{"id":1436,"date":"2020-05-09T03:37:52","date_gmt":"2020-05-09T00:37:52","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=1436"},"modified":"2020-05-09T03:37:52","modified_gmt":"2020-05-09T00:37:52","slug":"hiddaa-dhaloota-qulqulleetti-dubroo-maariyaam","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/05\/09\/hiddaa-dhaloota-qulqulleetti-dubroo-maariyaam\/","title":{"rendered":"Hiddaa dhaloota Qulqulleetti dubroo maariyaam"},"content":{"rendered":"\n<p style=\"text-align:justify;\">+++CAAMSAA 01+++<br \/>\u2714ILMOO QAJEELAAN(QULQULLUUN) JIREENYAAF DHALATA Fak 11:19<br \/>baga guyyaa yaadannoo dhaalota haadha hunda keenyaan isiin gahe kessaas alas kan jirtaan ijoollee tewaahidoo hundaaf.qajeelan jireenyaaf malee badiif,dabaaf,moraaf ,falfalaaf,jibbaaf,hammenyaaf,doqnummaaf hin dhalatu.wa&#8217;een dhalachuu dubroo akka itti anuutti.<\/p>\n\n\n<p style=\"text-align:justify;\">Waaqayyoo gargaaraa godhachuun \u201cbu\u02c8uurri ishee tulluuwwaan(garreen)qulqulla\u02c8oodha\u201djedhe kan akka laphee waaqayyoo qulqullichi Daawwit faarsaadhan waan farfateefif, dabalatas qulqullichi Yaareed \u201c\u121b\u122d\u12eb\u121d\u1230 \u1270\u1280\u1271 \u12a5\u121d\u1275\u12ab\u1275 \u12c9\u1230\u1270 \u12a8\u122d\u1221 \u1208\u12a0\u12f3\u121d \u12a8\u1218 \u1263\u1215\u1228\u12ed \u1338\u12d3\u12f3-Maariiyaamis dur irraa jalqabee amalummaa Aaddaam keessatti akkaa inquu adii ifti (addunyaa boora\u02c8ee kessaatti qulqullummaadhan,qaajelummaadhan,dubrummaadhan ifti)\u201djedhee waan dubbaateefif.dabalatas \u201cwaaqayyoo Abbaan samii taa\u02c8ee baha fi dhiha, kaaba fi kibba nannaawa isaanii dhuguumatti ilaale.foolii isaaniis fuunfate, kan akkaa kee jiru hin argannee.foolii kees jaallate kan jaalatu Ilma isaas gara kee erge.\u201djedhee beeka Abbaan Hiriyaaqoos waan faarfatefif, ulfaa\u02c8amuu haadha Ifaa ,dhalachuun haadha ifaa kanadha.<\/p>\n\n\n<p style=\"text-align:justify;\">\u2665Giiftiin keenyaa qulqulletti dubroon Maariyaam boroon isaa amantaadhan kan ta\u02c8u Abrahaam,boroon isaa mootii kan ta\u02c8u sanyii Daawwit irraa akkaa argamtee macaafni(kitaabni) qulqulluun ragaa nuuf baha.ifa adduunyaa kan jeedhamee qulqullichi phaawuloos waa\u02c8ee iccitii nama ta\u02c8uu Gooftaa keenyaa fayyisaa keenyaa kewwaata dubbatee irratti:-\u201c\u12a5\u1235\u1218 \u12a0\u12ae \u12a5\u1218\u120b\u12a5\u12ad\u1275 \u12d8\u1290\u1225\u12a6 \u1208\u12d8\u1290\u1225\u12a6 \u12d8\u12a5\u1295\u1260\u1208 \u12f3\u12d5\u1219 \u12a5\u121d\u12d8\u122d\u12a0 \u12a0\u1265\u122d\u1203\u121d- Amalummaa Abrahaam irraa fudhate malee Eergamoota irraa kan fudhatee miti\u201d jedhe \/Ibro 2:16\/.haaluma kanan dessuun Gooftaa qulqulleetti dubroo Maariyaamiin sanyii Abrahaam ta\u02c8u ishee beekne hubannee jechuudha.Raajiichi Isaayyaas :-\u1275\u12c8\u133d\u12a5 \u1260\u1275\u122d \u12a5\u121d\u1225\u122d\u12c8 \u12a5\u1234\u12ed\u1361- iseeyii jala(sanyii Iseeyi kessaa) uuleen(Giiftiin keenyaa)ni baati(ni<br \/>dhalatti)\u12c8\u12e8\u12d3\u122d\u130d \u133d\u130c \u12a5\u121d\u1294\u1203:-daraaranis jirma ishee irraa nib aha(Gooftaan<br \/>keenyaas isheerraa ni dhalata) \u201cjedhe R Isa 11:1 hiika fi dubbisa<br \/>Tokkummeessaa isaa.