{"id":1544,"date":"2020-07-10T21:48:32","date_gmt":"2020-07-10T18:48:32","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=1544"},"modified":"2020-07-10T21:48:32","modified_gmt":"2020-07-10T18:48:32","slug":"seenaa-boqonnaafi-duaa-kaaumsa-haadha-keenya-qulqulleetti-dubroo-maariyaam","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/07\/10\/seenaa-boqonnaafi-duaa-kaaumsa-haadha-keenya-qulqulleetti-dubroo-maariyaam\/","title":{"rendered":"Seenaa boqonnaafi du&#8217;aa kaa&#8217;umsa haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam"},"content":{"rendered":"\n<div class=\"wp-block-image\"><figure class=\"aligncenter size-large\"><img decoding=\"async\" src=\"https:\/\/afanoromobatch.files.wordpress.com\/2020\/07\/seenaa-boqonnaa.png?w=1024\" alt=\"\" class=\"wp-image-1545\" \/><\/figure><\/div>\n\n\n<p>Seenaa boqonnaafi du&#8217;aa kaa&#8217;umsa haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam<br \/>Haatti keenya qulqulleettin dubroo Maariyaam waggaa 3 mana abbaa ishee fi haadha isheetiitti, waggaa kudha lama (12) mana qulqullummaa, Ji&#8217;a sagalii fi bultii shan gooftaa garaatti baattee, waggaa 33 fi ji&#8217;a sadii gooftaa wajjin, waggaa 15 Yohaannis abbaa<br \/>wangeelaa wajjin, walii gala waggoota 64 tti bara 49 keessa Amajji 21 boqottee Hagayya 14 awwaalamtee guyyaa sadaaffaa isheetti Hagayya 16 du&#8217;a keessaa ka&#8217;uudhaan gara samiitti ol baate. Akkaataan boqonnaa fi du&#8217;aa ka&#8217;umsa giiftii keenya Maariyaam baay&#8217;ee ajaa&#8217;ibsiisaadha. Kanaaf yihudootni mari&#8217;atanii reeffa ishee gubuuf waan barbaadaniif yaalii karaa Taawufinaas godhameen harkisaa lachuu yemmuu irraa citu reeffi giiftii keenya M\u00e5ariyaam immoo hojii Waaqayyoo dinqisiisaa ta&#8217;een gara gennataatti ol fudhatamtee muka jireenyaa jala ka&#8217;amtee. Yeroo reeffi ishee ol fudhatame kan arge Yohaannis abbaa wangeelaa ture.Yohaannis irraa kan dhaga&#8217;aan barattootni reeffa ishee argatanii awwaallachuuf Hagayya 1 subaa&#8217;ee qabatanii utuu kadhachaa, tsoomaa jiranii Hagayya 14 gooftaan keenya<br \/>reeffa harmee isaatii fidee kenneef. Isaanis gammachuufi faaruu guddaatiin bakka isheef qophaa&#8217;e Geetaa seeman iddoo jedhamutti awwaallatan. Gaafa kana bartuun Toomaas hin turre. Guyyaa 3ffaa isheetti akka du&#8217;aa ka&#8217;umsa mucaa isheetiitti samiitti utuu isheen ol baatuu argee giiftiin keenya waan ta&#8217;e hundumaa itti himtee mallattoofi eebbaaf haa ta&#8217;uuf jettee kafana ishee Toomaasitti laatte; har&#8217;as mirga waaqaa jirti. Far.44(45):-9 Toomaasis lallabaaf iddoo biraa turee gara bartootaa yeroo dhufu akka awwaalanii yeroo itti himan Amajjitti duutte Hagayyaatti akkamitti awwaalchi ta&#8217;a, ta&#8217;uun irra hin jiru malee yemmuu inni isaan jedhu ati duraanis du&#8217;aa ka&#8217;umsa ilma ishee mamtee turte kottu amma immoo iddootti awwaalle ilaali jedhanii awwaalicha banan; boo&#8217;li duwwaadha. Innis deebiseefii na hin amanantan jedheetan malee yeroo isheen ol ba&#8217;aa jirtu argeera jedhees kafana isheen itti laatte itti agarsiisa. Isaanis mallattoof, eebbaaf haa ta&#8217;uuf gargar hiratan. Har&#8217;as abbootiin fannootti kan isaan hidhatan yaadannoo sanaadha. Akkuma yeroo Eliyaas ol ba&#8217;e Elsaayiif kaabbaa isaa gadi darbateefii ture sanarraas eebba guddaa ittiin argatee ture. 2Mot. 2:1<br \/>Akkuma marata mataa qulqulla&#8217;aa Phaawuloos kukkutanii fudhataa turanii dha. H\/erg. 19:11-12 Barattootnis nuti arguu qabna jedhanii waggaatti Hagayya gaafa tokkoo (1) subaa&#8217;ee jalqabanii gooftaan keenya kadhannaa isaanii dhaga&#8217;ee bartoonni hundiis du&#8217;aa kaa&#8217;u haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam arguu danda&#8217;annirruu.