{"id":1489,"date":"2020-05-26T09:57:01","date_gmt":"2020-05-26T06:57:01","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=1489"},"modified":"2020-05-26T09:57:01","modified_gmt":"2020-05-26T06:57:01","slug":"iccitii-duaa-kauu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/05\/26\/iccitii-duaa-kauu\/","title":{"rendered":"Iccitii Du&#8217;aa ka&#8217;uu"},"content":{"rendered":"\n<figure class=\"wp-block-image size-large is-style-default\"><img decoding=\"async\" src=\"https:\/\/afanoromobatch.files.wordpress.com\/2020\/05\/iccitii-duaa-kauu.png?w=1024\" alt=\"\" class=\"wp-image-1490\" \/><\/figure>\n\n\n<h1 class=\"wp-block-heading\">\u201cAmma garuu Kiristoos kan muganiif hangafa ta\u2019uudhaan du\u2019aa ka\u2019ee jira. Duuti gama namaattin waan dhufeef, du\u2019aa ka\u2019uun ammo gama namaatiin ta\u2019ee jira. Hundumti Addaamiin akkuma du\u2019an, hundumti ammo Kiristoosin jiraattota ni ta\u2019u.\u201d (1Qor. 15;20).<\/h1>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Jiraataa bara baraa kan ta\u2019e fayyisaan keenya I\/Kiristoos erga fannoo irratti lubbuu isa dabarsee kenne booda ni awwaalame.<\/li><li>Guyyaa sadiifi halkan sadiif awwaalaa keessa bulee.<\/li><li>Guyyaa sadaffaatti awwaalaa naaf banaa, kafana narra hiikaa osoo hin jedhin du\u2019a injifatee boolla keessaa ni ka\u2019e.<\/li><\/ul>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">\u201cWaaqayyoos akka nama hirriba dammaquutti ni ka\u2019e, akka nama cimaa machiin daadhii isa dhiisetti; diinota isaa gara boodaatti rukute.\u201d(Far. 77 (78) : 65)<\/p>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Gooftaan keenya I\/Kiristoos dhala nama mara irraa du\u2019a isaatiin du\u2019a barbadeessee, awwaala keessaa ka\u2019eera. Nuttis akkasuma bara gara boodaa du\u2019aa ni kaana. Iccitiin akkanaas <strong>Iccitii du\u2019aa ka\u2019uu <\/strong>jedhama.<\/p>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Iccitummaan isaas, Namni erga du\u2019ee foon isaa tortoree booda, deebi\u2019ee lubbuu waliin tokko ta\u2019uun, jiraataa bara baraa ta\u2019uun isaa iccitii guddaadha.<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>\u201cWaa\u2019ee kana hin dinqisiifatinaa, warri du\u2019anii awwalaman sagalee isaa yeroon itti dhagahan ni dhufa.\u201d (Yoh. 5:28)<\/li><li>\u201cKiristoos warra du\u2019an keessaa ka\u2019uun isaa erga lallabamee attamitti isin keessaa kaan warri du\u2019an hin jiru jechuu danda\u2019uuree? Warri du\u2019an ka\u2019uun hin jiru erga ta\u2019ee, Kiristoos ammo du\u2019aa hin kaane. Kiristoos du\u2019aa hin kaane erga ta\u2019ee lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanuun keessanis faayidaa hin qabu.\u201d (1Qor. 15:12)<\/li><\/ul>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Yommuu du\u2019aa kaanu immoo hojiin nu yeroo biyyaa lafa kana irratti hojjetaa turre nu waliin ni ka\u2019a. Gooftaan keenya I\/kiristoos qulqulloota isaa wajjiin ni dhufa.<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>\u201cYommus mallattoon Ilma namaa samii keessatti ni mul\u2019ata, yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo\u2019uf jiru, Ilmi namaa ammo dumeessoota samii irraa humnaafi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru.\u201d (Mat.24:29)<\/li><\/ul>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Inni yeroo sanatti namoota gaarii hojjetan mirga isa, namoota yaraa hojjetan bitaa isaa irra ni dhaaba.<\/p>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Warra gaarii hojjetanin:<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>\u201cIsin ijoollee Abbaa kook an eebbifamtan gara koo koottaa, beela\u2019ee na nyaachiftan, dheebodhee dheebuu na baaftan, keesummaa ta\u2019ee na simattan, darree natti uffistan, dhukkubsadhee na gaafattan, hidhamee gara koo dhuftan\u201d jedhaan. Isaaninis mootummaa Waaqayyoo ni dhaalchisa.<\/li><\/ul>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Warra gara bitaatti argamaniin garuu:<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>\u201cIsin warra abaaramoo nana, ana biraa deemaa; beela\u2019ee ana hin nyaachife, dheebodhee anan hin obsaasne, keessummaa ta\u2019ee nah in simaanne, daareen ture, daara ana hin baafne; dhukkubsadheen ture; hidhameen ture isin ana hin gaafanne, isin gara ibidda bara baraa isa Seexanaafi ergamoota isaaf qophaa\u2019e dhaqaa\u201d (Mat. 25:41)<\/li><\/ul>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Namni yeroo du\u2019aa ka\u2019utti yeroo sadi ergamaan qulqulluu Mikaa\u2019eel faaggaa (malakata) ni afuufa, labsiin ni darba.