<br \/>Beektonnii bataskanaa(mana qulqullummaa)akkaa nutti himaan dubbiin<br \/>ulfaa\u02c8amuu Giiftii keenyaa akkaa itti anuutti:-<br \/>\u2756Akaakilee kan ta\u02c8an Pheexiriqaa fi Teekittaa namootni jedhaman Iyyarusaaleem(Jerusalem)kessaa gaa\u02c8elaan murta\u02c8anii jiraatu ture.qulqullonni kunniin kanatu isaan hafe(hanqate) kan hin jedhamne yoo ta\u02c8aniiyyuu Ilma dhaalu hin qaban ture.guuyya kessaa gaaf tokko garuu Pheexiriqaan haadha mana isaa Teekittaadhan:-\u201cyaa! obbolettii koo ani dhabaadha(maseenadha), atis dhabduu qabeenya kana hunda eenyuutu dhaala?\u201djedhen.Teekittaanis deebiftee:-\u201cyaa! Obbolessaa koo waaqayyoon ana yoo ilmoo na dhorgateeyyuu atis akkaa koo taate haftamoo?siif kennuu danda\u02c8aatii kan biro bira gahiiti dhalchii\u201djetteen.innis:-\u201ckana akkaan hin goone(raawwannee)waaqni Israa\u02c8eelii ni beeka\u201djedhen.yeroo kanatti hedduu ni gaddaan.battaluma sanatti mul\u02c8ata argan.waatii(jabbii)adiin mooraa isaaniti yoo baatu waatiinis waatii dhala jahaffaa irraa yoo geessuu jahaffaan sun baatii(ji\u02c8a ykn aaddessa),<br \/>Aaddessi immoo biiftuu yoo dhaltu argan.Kana booda abjuu kan hiiku bira deemanii kan argan hundaa itti himatan.innis:-\u201cwaaqayyoo dhifaama isaatin isiin yaadateerati mucaa<br \/>gaarii ni argattuu.waatii raada torba dhaluun keessaan ijoolle dubara fi ijoolle ijoollee kessaanii torba argachuu keessaaniidha.jahaffaan addeessi uumamtoota ol kan taatu ilmoo taatudha.waa\u02c8een biiftuu sanaa garuu naaf hin ibsamne, akkaa raajaa akka mootii ta\u02c8uu danda\u02c8a\u201djedhen.isaaniis yeroon haa hiikuu jedhaniin sokkaan.kana booda Teekittaan ni ulfoofte.maqaa ishees \u201c\u1228\u12a8\u1265\u12a9 \u1235\u12a5\u1208\u1275\u12ec\u1361\u1228\u12a8\u1265\u12a9 \u1270\u121d\u1290\u1275\u12ec-kanan wareege argadhee kanan yaades(hawwes) argadhe\u201dyoo jettu Hee\u02c8emeen jetteen.<br \/>\u26631.Hee\u02c8emeen&gt;2.Deerdeen&gt;3.Toonaan&gt;4.Siikaariin&gt;5.Hermeelaan&gt;6.Haannaa deesse.qulqulleetti haannanis yoo sadarkaa dardarummaa geessuu mana Yiihuudaati kan dhalate Iyyaaqeem kan jedhamu nama baheessaa tokkotti heerumsisaan.Iyyaaqeemii fi Haannaa jireenyi isaanii waaqayyoo fulduratti qajeela fi ifa,<br \/>namoota fuldurattis gaarii fi dogongorri kan irraatti hin mul\u02c8anne namoota baheeyyii turan.haaluma kanan waaqayyoo fi namootan kan gaalateffaaman namooti baheeyyiin kunniin waggota digdamaaf ilmoo malee jiraatan.yaa!jaallatamtoota nuuti hangam obsa qaabeyyiidha?hammaam waaqayyoon eegna ta\u02c8innaa?hammaam waaqayyoon kadhannaa ta\u02c8innaa?qulqullotni kunniin garu waggoota diigadmaf eegan.caallisaanii eeguu qofa miti.kaadhanna fiwaawwaanaadhanii malee.Guuyyaa