{"id":1503,"date":"2020-06-08T21:20:02","date_gmt":"2020-06-08T18:20:02","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=1503"},"modified":"2020-06-08T21:20:02","modified_gmt":"2020-06-08T18:20:02","slug":"waaee-taabotafi-taabota-44-maal-jechuudha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/06\/08\/waaee-taabotafi-taabota-44-maal-jechuudha\/","title":{"rendered":"Waa&#8217;ee Taabotafi taabota 44 maal jechuudha?"},"content":{"rendered":"\n<h1 class=\"wp-block-heading\">Waa\u2019ee Taabota<\/h1>\n\n\n<p><br \/>Q): &nbsp;Taabonnii museef kennamee tokko isiin garuu taabota 44 jechuun ni waamtu kun maaliif ta\u2019u danda\u2019ee?<\/p>\n\n\n<p>Q): Moggaasni Maqaa Taabota kakuu haaraa maaliif baay\u2019ate?<\/p>\n\n\n<p><br \/>A): &#8211; Duraan dursee wanti hubachuu qabnu taabota 44 kan jedhu mana amantaa keenya keesa hin jiru.<\/p>\n\n\n<p>Taabonni Bataskaana keenyaa tokko dha. Seenaan Taabota 44 jedhu kan eegale, taabota 44n naanawaa magaalaa Gondar keessatti bara 1277-1284 keessatti argaman irraa ka\u2019eeti.Kunis Maqaa Yaadannoo Qulqullootaan taabonni moggaafame lakkoofsa Qulqullootaan baay\u2019achuu agarsiisa. (Isaay. 56:3-8).<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Egaa Waaqayyo, \u201cXu\u2019aashota Sanbata koo eeganiif, wanta na gammachiisu godhaniif, kakuu koo jabeessanii eeganiifis, ani mana qulqullummaa koo keessatti, kellaa isaa keessattis, ijoollee dhiiraafi durba qabaachuu irra kan caalu, maqaa bara baraan hin badneefi seenaa isaan ittin yaadataman nan kennaaf. (Isa. 56:4-5)<\/li><li>Seenaan qulqullootaa eebbaaf, seenaan nama jal\u2019aa immoo abaarsaaf ni ta\u2019a. (Fakk. 10:7(8))<\/li><\/ul>\n\n\n<p>Macaafaa qulqulluu irraatti hoo lama qofadha kan museef kennamee Har&#8217;a essaa dhufee akkas baay&#8217;atee kan jedhuuf immoo Akkuma Macaafa qulqulluu akkasumaas akkuma mana qulqulluummaa duraan tokkoo qofa kan turee innis mana sagadaa mootichi Solomoon ijaarsisee qofaa ture dur yeroo kakuu moofaa, ammas garuu tajaajilaa akka toluuf bakkee hundaatti mani qulqulluumaa ijaaramee jira.<\/p>\n\n\n<p>Taabonnis tokkoodha garuu maqaa qulqulluuttan moga&#8217;ee tajaajila waaqeffanaaf akka toluutti ta&#8217;ee jira. kunis kan ta&#8217;ee macaafa qulqulluu irraatti hunda&#8217;uun akkuma raajichii Isaayas dubbattee (Isa. 56:4-5)<\/p>\n\n\n<p>Haa ta\u2019u malee kennaa, hojji fi kaayyoon taabota bakka hundatu tokkodha. Akkuma macaafni qulqulluun tajaajilaaf baay\u2019ate hojii irra oola jiru taabonnis tajaajilaaf jecha akkuma raajichi Isaayaas jedhe maqaa qulqullootaan baay\u2019atani.<\/p>\n\n\n<p>Manni Qulqullummaa yoo baay\u2019ateyyuu, Taabonni garuu bakka hundumattuu tokko dha. Manni qulqullummaa kakuu moofaa keessaa Mana Qulqullummaa Solomoon jedhamuun akkuma waamame kakuu haaraa keessatti Mana Qulqullummaa Taklehaymaanot, Aabboo, Aarsemaa, Mikaa\u2019elii, Gabri\u2019eelii\u2019 \u2026 jedhamuun yaadannoo Qulqullootaarraa Eebba argachuuf yoo baay\u2019ateyyuu kan keessatti Waaqeffatamu Waaqayyoo dha; Fooniif Dhiiga Waaqayyootu keessatti fudhatama.<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Wanta dhuunfaa saba lafa irraa ta\u2019e isaaniif kennuudhaan, hojii aangoo isaa namoota isaatti mul\u2019iseera. (Far. 111:6)<\/li><li>Akkasumas qulqulluun Phawulos Maqaa Aqiilaa fi Phiriiqilaatiin Manni Qulqullummaa akka moggaafame kiristaanota achi keessa jiraniif nagaa dhiyeesseen ibsee jira. (1Qor. 16:19)<\/li><\/ul>\n\n\n<p>Q): &#8211; Taaboota fulduratti jilbeefachuun maaliif barbaachise?<br \/>A): &#8211; Manni Kiristaanaa keenya Waaqayyoon kan Waaqessitu yoo ta\u2019u jecha Qulqullichi Phaawuloos<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Kan kabajni Ulfinni ta\u2019uuf ulfina kenni (Rom.13:7)<\/li><\/ul>\n\n\n<p>Jedhe bu\u2019uura Godhachuun kan Waaqayyo kabaje, Taabota, Qulqullootaa fi Meeshaalee mana Qulqullummaa kan Waaqayyoon ittiin Waaqessinu hundumaaf kabaja ni kennina. Sagada Ulfinaa dabalatee fuuldura Taabotaa, suuraa Qulqullootaatti Ifaa(shaamaa) bobeessuun Waaqayyorraa Eebba ni arganna.