{"id":1862,"date":"2020-07-25T16:10:57","date_gmt":"2020-07-25T13:10:57","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=1862"},"modified":"2020-07-25T16:10:57","modified_gmt":"2020-07-25T13:10:57","slug":"musee","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/07\/25\/musee\/","title":{"rendered":"Musee"},"content":{"rendered":"\n<p style=\"text-align:justify;\">Israa\u2019eloonni sababa Yooseefiin gara Misirii galan. Haa ta&#8217;u malee, bittaa warra Fara&#8217;oonotaa yeroodhaa gara yerootti baay&#8217;ee itti hammaachaa dhufe. Isa keessaa tokko Raaheel abbaan warraa ishee waan irraa du&#8217;eef dabareen suphee dhiitti turte. Isheenis osoo suphee dhiittuu ciniinsuun ishee qabee jennaan, &#8220;Hangan ijooliee koo dahee dhufutti naaf heeyyamaa,&#8221; jette warra ishee hojjisiisu gaafatte. Isaan garuu ishee didan. Inumaayyuu,&#8221;Dhiigni namaa suphee jabeessaa asuma keessatti dahiiti waliin dhiiti,&#8221; jedhaniin. Yeroo kana boossee imimmaan ishee walitti qabuun gara samiitti ol facaaste. \u201cWaaqni Israa&#8217;eel uumte hin jirtu moo,&#8221; jette.<br \/>\u2022 Imimmaan boo&#8217;icha ishees hanga samii Raamaatu dhagahame (Erm 31:15).<br \/>Kanaanis Waaqayyo Israa&#8217;eloota yaadate. Bara sanatti Israa\u2019eloonni dhiira yeroo dahan yoosuma deesiftuun isaanii ni ajjeesti ture.<br \/>Museen abbaan isaa Anbaram jedhama. Innis, yemmuu dhalatu warri Misirii akka jalaa hin aijeesneef haati isaa ji&#8217;a sadi Musee dhoksite. Kana booda dhoksuu waan dadhabdeef, waan akka bidiruu xinnoo dhallaadduu irraa hojjetame tokko fuutee leeleedhaafi hapheedhaan maragdee mucichaa isa keessa ciibsitee qarqara laga Abbayyaa goote. Obboleettiin isaa immoo wanta isa irra gahu ilaaluuf alaalaa irraa fagaattee too\u2019atti turtee.<br \/>Yemmuu intalli moticha Fara&#8217;oon dhiqachuudhaaf gara laga Abbayyaa dhuftu dubroonni isheedhaaf ergaman isa Museeen keessa jiru arganii itti fiiganii buunii yoo ilaalan daa&#8217;ima ta&#8217;ee argame. Innis ni bo\u2019a ture.<br \/>Warra Ibrootaa keessaa waan ta&#8217;eef garaan ishee ni jibbe. Obboleettiin isaa<br \/>garuu fiigdee dhuftce intala mootichaan,&#8221;Hoosiftee akka siif guddiftuuf dhaqee warra Ibrootaa keessaa takka siif waamuu,&#8221; jette. Intalli mootiis, &#8220;Eeyyee dhaqi,&#8221; jetteen. intalattiin dhaqxee haadha Musee waamtee fidde. Intalli mootichaas,&#8221;Mucaa kana fuudhi guddisi gatii siifan kenna,&#8221; jetteen. Harma ishee hoosiftee guddiste. Kana booda erga guddatee booda fiddee intalatiitti kennite.<br \/>\u2022 Isheenis ani bishaan keessaa baasera jettee Musee jettee moggaafte (Ba &#8216;uu. 2:10)<br \/>Museen nama ga&#8217;aa erga ta&#8217;ee booda gaaf tokko gara sanyii isaatti gadi ba&#8217;ee hojii isa ba&#8217;aa ulfaataa isaanitti ta&#8217;e sana ni ilaale, namni Masrii tokko nama warra Ibrootaa keessaa isa tokko yemmuu rukkutu arge, innis asiifi achi ilaallatee booda namicha Masrii sana ajjeesee reeffa isaa cirracha jala dhokse. Guyyaa itti aanuttis ammoo Israa&#8217;elootni lama yoo wal lolan &#8220;Maaf walloltu jedhee gaafannaan, tokko si eenyutu abbaa murtee nu irratti si godhee? Moo akkuma kaleessa nama Misirii ajjeeste sana anas ajeesuu barbaadda?