{"id":256,"date":"2017-01-12T09:53:41","date_gmt":"2017-01-12T09:53:41","guid":{"rendered":"https:\/\/afanoromobatch.wordpress.com\/?page_id=256"},"modified":"2017-01-12T09:53:41","modified_gmt":"2017-01-12T09:53:41","slug":"kamisaa-kan-kadhatamu","status":"publish","type":"page","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/kamisaa-kan-kadhatamu\/","title":{"rendered":"Kamisaa Kan Kadhatamu"},"content":{"rendered":"<h3>Galata Giiftii Keenya <font color=\"red\">Durboo Maariyaam<\/font> Kamisaa Kan Kadhatamu<br \/>\n Kutaa Arfaffaa<br \/>\n<\/h3>\n<ol>\n<li>\n        Mudaa (Xuraa&#8217;ina) kan hin qabne giiftii <font color=\"red\">Durboo Maariyaam<\/font> lalistuu Museen gammoojjii keessatti utuu hin gubatin arge fakkaatti. Jechi Abbaa isheerra nama ta&#8217;e. Ibiddi waaqummaas ishee hin giubne. Erga isa deessene boodas durbummaan ishee hin jijjramne. Innis nama ta&#8217;uusaatin Waaqummaan isaa hin hafne. Dhugumatti Waaqayyodha, dhugumatti Waaqayyo kan ta&#8217;e inni dhufee nu fayyise. <br \/><font color=\"red\">Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.<\/font>\n    <\/li>\n<p><\/p>\n<li>\n        M<font color=\"red\">Waaqayyo kan deessee yaa giiftii keenyaa<\/font>, hundumti keenya si galateeffanna dhiifamni kee hundaa keenyaaf akka ta&#8217;uuf. Hewaan muka nyaattee yakkaa hojjetten abaarsi duraa namummaa keenyarra bule  kan ture isheetiin nuuf hafe, Waaqayyo kan deessee <font color=\"red\">Dubroo Maariyaam<\/font> abdii hundaa keenyaati.<br \/>\n        Sababa Hewaaniin balballi gennataa cufame. Lamaffaas sababa giiftii keenyaa <font color=\"red\">Durboo Maariyaamiin<\/font> nuuf baname. Kunnis jaalala keenyaaf jedhee kan dhufee nu fayyise ulfaata fooniifi dhiigaa <font color=\"red\">Kiristoosidha.<\/font> . Icciitii dinqii waa&#8217;ee ishee kan dubbachuuf beekuu kan danda&#8217;uu laphee isa kami? Dhaga&#8217;uu kan danda&#8217;u gurra isa kami?. Nama kan jaallatu Waaqa tokko kan ta&#8217;u, Waaqummaan isaa utuu hin jijjiramiin addunyaa kana dura kan ture abbaa biraa jechi dhufee haadha isaa adda kan taate irraa nama ta&#8217;e. Erga isa deesseen boodas durbummaan ishee hin jijjiramne. Kanaafuu deessuu waaqayyoo ta&#8217;uunshee beekame. Waaqayyo bal&#8217;inni ogummaasaa hammam nama haa dinqu? Gadameessi dhiphinafi ciniinsuudhaan akaa deessu itti murta&#8217;ee ture argama jireenyaa taatee. Abaarsa namummaa keenyarraaa kan balleessu sanyii dhiira malee nuuf deesse. Kanaafuu &#8220;Yaa nama kan jaallatu ulfinni siif haa ta&#8217;u arjaafi fayyisaan dhaqna keenyaasidha.&#8221; jenne haa galateffannuun.<br \/><font color=\"red\">Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.<\/font>\n    <\/li>\n<p><\/p>\n<li>\n        Sanyii dhiira malee waaqayyon kan deesse hojiin garaa dubroo akkam nama haa dinquu? Ergamichi yoseefitti mul&#8217;ate &#8220;Afuura qulqulluudhaan isheerra kan dhalatu utuu hin jijjiramiin nama kan ta&#8217;u jechaa waaqayyodha.&#8221; jedhee dhugaa ba&#8217;eera. <font color=\"red\">Maariyaam<\/font> gammachuu guddaa kan caalu isaatiin deesse. Ergaamichi dabale &#8220;Ilma ni deessa maqaasaas Amanu&#8217;eel jedheen, hiikni isaas  <font color=\"red\">Waaqayyo<\/font> nu wajjin ta&#8217;e jechuudha. Lamaffaas lammiisaa cubbuurraa kan fayyisu Iyyesuus jedhama. Humnaaatiin akka nu fayyisuuf cubbuu keenyas akka nuuf dhiisuuf bara baraaf galanni isaaf haa ta&#8217;u. Nama kan ta&#8217;e isaatiiin Waaqayyo ta&#8217;uusaa sirritti isaa beekneera. Dubroo maariyaam irraa dhalachuun Gooftaa hammam nama dinqu? Jecha abbaa kan garaa baattee dhalachuu isaa kan durse hin jiru. Dhalachuusaattis durbummaan ishee hin jijjjiramne. Jechi dadhabbii malee Abbaa irraa bahe ,Dubroo irraas rakkina malee dhalate. Namoonni ogummaa isaaf sagadan, Waaqa waan ta&#8217;eef ixaana fidaaniif,mootii waan ta&#8217;eef warqee fidaaniif du&#8217;a nuuf jedhee fedhiisaatin fudhateefis qumbii(karbee) fidaniif, arjaafi nama kan jaalatu isaa qofadha.<br \/><font color=\"red\">Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.