<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Waaqayyoos waa\u2019ee meeshalee qulqulluufi ibsaan museetti himeerra akka inni hojjetufi maal irraa hojeechuu akka qabus.(Bau. 25:31-39)<\/li><\/ul>\n\n\n<p>Egaa Taabonni ergaa humni Waaqayyoo kan itti mul\u2019atu eeba kan argamsiisu jechaa rakkina irraa kan nama oolchuu eega jenne sagadni nuti Fuuldura Taabotaatti sagadnus Abbaa Taabotaa kan ta\u2019e waaqayyoof akka ta\u2019ee ifaadha.<\/p>\n\n\n<p>Fakkeenya kanaaf kan nu ta\u2019u sababii balleessa Aakaniin dheekkamsi Waaqayyoo israa\u2019eloota irratti in boba\u2019e, sabootaa Aayin jedhamaniin dhuman. Sababii kanaaf Iyyaasuu fi manguddoonni israa\u2019eel guyyaa gutuu taabota fulduratti gad gombifamuun Waaqayyoon kadhachuun injifannoo argatani jiru ( Iyyaasuu 7:6-11).<\/p>\n\n\n<p>Taabota yeroo yaadnus kan nutti Yaadatamu Abbaa taabotaa kan ta\u2019e Waaqayyo dha. Qulqullichi Daawwit bakkeewwan gara garaatti, Waaqayyoof bakka Qulqullaa\u2019aa Mana qulqullummaa isaatti sagadaafii kan jedhes Mana Qulqullummaa san keessa Taabonni akka jiru Wallaalee osoo hin taane sagadni nuti Fuul-dura Taabotaatti taasifnu Waaqayyoof akka ta\u2019e waan beekuufi<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Ani garuu gaarrummaa kee isa baay\u2019eedhaan gara mana keetti ol galuun anaaf kennameera; ulfinaan si sodaachuudhaanis, gara mana qulqullummaa keetti garagalee kufee siif nan sagada. (Far. 5:7)<\/li><li>Harka koo mana qulqulluummaa kee keessaa gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti, yeroon ol kaafadhu sagalee himata koo isa ani gargarsaaf sitti iyyadhu, anaaf dhaga\u2019i. (Far. 28:2)<\/li><li>&nbsp;<\/li><\/ul>\n\n\n<p>Ammas taanan kan Waaqessinuu nutti Waaqayyoon malee taabotas miti qulqullootaas miti. Kan Waaqessinuu Waaqayyoodha. Abbaa Ilma Afuura qulqulluu qaamaan sadii Waaqummaan waaqa tokkoo jenne amana. Kan amanees beekna waan ta\u2019eef har\u2019as hin yeellanu, boor yeella\u2019un keenya hin jiru. Kanafi qulqulluun Phaawuloos<\/p>\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Ani garuu kanan amane waanan beekuuf hin yeella\u2019u (2Xim. 1:12) kan jedheef.<\/li><\/ul>\n\n\n<p>Kanaaf Yeroo har\u2019aa fuul-dura Taabotaatti jilbeenfannee Rakkoo keenya yoo Waaqayyootti himanne dogoggora hin qabu.<\/p>\n\n\n<p>Namni waa\u2019ee kabaja taabotaaf ta\u2019u irraa yaada mamaa kasuu hin qabu, kunis dheekamsa waaqayyoo nama ni baarrara. Yoo tuffi agarsiise garuu dheekamsa waaqayyoo argachuu ni dandaa\u2019a (2sam 6:16-21 Far 5:7).<\/p>\n\n\n<p>Galanni Waaqayyoof haa ta&#8217;u!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Waa\u2019ee Taabota Q): &nbsp;Taabonnii museef kennamee tokko isiin garuu taabota 44 jechuun ni waamtu kun maaliif ta\u2019u danda\u2019ee? Q): Moggaasni Maqaa Taabota kakuu haaraa maaliif baay\u2019ate? A): &#8211; Duraan dursee wanti hubachuu qabnu taabota 44 kan jedhu mana amantaa keenya keesa hin jiru. Taabonni Bataskaana keenyaa tokko dha. Seenaan Taabota 44 jedhu kan eegale, taabota &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/06\/08\/waaee-taabotafi-taabota-44-maal-jechuudha\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Waa&#8217;ee Taabotafi taabota 44 maal jechuudha?<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[6],"tags":[],"class_list":["post-1503","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-dirsaanee-ergamoota"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1503","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1503"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1503\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1503"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1503"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1503"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}