{"id":1499,"date":"2020-06-08T01:12:52","date_gmt":"2020-06-07T22:12:52","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=1499"},"modified":"2020-06-08T01:12:52","modified_gmt":"2020-06-07T22:12:52","slug":"duaafi-gosa-isaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/06\/08\/duaafi-gosa-isaa\/","title":{"rendered":"Du&#8217;aafi gosa isaa"},"content":{"rendered":"\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" src=\"https:\/\/afanoromobatch.files.wordpress.com\/2020\/06\/duaa.png?w=1024\" alt=\"\" class=\"wp-image-1500\" \/><\/figure>\n\n\n<h1 class=\"wp-block-heading\"><\/h1>\n\n\n<p>Du\u2019i foonii nama hin sodaachifne hin jiru. Akkasumas immoo xinnos ta\u2019e guddaa, beekaas ta\u2019e wallaalaan, sooressas ta\u2019e hiyyeesi, kan amaneef hin amannee, gantuunis du\u2019a foonii jalaa raawwatee ooluun danda\u2019amu. Egaa du\u2019aa jechuun hoo hiikaan isa maali? Macaafni qulqulluun maal jechuun hiikaa yookiis waa\u2019ee du\u2019aa maalfa ibsa? Mee walumaan haa dubbisnuu!<\/p>\n\n\n<p>Macaafni qulqulluun akkas jechuun hiika:<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Waaqayyoo irraa addaan ba\u2019uu. (Uma. 4:16)<\/li><li>Daandii gara Waaqayyoo ittin dhaqan (Fil. 1:21)<\/li><li>Hirriba keessa dammaqu (Mat. 9:24, Yoh. 11:11, Luq.8:49)<\/li><li>Boqonnaa (Uma. 15:15)<\/li><\/ul>\n\n\n<p>Namoonni hoo maal jechuun du\u2019aaf hiikaa kennuu?<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Afuura baafachiisa: nama baay\u2019ee rakkatee yeroo inni\/ isheen duuttu ittin jedhu.<\/li><li>Kutee deemaa: Nama ol guddacha jiruu yeroo inni du\u2019u kan ittiin jedhan.<\/li><li>Obbaafachiisaa, gab godhaa: namni hamaan yookiis namni jal\u2019aan yeroo inni du\u2019uu kan ittin wamaan<\/li><li>Fi kanneen biro hedhuudha.<\/li><\/ul>\n\n\n<h2 class=\"wp-block-heading\">Duuti gosa meeqa qaba?<\/h2>\n\n\n<p>Duuti gosa lamatu jira. Isaaniis:<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Du\u2019a fooniifi<\/li><li>Du\u2019a lubbuuti.<\/li><\/ul>\n\n\n<p>1. Du\u2019a foonii jechuun gargar ba\u2019u fooniifi lubbuu jechuudha. Duuti foonii Abeel irraa jalqabee nama hundaa irratti mo\u2019ee kan jiru eenyuuf illee kan hin hafneedha. Foon kan uffatee hundi kan du\u2019uudha. Kunis immoo Adaam abbaan keenya uumamee waggaa 7 ergaa eddeen gannata keessa jiraate booda innaaf seexanaa irraan kan ka\u2019ee; seexannii bofa irraa buluun Hewwanniin gowwomsee abboommii Waaqayyoo akka cabsaan taasisuu danda\u2019eerraa. Waaqayyoos Adaam nama jalqabattin ati biyyoodha, deebitees biyyoo ni tata ittiin jedhee. (Uma. 3:19) Sana boode duuti foonii dhala nama irraatti mo\u2019eerraa.<\/p>\n\n\n<p>2. Du\u2019aa Lubbuu jechuun lubbuun foonitti erga adda baatee booda gara Waaqayyoo deemtee murtoo fudhatti. Erga murtee fudhatee booda waan gaarii hojjetee hin qabdu tannaan yookiis seera Waaqayyoo hin eegne taannan yeroodhaaf gara Ibidaa Si\u2019oolitti gadi buuti. Guyyaa isa dhumaa immoo isarraa kan caalu gara ibiddaa gaannamitti gadi buutee bara baraan achi keessatti dhiphatti, kunis DU\u2019AA 2FFAA\u2019 jedhama. (Rom. 6:23, Mul. 21:8).<\/p>\n\n\n<p>Gosa du\u2019a kana lamaan irraa du\u2019ii kan biraan immoo<\/p>\n\n\n<p>Du\u2019aa Dhabbiitti (Ijaajjiitti): Innis afuuraan du\u2019uu kan jedhamuudha.<\/p>\n\n\n<p>Namni tokko biyya lafaaa kana keessa osoo hojjeetuu, osoo adeemu, osoo jiraatuu, osoo nyaatee dhuguu Waaqayyootti amanee yoo hin jiru ta\u2019e hojii amantiis hojjechaa yoo hin jiru ta\u2019e fayyaatti yookiis afuuratti du\u2019aadha jedhama.<\/p>\n\n\n<p>Waa\u2019ee du\u2019aa dhabbiittis macaafni qulqulluu akkas jedha.