{"id":1536,"date":"2020-07-09T21:10:11","date_gmt":"2020-07-09T18:10:11","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=1536"},"modified":"2020-07-09T21:10:11","modified_gmt":"2020-07-09T18:10:11","slug":"kabajaa-qulqullootaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/07\/09\/kabajaa-qulqullootaa\/","title":{"rendered":"kABAJAA qULQULLOOTAA"},"content":{"rendered":"\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" src=\"https:\/\/afanoromobatch.files.wordpress.com\/2020\/07\/kabaja-qulqullootaa.jpg?w=1024\" alt=\"\" class=\"wp-image-1538\" \/><figcaption>Kabajaa Qulqullootaa<\/figcaption><\/figure>\n\n\n<p><br \/>Kabaja qulqullootaa jechuun warra Waaqayyoo isa qulqulluutti amananii eebbaa fi ulfina guddaa akka argataniif Waaqayyo kan isaan badhaaseedha.<br \/>Jechi qulqulloota jedhu afaan Gi&#8217;iiziitiin \u1245\u12f1\u1233\u1295 (Qiddusaan) jechuu yemmuu ta&#8217;u, afaan oromoottin immoo<br \/>\u2022 Galateeffamaa,<br \/>\u2022 Kabajamaafi<br \/>\u2022 Qulqulluu adda kan ta&#8217;e jechuu dha.<br \/>Jechi Qulqulluu (\u1245\u12f1\u1235) jedhu hunda dura kan ittiin waamamu ykn kan inni kennamuuf waaqayyo isa jiraataadhaaf. Qulqullummaan waaqayyo kan mataa isaati. Qulqulluun akka waaqayyoo hin jiru. Kitaaba qulqulluu keessatti waa&#8217;een kanaa barreeffamee jira. Fkn:<br \/>\u2022 1Sam 2:2 irratti harmeen Saamu&#8217;eel Haannaan qulqulluun akka Waaqayyoo hin jiru jetteetti.<br \/>\u2022 S\/Ba&#8217;uu 15:10 irratti Raajichi Waaqawoo museen qulqullummaadhaan kan ulfaate kan akka Waaqawoo hin jiru jedheera.<br \/>\u2022 Isa. 40:25 irraatti qulqulluu kan ta&#8217;e Waaqayyo eenyuutti fakkeeffama.<br \/>\u2022 Isa. 57:15 irratti immoo inni bara baraan kan jiraatu waaqa qulqulluu ol.<br \/>\u2022 Luq. 1:35 irratti humni Waaqa Abbaa si golbooba, Afuurri qulqulluun sirra bula, kan sirraa dhalatu immoo qulqulluu ilma Waaqayyoo jedhama.<br \/>\u2022 Luq. 1:49 Waaqayyo inni jabaan waan guddaa naaf godhe maqaan isaas qulqulluu dha.<br \/>Egaa kannneen kanaaf kana fakkaatan qulqullummaa waaqayyoo kan ibsan heddumminaan barreeffamanii jiru. Akkasumas immoo wantoota garaa garaaf jechi qulqulluu jedhu kennameefii kitaaba qulqulluu keessattii ni argina. Haa jiraatan iyyuu malee, qulqullummaan isaanii Waaqayyo kan mataa isaatii irraa kan kenneefiidha. Fkn.<\/p>\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\"><li>Jecha qulqullummaa jedhu mucaa namaaf kenneeraa.<br \/>\u2022 S.Lew. 19:2, 1Phex. 1:13-15 ani waaqayyo uumaan keessan qulqulluu akkan ta&#8217;e isinis qulqulloota ta&#8217;aa jechuudhaan.<\/li><li>Iddoo (\u1266\u1273) dhaaf jecha qulqulluu jedhu kenneeraaf. S.Ba&#8217;uu 3:-5, Ivyaasuu 5:-25 irratti iddoo ati dhaabbattee jirtu qulqulluu waan ta&#8217;eef kophee kee ofirraa baafadhu jechuudhaan.<br \/>\u2022 Tulluun gaafa sana fakkeenya mana kiristiyaanaa waan taateef manni kiristiyaanaa immoo iddoo qulqulluu waan ta&#8217;eef mana waaqayyootti yemmuu ol seennu kophee miilla keenyaa akka baafannu nu akeekkachiisa.<br \/>\u2022 S.Ba&#8217;uu 36:1 Waaqayyo ogummaa fi hubannaa Baatsili&#8217;eelii fi Oliibaayiif dunkaana qulqulluu waaqavyoof akka hojjetaniif kenneef jedha.<br \/>\u2022 2S. Bara 7:15-16 irratti waaqayyo gooftaan mana qulqullummaa Solomoon ijaare ani filadheera; ani qulqulleesseera; iji koo yeroo hundumaa achi ilaala; gurri koos gara iddoo kadhannaa kana dhaggeeffata jedhee jira.