tokkoo Iyyaaqeem :-\u201cyaa!waaqa abbooti kooani garbichi kee siin kadhadha ,na hin tuffaatin kadhaa koo dhagahii feedha koo naaf raawwadhu, ijaa koof qubannaa laphee koof abdii kan ta\u02c8u ilmaa eebbifame ilma dhiira naaf ladhu\u201djedhe kadhachaa oole.Haannaaniis gama isheen;-\u201cyaa! Gooftaa kook an abbootii kootii waaqni Israa\u02c8eelii ani garbichi kee siin kadhadha na dhagahi.ijaa koof qubannaa laphee koof abdii kan taatu kan eebifamte imoo dubara firii garaa(gadamessaa)kootii naaf ladhu\u201d jettee kadhacha olte.Akkaanas jedhanii kadhachaa wawwaata oolanii,Haannaan yoo gugeen ijoollee ishee waaliin taphattuu argitee:-\u201cyaa!Gooftaa koo ishee kanaf ilmoo kan kennitee maalii anaf ilmoo dhabdee(na dhowwattee)?\u201djettee hirqitee boosse.kanaf Iyyaaqeemii fi Haannaan waaqayyoon ilmoo akkaa isaaniif kennuu bayyisanii kadhatan.\u201dilmoo dhiira yoo nuuf kennee bu\u02c8ee, ba\u02c8ee , qotee, qofforee,nuu haa gargaruu hin jennuu, mana qulqulluummatif aafata afee,golgaa golgeesssee haa jiratuu malee.ilmoo dubaras yoo nuuf kennee bishaan warabdee, qoraan cabsitee nuu haa gargartuu hin jennuu, mana qulqulluummatif leemmati warqee hoodha,golgaa hojjechaa haa jirattuu malee\u201djedhanii waadaa galanii<br \/>wareegan(tasaalan).Qulqulleetti Haannaanii fi qulqullichii Iyyaaqeem guyyuma sana mul\u02c8ata arganii wantichaa argatanii bulan.Iyyaaqeem \u201csamiiwwaan torban akkaa golgaa saqqamanii samii oliiti sinbirri adiin bu\u02c8ee mataa koo irraa qubateen arge\u201djedhen.sinbirroo kan jedhamee Gooftaa keenyaa yoo ta\u02c8u,aduummaan isaa qulqullummaa amalummaa isa kan agarsiisuudha.mata koo irra qubateen arge jechuun isaa Gooftaan amalummaa Iyyaaqeem(kan namaa) amalummaa isaa godhatee bu\u02c8usaati.samiiwwaan torban kan jedhaman amalummaa Gooftaa keenyaa yoo ta\u02c8an isaaniis<br \/>Guutummaaisaa(\u121d\u120d\u12d3\u1271),ballinaasaa(\u1235\u134d\u1210\u1275),mootummaasa,\u122d\u1240\u1271\u1363\u120d\u12d5\u120d\u1293\u12c9\u1363\u12d5\u1260\u12e9\u1363\u12a5\u12d8\u12d9 fa\u02c8adha.dhifaama qooqni na hanqaateen fayyaadamee.Haannaanis anis argeera jetteen.maal argitee yoo jedhun:-\u201cgugee adiin dhuftee narraatti buutee gurraa kootiin lixxee(seentee)garaa koo kessaa (gadamessaa) yoo ciistu arge\u201djetten.gugee kan jedhamte giiftii keenyaa yoo taatu, aduummaan ishee qajeelummaa,qulqullummaa,dubrummaa isheetidha.\u201dgurraa koon lixxee garaa koo kessaa ciistee arge\u201djechuun ishee immoo misirachoo ergamaatin Giiftiin keenyaa akka ulfooftudha.kunis kan ta\u02c8e adoolessaa soddomaadha.Isaaniis abjuu(mul\u02c8ata) akkaana yoo argine wantichaa yoo argannee jedhanii guyyuma sana sal qunnaamti hin raawwannee,dursaanii heeyyaama waaqayyoo gaafatan malee.iyyaarusaleemitti mana<br \/>qulqullummaatti ayyaanni yoo kabajamu Iyyaaqeem olloota waliin kennaa qabatee ayyaanichaa kabajuu gara mana qulqullummaa deeme.yeroo sanatti duree luboota kan turee