<\/p>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Labsii jalqabaa irratti:<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Foon namootaa bakka tokkotti walitti ni qabamu,<\/li><li>Kan tortore, kan bishaan nyaate, kan bubbeen fudhate,<\/li><li>Kan bineensi hamaan nyaatee hundi bakka tokkootti walitti ni qabamu.<\/li><\/ul>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Labsii yeroo lammaffaatti:<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Hiddiifi foon lafeen wal qabatu,<\/li><li>Reeffa hoo\u2019a (reeffa reef du\u2019e) ni fakkaatu.<\/li><li>Qaama isaanii keessayis kan hir\u2019atu hin jiraatu.<\/li><\/ul>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Labsii yeroo sadaffaatti:<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Hundii du\u2019aa ni ka\u2019u.<\/li><li>Dhiirri kan wagga 30, dubartiin kan wagga 15 ta\u2019uun akkuma Addaamiifi Hewaan yemmuu uumamaan sana fakkaatanii du\u2019aa ni ka\u2019u.<\/li><li>Kan gaarii hojjete biiftuurra harka 7 addaatetti ka\u2019a.<\/li><li>Kan yaraa hojjete qurroorraa harkaa 7 gurraacha\u2019ee ni ka\u2019a.<\/li><li>Kan boo\u2019an aka hin boonye, kan gammadan akka hin gammadne ta\u2019a, kan quufan akka hin quufne, kan dheebotan akka hin dheebotne ni ta\u2019u. (1Qor. 6:29)<\/li><\/ul>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Gooftaan jiraattitafi du\u2019oota irratti murteessuu ni dhufa. Guyyaa dhufaatii isaas ergamoota isaatiin marsamee dhufa. (Mat. 24:29)<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>\u201cGooftaan yemmuu dhufu ergamoota isaa samii irraa sagalee faaggaa guddaa wajjiin ni erga, isaan ammo warra Waaqayyoof foo\u2019aman kallatti arfanii, andaara bantii samii gar tokkoo hamma gara isa kaanittis walitti ni qabu.\u201d (Mat 24:31).<\/li><\/ul>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Du\u2019aa ka\u2019uu boodaas<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Fuudhafi heerumni dadhabbiifi jabinni, sooressiifi hiyyeessi, dullumni hin jiru;<\/li><li>Namoonni hundi haala wal fakkaataa ta\u2019een ni argamu.<\/li><li>Dacheen kunis ni dabarti.<\/li><li>Si\u2019ooliin ibidda gahannamiin bakka buuti,<\/li><li>Jannatni immoo Iyyaruusalem ishee samiitiin bakka buutti.<\/li><\/ul>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Egaa barumsii waa\u2019ee Iccitii du\u2019aa ka\u2019uun wal qabattu bifa gababaan hangummaa ammatti kan dubbistaan fakkaata. Kutaa barumsaa biraa yeroo itti annu wal arginaa.<\/p>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Eebbi Abbaa, Jaalalli Ilma, tokkichumaan afuura qulqulluu kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam, Eegumsii ergamoota qulqulluu, kadhannaan abbootaa warreegamtottaa qulqulluu biyyaa keenya Itiyoophiyaa, amantaa keenya kiristaannaa ortodooksii, ummataa kiristannaa maraa&nbsp; bakkee gara garaa kan jiruu nu hundaa keenya irraa ollee nuuf haa bulu.<\/p>\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u. Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u201cAmma garuu Kiristoos kan muganiif hangafa ta\u2019uudhaan du\u2019aa ka\u2019ee jira. Duuti gama namaattin waan dhufeef, du\u2019aa ka\u2019uun ammo gama namaatiin ta\u2019ee jira. Hundumti Addaamiin akkuma du\u2019an, hundumti ammo Kiristoosin jiraattota ni ta\u2019u.\u201d (1Qor. 15;20). Jiraataa bara baraa kan ta\u2019e fayyisaan keenya I\/Kiristoos erga fannoo irratti lubbuu isa dabarsee kenne booda ni awwaalame. Guyyaa sadiifi halkan &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/05\/26\/iccitii-duaa-kauu\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Iccitii Du&#8217;aa ka&#8217;uu<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[6],"tags":[],"class_list":["post-1489","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-dirsaanee-ergamoota"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1489","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1489"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1489\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1489"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1489"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1489"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}