sababa gahaa hin qabnu taanaan garuu galmeen gaaffii sammuu rafaa keessa dhokatee jiru kun salphatti balleessuun hin danda’amu.
Sammuu rafaa(unconscious mind) ergaawwan guutuun qaamni keenyaa fi sammuun keenya irratti wal dhaban galmeessee waan qabatuuf osoo hin rafiin dura galmee kana yoo deebii qabanne deebii itti kennuun yoo deebiin hin jiru ta’e yookaan ammoo dogoggorreetu murtoo tokko murteessineerra ta’e ammoo akka qaamni keenya nutti hin dallanne araara buusnee dhiifama ofii gochuudhaan joonjuu irraa bilisa bahuu dandeenya.
Sun ammoo kan ta’u galmee sammuu rafaa keessaa baasnee gara sammuu dammaqaatti dabarsuun hirmaannaa qaama hundaatiin (dimocratic means) murtoo walii galaa murteessinee bilisa of baasuu dandeenya.