&#8221; jedheen. Yemmuus Museen ni sodaate in yaadda&#8217;es. Dubbichi beekamu hin hafu jedhee gara luba Miidiyaamitti baqate. Yeroo achi gahus ijoollee dubroota Miidiyaam gargaaree bishaan obaaseef, innis mana isaaniitti gale. Yootoris intala isaa Siifooraa Museedhaaf ni kenneef. Ilmas ni deessef (Bau. 2:11-25, Ibr. 11:24-26, Hoj. 7:23-29, Lak. 12:1)<br \/>Bara dheeraa boodas mootiin Misirii ni du\u2019e. Waaqayyos Israa&#8217;eloota ni yaadate. Waaqayyoos Musee ni waame. Akka saba isaa bilisa baasuufis Waaqayyo itti dubbate. Guyya tokko osoo bushaayee Yootoor tiksuu tulluu Kooreeb Siinaatti ergamaan Waaqayyoo arraba ibiddaa isa huuxxii qoraattii keessaa boba&#8217;u keessaatii Museetti muuldhate. Museenis gara huuxxii qoraattichaa ilaalee &#8220;kunoo huxxicha irratti abiddi ni argama, garuu hin gubanne. Yemmus Museen,&#8221;Wanta guddaa muuldhatu kana itti goree nan ilaala. Huuxxiin qoraatti kun maaliif hin gubanne laata?&#8221; jedhe. Waaqayyoo achitti &#8216;Musee&#8221;Musee&#8217; jedhee waamee,&#8221;Lafti ati irra dhaabbatte qulqulludhaatii kophee kee baafadhu,&#8221; jedheen. Yemmus Waaqayyo Waaqa abbootii keetiiti,&#8221; jedheen. Gadi qabamuu warra Israa&#8217;eliis akka argeefi isaan akka baasuuf isa filachuu isaa itti hime. Ulee ajaa&#8217;iba ittiin hojjetus fudhatee gara Fara&#8217;oon deeme. Fara&#8217;oonis<br \/>dheekkamsa sagaliin inni kurnaffaa du&#8217;a hangafootaa fi inni kudha tokkoffu galaana Eertiraa liqimsiisuun dhiphina guddaadhaan Israa&#8217;eloonni akka galaana Eertiraa ceehan taasise (Ba&#8217;u.14:1-15:21, Ibr.1 1:27-29). Kana boodas Museen Aaroniifi Hoor akka magaala eegan taasisuun gara tulluu Siinaatti ol bahee Waaqayyo waliin dubbate. Guyyaafi halkan 40 osoo homa hin nyaatiin soomeera (Ba&#8217;u.32-34).<br \/>Innis Tsillaatii qabatee yoo deebi&#8217;u Israa&#8217;eloonni waaq-harkee dhaabanii yoo ililchanii gammadanii taphatan argee aaree darbannaan tsillaatichi harkaa kufee cabeera.<br \/>\u2022 Tsillaatii cabes lammata akka hojjetu Waaqayyo isa ajajeera.<br \/>\u2022 Yemmuu Israa&#8217;eloonni bishaan dheebotanis ulee isaatin burqisiisee Israa&#8217;elootaaf kenneera.<br \/>\u2022 Waaqayyo Musee yeroo 570 haasofsiiseera. Kanarraa kan ka&#8217;e &#8216;si fuula kee argu malee&#8217; jedhee<br \/>Waaqayyoon kadhatee ture. Akkasumas ni ta\u2019e. (Seera ba&#8217;uu boqonnaa 3-13). Museen sababa bishaan kattaa irraa burqisiisee kanas akka ofii isaa raawwatetti dubbateef Waaqayyo itti gadde. Akka biyya abdii sana hin galles ni taasise (Lakk.20: 1-13, Faar.106:32-33)<br \/>Haalli boqonnaa Musee addaadha. Guyyaan itti du&#8217;u natti himi jedhee Waaqa kadhatee ture. Waaqayyos boqonnaan isaa guyyaa Jimaataa akka ta&#8217;e itti hime. Kana booda guyyaa Jimaata Jimaataa waggaa torbaaf handaqqiidhaan of maree of qopheessaa ture. Yeroo booda ni irraanfate, tasa guyyaa tokko ergamaan Suuriyaal jedhamu dhufee &#8220;Musee ilma Anbaram akkam jirta&#8221; jedhee nagaa gaafate. Ati eenyu nagaa akkanaa dhagahe hin beeku jedheen Museen. Innis \u201cAni ergamaa du&#8217;aati&#8221; jedheen. Museenis baay&#8217;ee waan rifateef akkuma ta&#8217;e ta&#8217;ee hanga guyyaa boruutti lubbuu koo hin tuqin jedheen; Waaqayyos ergatmchaan akka obsuuf itti hime. Innis gadi bu&#8217;ee bor nan du&#8217;a jedhee haadha warraa isaatti nagaa dhaammate. Gara maatii isaas deemee, yoo gurraacha&#8217;ee agartu.