<\/font>\n    <\/li>\n<p><\/p>\n<li>\n        Cinaacha Addaam keessa lafee tokko fudhachuun akkam nama dinqu? Isaarras dubartii uume, uumama nama hundumaas uume. Jechi abaaa Gooftaa ni kenname. Dubroo adda taateerra dhalatee Amanu&#8217;eel jedhame.kanaafuu, Ilmashee jaallatamaa  waliin akka nuu ararsituuf yeroo hundumaa ishee haa kadhannu. Isheen Qulqullootafi Phaphaasota hundumaa biratti arjaadha, kan isaan tajaajila deessettifi&#8217;oo, raajootafis kan isaaf raajii   dubbatan deessettifi&#8217;oo, duuka bu&#8217;ootafis maqaasaatiin hanga handara addunyaatti kan barsiisaniif deessettifi&#8217;oo, Wareegamtoonnifi amantoonni kan isaaf qabsuura&#8217;an,baay&#8217;inni kennaa ogummaasaa kan hin beekamne.Iyyaasuus Kiristoos Isheerraa dhalatee&#8217;oo,baay&#8217;ina dhiifamasaa qorannee haa barru, dhufee nu fayyiseerra&#8217;oo.<br \/><font color=\"red\">Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.<\/font>\n    <\/li>\n<p><\/p>\n<li>\n        <font color=\"red\">Waaqayyo<\/font> Dawwitiif &#8220;Sanyii kee keessa teessoo mootummaa keerraa naan kaa&#8217;a&#8221; jedhee dhugumatti ni dubbate, ittis hin gabbu. Qulqulluun Dawwit Kiristoos fooniin isarraa akka dhalatu yeroo amaneetti, bultoo jechaa Waaqayyoo barbaadee argachuuf jaallate, kanaas tattaaffii cimaadha raawwate,kana boodas &#8220;kunoo efraataatti isaa dhageenye&#8221; jedhee <font color=\"red\">Afuura qulqulluudhaan<\/font> dhageessisee dubbate. Isheenis Amanu&#8217;eel nu fayyisuuf fooniin irraa dhalachuuf kan ishee filate bultoo Waaqayyo Yaa&#8217;iqoobidha. Lamaffaas raajoota keessa inni tokko Milkiyaas,&#8221;Yaa Beetelihem kutaa efraataa kan taate biyya moototaafi qondaaltota biyya yihuudaatiin gaditti hin taatu lammii koo Israa&#8217;eeliin kan eegu mootiin isa keessa ni ba&#8217;a, &#8220;har&#8217;aa kaasee hanga bara baraatti arjaa Abbaasaa fi Afuura qulqulluu wajjin galanni kan ta&#8217;uuf waa&#8217;ee kiristoos Afuura tokkon raajii kan dubbatan dubbiin mikiyaasiifi Dawwit akkan nama haa dinqu? <br \/><font color=\"red\">Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.<\/font>\n    <\/li>\n<li>\n        Mootiin Israa&#8217;eel Daawit, yeroo diinoonnisaa isarratti ka&#8217;anii turetti, burqaa bishaan Beetelihemirra dhuguuf  hawwe \/barbaade. Ajajoonni loltusaa ariitiidhanan magaalaa diinasarraa kan inni dhuguuf hawwe bishaan fidaniif. Dawwit qulqulluun garuu isaaf jedhanii du&#8217;aaf dabarsanii of kennuusaanii yommuu argu, bishaan sanan ni dhangalaase, isarraas hin dhugne. Kana boodas bara baraaf hojii gaarii ta&#8217;ee lakkaa&#8217;ameef. Wareegamtoonni dhugumatti  miidhagina addunyaa kanaa tuffatan, dhiigasaanis Waaqayyoof jedhanii dhangalaasan.Mootummaa Waaqayyoofis du&#8217;a hadha&#8217;aa obsan. Yaa Gooftaa akka baay&#8217;inaa dhiifama keetti dhiifama nuuf godhi.<br \/> <font class=\"red\">Yaa qulqulleetti nuuuf kadhadhu.<\/font>\n    <\/li>\n<p><\/p>\n<li>\n        <font color=\"red\">Sillaasee qulqulluu<\/font> keesaa inni tokko Ilmi, salphina keenya argee, samii samiirras bu&#8217;ee gad of qabee dhufee garaa maariyaam keessa bule. Cubbuu hojjechuurraan kan hafe akkuma keenya nama ta&#8217;ee. Akkuma raajoonni dubbataniifiitti Beetaliheemitti dhalate jaallate nu fayyise, gartuu isaas nu taasise. <br \/><font color=\"red\">Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.<\/font>\n    <\/li>\n<\/ol>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Galata Giiftii Keenya Durboo Maariyaam Kamisaa Kan Kadhatamu Kutaa Arfaffaa Mudaa (Xuraa&#8217;ina) kan hin qabne giiftii Durboo Maariyaam lalistuu Museen gammoojjii keessatti utuu hin gubatin arge fakkaatti. Jechi Abbaa isheerra nama ta&#8217;e. Ibiddi waaqummaas ishee hin giubne. Erga isa deessene boodas durbummaan ishee hin jijjramne. Innis nama ta&#8217;uusaatin Waaqummaan isaa hin hafne. Dhugumatti Waaqayyodha, dhugumatti &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/kamisaa-kan-kadhatamu\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Kamisaa Kan Kadhatamu<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"parent":0,"menu_order":0,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","template":"","meta":{"footnotes":""},"class_list":["post-256","page","type-page","status-publish","hentry"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/256","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/pages"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/page"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=256"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/256\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=256"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}