<br \/>Waangeellis akkas jedha waa&#8217;ee du&#8217;aa kaa&#8217;umsaa haadha keenya:<br \/>1: Fars. 131(132):-8 irratti. yaa Gooftaa iddoo aara-galfii keetti ka&#8217;ii atii fi manni qulqullumaa kees, taabota kee wajjin jedha. Jechi kun akka du&#8217;aa ka&#8217;umsa mucaasheetiitti du&#8217;a ka&#8217;umsa ishee mul&#8217;isa.<br \/>2: W.Wed. 2:-10-13 jaalallee koo ka&#8217;i miidhagduu koo kottu kunoo gannii darbee jira roobi immoo sokkee deemeera; abaabboonni lafa irratti mul&#8217;atanii, yeroon weedduus ga&#8217;eera, sagaleen gugees biyya keenya keessatti dhaga&#8217;ameera; mukti arbuu ija godhachuu jalqabeera, mukti wayniis daraaree urgaa&#8217;eera, yaa hiriyee koo, miiidhagduu koo, ka&#8217;ii na bira kottu. Gannii darbee jira rrobiimoo sokkee deemera jechuun yeroon godaansa Giiftii keenya Maariyaam yeroo yihuudonni diinummaa irratti ka&#8217;an yeroo rakkina fannifamuu mucaasheetii gadduunshee sun darbuusaa agarsisaa. Abaabboonni lafa irratti mul&#8217;atan jechuun isaa immoo du&#8217;aa ka&#8217;umsi lafa irratti lallabamuu agarsiisa. Arbuun laaliseera jechuunsaa immoo adeemsa gaarii kan hin qabne adeemsa gaarii argarsiisuu jalqabaniiru jechuu isaati. Kan waame gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos yemmuu ta&#8217;u kan waamamte immoo giiftii keenya Maariyaamii dha. lccitiin kun akka Far. 45:-9 gubbaatti barreeffame giiftiin keenya Maariyaam du&#8217;a keessaa kaatee har&#8217;a mirga<br \/>waaqayyoo jiraachuu ishee agarsiisa.<br \/>Galanni Waaqayyoof haa ta&#8217;u, Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Seenaa boqonnaafi du&#8217;aa kaa&#8217;umsa haadha keenya qulqulleetti dubroo MaariyaamHaatti keenya qulqulleettin dubroo Maariyaam waggaa 3 mana abbaa ishee fi haadha isheetiitti, waggaa kudha lama (12) mana qulqullummaa, Ji&#8217;a sagalii fi bultii shan gooftaa garaatti baattee, waggaa 33 fi ji&#8217;a sadii gooftaa wajjin, waggaa 15 Yohaannis abbaawangeelaa wajjin, walii gala waggoota 64 tti bara 49 keessa &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/07\/10\/seenaa-boqonnaafi-duaa-kaaumsa-haadha-keenya-qulqulleetti-dubroo-maariyaam\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Seenaa boqonnaafi du&#8217;aa kaa&#8217;umsa haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[3],"tags":[],"class_list":["post-1544","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-barumsaa"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1544","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1544"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1544\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1544"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1544"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1544"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}