Yiisaakoor(Roobeel)jedhama.Iyyaaqeem kennaa qabatee dhufuu isa argee gara isa<br \/>dhufee:-\u201cilmoo osoo hin qabaatin(dhabaa ykn maseena)taate osoo jirtuu akkaamiin garana dhuftee?kennaa(arsaa) keetiis akkaamiin dhiyeessitaa? Waaqayyoon kennaa dhabdoota hin fudhatuu bar\u201djedhee<br \/>dhorge.Iyyaaqeem saalfii(qaanii)guddaadhanii fi gaddaan deebi\u02c8e.namootni balbala keenya cufu,waaqayyoo garuu nuuf bana.namootni \u201cmaaltuu sii dadhabsiisa?\u201d nuun jedhuwaaqayyoo garuu nu gargaara.Kanaafuu yeroo kanatti ifa guddaa kan uuffatee Eergamaan waaqayyoo dhufee Iyyaaqeem fuldura dhabbaatee akkaanas jedheen:-\u201cyaa!<br \/>Iyyaaqeem ana arguu keetiin hin rifatin(hin sodatiin),hin cinqamiin.ani kadhaan keetiis akkaa dhagahamee,kennaan kee fulduraa waaqayyoo akkaa gahe sitti himuu ergamee kanan dhufee Eergamaa waaqayyooti.hundaa raawwachuu waaqni danda\u02c8uu gadameessaa nama hedduu ni cufa,ni banas.haati kee durii Saaraan hanga uumrii saddetamatti dhabduu turte,booda garuu haadha Yiisaaq taate.akkanumas Raaheel jaalatamtu waaqayyoo kan turte dhabduu turte,booda immoo haadha Yooseef taate.waaqayyootti dhiyoo kan turan haawwaan Soomsoonii fi Saamu\u02c8ueel dhabdoota turan,boodarraa garuu harmoolii namoota gurguddoo kana ta\u02c8an.\/ab.firdii ykn masaf.13:1-24 ;1:20\/.Kanaaf haati mana kee haannaan ilmoo dubra siif dessii maqaa isheetis Maariyaam jettee ni waamta.garaa haadha ishee kessaa osoo jirtu Afuurri qulqulluun irraa ni bula\u201d lammaaffaas Eergamaan gara Haannaa deeme akkana jedheen:-\u201cyaa! Haannaa afuura biraa kan argitee sitti hin fakkatin ani kadha fi kennaa kee fuula waaqayyoo duratti Eergamaan dhiyeessuudha.ammaas kanan dhufeef dubartoota hundaa ol kan taatu maqaan ishee Maariyaam kan jedhamtu ilmoo dubra kan dessuu ta\u02c8uu sitti himuu kan dhufeedha.\u201djechuun misirachoo itti hime.dhugaa kanan,misiraachoo ergamaatin,heeyyamaa waaqayyootin haati waaqayyoo Giiftiin keenyaa abbaa ishee Iyyaaqeem fi\n haadha ishee Haannaa irraa hagayyaa 07\/5484 barri abarsaa yoo raawwatuu ulfa\u02c8amtee,caamsa 01\/5485 barri abarsaa yoo raawwatuu dhalatte.<\/p>\n\n\n<p class=\"has-text-align-justify wp-block-paragraph\">\u2756\u2756\u2756\u2756Yaa Dubree\u2026\u2026.<br \/>\u12a6 \u12f5\u1295\u130d\u120d \u12a0\u12ae \u1260\u134d\u1275\u12c8\u1270 \u1338\u1290\u1235 \u12d8\u1270\u1338\u1290\u1235\u12aa \u12a0\u120b \u1260\u1229\u12ab\u1264 \u12d8\u1260\u1215\u130d \u12a5\u121d \u1210\u1293 \u12c8\u12a2\u12eb\u1244\u121d \u12d8\u1270\u12c8\u1208\u12f5\u12aa\u1362yaa! Dubree cubbuudhan , salqunnamtee seeran alan kan ulfa\u02c8amtee miti.seeran kan ta\u02c8e raawwii seeran Haannaa fi Iyyaaqeem irraa kan dhalatteedha malee.dubrummaa haadhummaa waliin , taajajilummaa haadhummaa waliin, annaaniis dubrummaa waaliin tokkumessitee kan qabdee yaa!Giiftii keenya gannaata yeroo ari\u02c8amnee abdiin keenya kan siin raawwatame si\u02c8idhati si jaallanna.yaa! Ebbifamtuu siin jenna.yaa!qulqulleetti siin jenna.kanas qooqni keenya hanga danda\u02c8u dubbachuu malee galata kees qooqni kiruubeliiyyuu geessisuun hin danda\u02c8amuuf.qooqni suraafeeliis dubbatee hin fixu.jaalatama Ilmaa kee irraa araaraf dhifaama nuuf kadhadhu.