<br \/>\u2022 &#8220;Maal taate maaltu siyaame obboleessakoo,&#8221; jetteen.<br \/>\u2022 &#8220;Eenyutu na waama Waaqa malee; eenyutu na sodaachisa ergamaa du&#8217;aa malee,&#8221; jedheen.<br \/>Haati warraa isaas &#8220;Kan Waaqayyo waliin hanga kana dubbatu ni du&#8217;aa?&#8221; jetteen. Osoo hin du&#8217;iin kan hafu akka hin jirre ishee hubachiise. Ijoollee koo naa fidi jedhee fiddeefii xinnichi Aalaazar jedhama. Abbaa isaatinis<br \/>\u2022 \u201cEgaa kana booda kan nu kabaje nu xinneessa kan nu jaalate nu jibban&#8221; jedhee booye;<br \/>Museenis ilma isa kana waliin bo&#8217;aa ture. Gooftaanitti muuldhatee,&#8221;Maaltu si boossisa&#8221; jennaan &#8220;Yootooriifi Aaroon du&#8217;aniiru amma ijoollee koo eenyuttan dhiisa,&#8221; jedhe. Yeroo kana gooftaan gara galaanaa fudhatee dhagaa tokko rukkuti jedhee dhagaa sana keessa raammoon yoo nyaattu itti agarsiise. Egaa kan raammoo kana yaadate Waaqayyo ijoollee keef hin yaaduuree? jechuu isaati. Museenis kana argee tasgabbaa&#8217;e. Kana booda ijoollee fi haati warraa isaa bo&#8217;ichaan gaggeessan.<br \/>Museen qalbiin isaa yaadaan fudhatamtee osoo deemuu ergamootni fakkeenya namaattin yoo boolla qotan arge. Innis itti goree isaan gargaaree erga boolichi qotamee dhumee booda &#8220;namichi awwaalamu eessaa?\u201d jedheen. &#8220;Isallee ni fidna garuu akka hin baldhanne yookaan hin xinnaanne malee.&#8221; Jedhaniin Maarree kana hin safarruuree,&#8221; jennaan, egaa akkas jettee namichi haguma kee kana gahaa safarree ilaaliuu?&#8221; jedhaniin. Museen garraammii waan ta&#8217;eef safaramuu seene. Yemmuus ergamaan sun achi keessatti egee &#8220;Musee ilma Anbaram nagaan siif haa tahu&#8221; jedhee achumaannis fudhatera.<br \/>Boolli bakka awwaalcha isaa hin beekkamu. Kunis uummanni Israa\u2019eel dadhabdoota waan ta&#8217;aniif akka itti hin bulle jedhee Waaqayyo jalaa dhoksee.<br \/>Museen waggaa 120 jiraate. Guyyaan yaadannoo boqonnaa Isaas Fulbaanaa 8. Galanni Waaqayyoof haa ta&#8217;u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nuutti haa araaramu; sugni isaas nu waiiin haa ta&#8217;u. Hanga bara baraatti. Arneen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Israa\u2019eloonni sababa Yooseefiin gara Misirii galan. Haa ta&#8217;u malee, bittaa warra Fara&#8217;oonotaa yeroodhaa gara yerootti baay&#8217;ee itti hammaachaa dhufe. Isa keessaa tokko Raaheel abbaan warraa ishee waan irraa du&#8217;eef dabareen suphee dhiitti turte. Isheenis osoo suphee dhiittuu ciniinsuun ishee qabee jennaan, &#8220;Hangan ijooliee koo dahee dhufutti naaf heeyyamaa,&#8221; jette warra ishee hojjisiisu gaafatte. Isaan garuu &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/07\/25\/musee\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Musee<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[3],"tags":[81],"class_list":["post-1862","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-barumsaa","tag-musee"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1862","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1862"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1862\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1862"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1862"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1862"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}