<br \/>\u2022 Far. 15:12 irratti mana kee isa qulqulluu sana keessa eenyuutu jiraataa? Jedhee dubbata.<\/li><li>Guyyaa itti boqotee oole qulqulluu akka inni jedhamu godheera.<br \/>\uf0fc S.um. 2:2-3 irraatti waaqayyo guyyaa isa torbaffaa ni eebbise; ni qulqulleesse. S\/Lew. 23:3 iddoo jiraattu hundumaatti sanbatni guyyaa waaqayyo qulqulleesse waan ta&#8217;eef hojii foonii kamillee hin hojjetin.<\/li><li>Meeshaaleen mana qulqullummaa keessaa waaqayyo ittiin tajaajilamu qulqulluu ni jedhama.<br \/>\u2022 S\/Ba&#8217;uu 30:26 kanan ittiin waaqeffamu dunkaana irraa ka&#8217;ee qodaa adda addaa mana koo keessa jiraatan dibata qulqulluu dibuudhaan akka isaan naaf qulqullaa&#8217;an goota jedhee Waaqayyo Musee ajaje.<br \/>\u2022 Bau. 40:8-16 namni isatti bu&#8217;u ni qulqullaa&#8217;a ykn qulqullummaa ni argata jedhamee jira. Sirni kun dhalootaa hanga dhalootaattis ni jiraata.<br \/>\u2022 Bau. 30:31 kanaaf har&#8217;a manni qulqullummaa haaraan yemmuu ijaaramu, qodaan mana qulqullummaa haaraanis yemmuu bitamu, dibatni kun ni dibama.<br \/>\u2022 Meeshaa dibata kanaan dibamee qulqullaa&#8217;e jireenya dhuunfaadhaaf fudhachuun nama adabsiisa. Dan. 5:1<\/li><li>Nyaata (\u1205\u1265\u1235\u1275) Qurbaana mana waaqayyoo keessaa namaaf kennamu qulqulluu ni jedhama.<br \/>\u2022 2Sam. 21:4 Lubichi Abemelek Mooticha Daawwitiin Hibistii qulqullaa&#8217;e malee nyaata uummatni nyaatu hin jiru ittiin jedhe. Kunis immoo namoota qulqullaa&#8217;aniif kan kennamuu dha. Duuka bu&#8217;oonni kee qulqullummaa qabaannaan garuu fudhachuu ni danda&#8217;u jedhe.<br \/>Egaa walumaa galatti jechoonni waa&#8217;ee qulqullummaa dubbatan kanneen kana fakkaatan kitaaba qulqulluu keessa baaveen ni jiru. Qulqullummaan kunis waaqayyoo isa qulqulluu irraa kan kennameefiidha. Waan qulqulluu ta&#8217;ee fi hin taanees seera isaa hundumaas ijoollee Isiraa&#8217;eeliin akka barsiisu waaqayyo Musee ajajeera. S\/Lew. 10: 10<\/li><\/ol>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kabaja qulqullootaa jechuun warra Waaqayyoo isa qulqulluutti amananii eebbaa fi ulfina guddaa akka argataniif Waaqayyo kan isaan badhaaseedha.Jechi qulqulloota jedhu afaan Gi&#8217;iiziitiin \u1245\u12f1\u1233\u1295 (Qiddusaan) jechuu yemmuu ta&#8217;u, afaan oromoottin immoo\u2022 Galateeffamaa,\u2022 Kabajamaafi\u2022 Qulqulluu adda kan ta&#8217;e jechuu dha.Jechi Qulqulluu (\u1245\u12f1\u1235) jedhu hunda dura kan ittiin waamamu ykn kan inni kennamuuf waaqayyo isa jiraataadhaaf. Qulqullummaan waaqayyo &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/07\/09\/kabajaa-qulqullootaa\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">kABAJAA qULQULLOOTAA<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[3],"tags":[89,93,94,113],"class_list":["post-1536","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-barumsaa","tag-ortoodoksii","tag-qulqullootaa","tag-qulqulluu","tag-tawahidoo"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1536","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1536"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1536\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1536"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1536"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1536"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}