<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Kan du\u2019ee du\u2019aan haa awwaalu (Mat. 8:22)<\/li><li>Ilmi kook un du\u2019ee dhuma ture (Luq. 15:24)<\/li><li>Isin duraan kan duutan turtan. (Efe. 2:1)<\/li><\/ul>\n\n\n<p>Kalleessaa dhalli nama abboomii diduu isaan du\u2019aa of irraatti moosisee ture har\u2019as immoo tannaan yoo na jaallattan abboommii koo eegaa (Yoh. 14:15) kan gooftaan keenya jedhee sana diduun du\u2019aa of irratti fiida jira. Du\u2019ii kunnis du\u2019aa foonii osoo hin tannee du\u2019aa lubbuutti.<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Duuniifi mootummaan warra du\u2019anii kuufama ibiddaatti gad ni darbataman; kuufamni ibiddaa kun du\u2019a isa lammaffaadha. (Mul. 20:14)<\/li><\/ul>\n\n\n<p>Namni seera beekufi hin beekne yakka raawwatee wal qixee addabaa argataa. (Rom. 2:12-14) Kunis inni kan wallaalummaa irraan kan ka\u2019ee, kaan immoo beekumsa fooniitti hirkachuudhaan, kaan immoo gowwoomsaa hiriyyaatiin, kaan immoo dagannaadhaanifi kan kana fakkataan ta\u2019u danda\u2019aa namni kan inni du\u2019u.<\/p>\n\n\n<p>Haa ta\u2019u malee, Waaqayyoo du\u2019aa namaa hin jaallatu. Kanaaf karaa adda addaa barsiisuudhaan akka namni hin duuneef karaa baasee jira.<\/p>\n\n\n<p>Kanaaf egaa dhalli nama waan guddaa of taasisu dhiisee, of jajuus dhiisee, waan hojjettuuti Waaqayyoon kadhachuun hojjeechuun irraa jiraata.<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Mucaan nama akka gaaddisaatti ni darba, hin turus (Iyo. 14:1-2)<\/li><li>Waggaan kumni tokko, siif akkuma guyyaa kaleessa darbeeti, akkuma darabee dammaqa halkaniitis. (Far. 90:4)<\/li><li>Barri namaa akkuma margaati; akka daraaraa bakkeettis. (Far. 103:15)<\/li><li>Namni garaa isaatti yaadee ni akeeka, deebii kan kennu garuu Waaqayyoodha. (Fakk. 16:1, 16:9)<\/li><li>Mucaan namaa akka abaaboo coligee harca\u2019uuti. (Isa. 40:6-8)<\/li><li>Mucaan nama akka qilleensa shuf jedhuuti, barri jireenya isaas akka gaadidduu darbuuti. (Far. 144:4)<\/li><\/ul>\n\n\n<p>Waaqayyoon nama qalbii jijjiiratee dhaaltu mootummaa isa, hirmattuu maddii isaa nu haa taasisuu.<\/p>\n\n\n<p>Egaa namni ogummaadhaan, taayitaadhaan, qabeenyaanfi kanneen birootti maxxannee of jajuu dhiisuudhaan, gara Waaqayyootti deebi\u2019ee, akka tasaatti akka du\u2019u beekuudhaan, waan gaarii hojjechuudhaan, hamaa irraa deebi\u2019ee, qalbii jijjiirate foon gooftaa nyaatee, dhiigaa gooftaa dhuguun qophaa\u2019ee jiraachuutu isa barbaachisa.<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Namni ogeessi ogummaa isaatiin of hin jajin, inni jabaanis jabina isaatiin of hin tuulin (Erm. 9:23-24)<\/li><li>Namni of jaju gochaa gooftaatiin of haa jaju (1Qor. 1:31, 2Qor. 10:17)<\/li><\/ul>\n\n\n<p>Waaqayyoon nuu kakasee kan nu jalqabsiisee nu jalqabsisee kan nu xumursisee galanniifi ulfinni oqubaan bara baraa isaaf haa ta\u2019u. Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Du\u2019i foonii nama hin sodaachifne hin jiru. Akkasumas immoo xinnos ta\u2019e guddaa, beekaas ta\u2019e wallaalaan, sooressas ta\u2019e hiyyeesi, kan amaneef hin amannee, gantuunis du\u2019a foonii jalaa raawwatee ooluun danda\u2019amu. Egaa du\u2019aa jechuun hoo hiikaan isa maali? Macaafni qulqulluun maal jechuun hiikaa yookiis waa\u2019ee du\u2019aa maalfa ibsa? Mee walumaan haa dubbisnuu! Macaafni qulqulluun akkas jechuun hiika: &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/06\/08\/duaafi-gosa-isaa\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Du&#8217;aafi gosa isaa<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[3],"tags":[],"class_list":["post-1499","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-barumsaa"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1499","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1499"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1499\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1499"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1499"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1499"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}