<br \/>Horaa bulaaa deebanaa<\/p>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Gababadhumaatti <\/p>\n\n\n<p style=\"text-align:justify;\">Hiddaa dhaloota giiftii keenyaa durbee maariyaamii&#8230;<br \/>Ibroota 2:16 Q\/durbee maariyaam dhala namootaa irraa akka dhalattee.<br \/>Sanyii Abrahaamiin qabatee,malee sanyii ergamootaa qabatee miti.Fars 86:1 hundeen ishee garee eebbiffamoodha.<br \/>Addaam irraa eegalee hanga Iyaaqeemiif Haannaatti.<br \/>Addaam irraa karaa ijoollee isaa karaa Seet.<br \/>Karaa Nohiin immoo karaa Seem.<br \/>Abrahaam irraan karaa Isiiyaaq.<br \/>Yaa&#8217;iiqoobiin karaa Yuudaafi Leewii.<br \/>Daawwiittin karaa Solomoon.<br \/>Karaa mana Leewii sanyii Aaroon.gartuu lubootaa kan taatee qulqulleetti Haannaa.karaa sanyii Yuudotaan qomoo sanyii moototaa kan ta&#8217;ee qulqulluu Iyaaqeem irraa argamtee.<br \/>Hiddaa torbaffaa Q\/d\/maariyaamii<br \/>Pheexirqaafi Tektaa<br \/>Hameen<br \/>Derdaan<br \/>Toonaan<br \/>Siikaar<br \/>Seet naa<br \/>Hermeela<br \/>Haannaa<br \/>D\/Maariyaamii<\/p>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Irra deebii kan maxxanfame. bara 2009 irraa fudhatame<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>+++CAAMSAA 01+++\u2714ILMOO QAJEELAAN(QULQULLUUN) JIREENYAAF DHALATA Fak 11:19baga guyyaa yaadannoo dhaalota haadha hunda keenyaan isiin gahe kessaas alas kan jirtaan ijoollee tewaahidoo hundaaf.qajeelan jireenyaaf malee badiif,dabaaf,moraaf ,falfalaaf,jibbaaf,hammenyaaf,doqnummaaf hin dhalatu.wa&#8217;een dhalachuu dubroo akka itti anuutti. Waaqayyoo gargaaraa godhachuun \u201cbu\u02c8uurri ishee tulluuwwaan(garreen)qulqulla\u02c8oodha\u201djedhe kan akka laphee waaqayyoo qulqullichi Daawwit faarsaadhan waan farfateefif, dabalatas qulqullichi Yaareed \u201c\u121b\u122d\u12eb\u121d\u1230 \u1270\u1280\u1271 \u12a5\u121d\u1275\u12ab\u1275 \u12c9\u1230\u1270 &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/05\/09\/hiddaa-dhaloota-qulqulleetti-dubroo-maariyaam\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Hiddaa dhaloota Qulqulleetti dubroo maariyaam<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":1437,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[3],"tags":[],"class_list":["post-1436","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-barumsaa"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1436","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1436"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1436\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1436"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1436"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1436"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}