{"id":1957,"date":"2020-08-06T12:24:29","date_gmt":"2020-08-06T09:24:29","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=1957"},"modified":"2020-08-06T12:24:29","modified_gmt":"2020-08-06T09:24:29","slug":"raajaa-eermiyaas","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/08\/06\/raajaa-eermiyaas\/","title":{"rendered":"Raajaa Eermiyaas"},"content":{"rendered":"\n<p style=\"text-align:justify;\">Eermiyaas jechuun &#8216;Waaqayyo ol nama qaba.&#8217; jechuudha.<br \/>Kan gadaamessa haadhaa isaa keessaa filatames jechuudha. Abbaan isaa luba Kelqiyaas jedhama. Mootichi bara sanaa Ikooniyaan jedhama. Nabukadanatsoor Faarsi dhufee mooticha hidhee uummata booji&#8217;ee yoo deemu, obboleessi isaa Naataan karaa irratti eegee, &#8220;Osoo ana moosistee Israa&#8217;eel siif akka bitaman nan taasisa,&#8221; jedheenii aangoo kadhate. Nabukadanatsooris, &#8220;Maqaa koo akka hin ganne,&#8221; jedhee warra boojii irraa hafetti Sedeqiyaas jedhee muude. Innis waggaa 8 erga mooticha isa muudeef gabbaree of jabeessee booda isaaf bitamuu dide. Kanaaf, mootichi jalqaba Mo&#8217;abaawotaan, itti aansees immoo loltootuma ofiitiin marsee isa cinqinaan Sedeqiyaas gara raajicha Eermiyaasitti, &#8220;Maaloo naaf kadhadhu,&#8221; jedhee ergaa itti erge. Raaja Eermiyaasis, &#8220;Uummata waliin booji&#8217;amta,&#8221; jedhee deebiseef. Kanaanis Sedeqiyaas, &#8220;Ati anaaf waan gaarii dubbattee hin beektu.&#8221; jedhee boolla keessati hidhe. Waaqayyo Qulqulluu Mikaa&#8217;eel ergee, Abemeelikirra bulee boolla keessaa isa baaseera (Erm. 38:7). Israa&#8217;elonni lolli itti hammaannaan mooticha keenya malaan baasuu qabna jedhanii akka inni du&#8217;ee fakkeessanii, \u201cWaayi waayi\u201d jedhanii reerra godhanii yoo bahan Nabukadanatsoor kana argee, &#8216;Maalinni?&#8221; jedhee yemmuu isaan gaafatu, &#8220;Mootii keenyatu du&#8217;ee awwaaluuf deemaa jirra\u201d jedhaniin. Innis gaddee \u201cIsa silaa anatu dhiqe gannazuu (kafanuun) qaba ture, mee amma dhungadheen gageessa reeffa isaa naaf fidaa!&#8221; jedhe. Yoo fidanii kafana hiikan namichi hin duune iji isaa ni arga ture. Kanaanis, Nabukadanatsoor Sedeqiyaasiin, &#8216;Osoon si amanuu maaf na ganta amma immoo eessa deemuuf ree?\u2019 jedhee, qondaaltotaatti gara galee, &#8220;Nama kana irratti maal murteessitu\u201d jedhee gaafate. Isaanis. &#8220;Du&#8217;atu isaaf ta\u2019a haa du&#8217;u,&#8221; jedhaniin. Nabukadanatsoor immoo deebisee, &#8220;Lakki akkas qofti gahaa miti.&#8217; Jedhee ijoolle isaa 7\u2019n ajjeesee, isa ija keessaa baasee Baabiloon geessee baaqelaa yoo hororu onneen isaa dhoote du&#8217;eera.<br \/>Eermiyaas duuka bu&#8217;oota Miidiyaam Abemeelikiifi Baarook jedhaman qaba. Isaanis yeroo waa&#8217;ee badiinsa lyyaruusaaleem dubbatu waan dhagahaniif, &#8220;Kana ijaan nu hin agarsisin!&#8221; jedhan. Yeroon yoo gahu Baarookiin awwaala moototaa eegsise; Abemelikiin immoo, &#8220;Baala qorichaa fidi\u201d jedhe erge. Abemelik baalicha muree yoo mudaayi keessa godhee deebi&#8217;u karaarratti xinnoo aara galfachuuf muka tokko jala taa&#8217;e achumaan rafe. waggaa 66&#8217;f rafee sana booda hirriibaa dammaqeera. Inni garuu waggaa hanga kana rafuu isaa hin beekne ture. sirumaayyuu gaaddisni mukaa xinnoo waan jalaa siqeef, &#8220;Nan ture,&#8221; jedhee yoo ka&#8217;ee deemu karaan jalaa bade. Ergamaan Waaqayyoo tokko fakkeenya manguddootiin tabbarra yoo gadi deemu arge, &#8220;Maaloo Eermiyaasiin agarte?&#8221; jedhee gaafate. Jaarsichis, &#8220;Ati biyya keessa hin jirtumoo? Eermiyaas booji&#8217;amee gara Baabiloon erga deemee wagga 66 ta&#8217;eera.&#8221; jedheen. Yeroo kana Abemeeiik aaree, &#8220;Ati Jaarsa botontoradha osoon si arrabse anatti tola ooritiin (seerri) jaarsa kabaji jetti malee.&#8221; jedhe. Ergamichis wanta ta&#8217;e hunduma Abemeelikiif ni ibseef. Abemeelik yemmus, &#8220;Kunoo baalli ani kute yoom gogderee, bishaan ishees keessaa akka haaratti copha.&#8221; jennaan. ergamichi sun, &#8220;Akka badiinsa Iyyaruusaaleem hin agarreef Waaqayyo si jalaa dhokseera,&#8221; jedhee fuudhee deemee walitti Baarookiin argee morrmormatti walitti maraman, boodas kadhannaa yemmuu taasisan Israa\u2019elootni boojiidhaa deebi&#8217;uuf waggaan 4 qofti akka isaan hafe hubatan. Kanas, ergaa barreessanii qoricha sanaafi xalayaa morma joobiraatti hidhanii gara Baabiloonitti erganiiru.<br \/>Eermiyaas namni du&#8217;ee yoo awwaala deemu gamoo jige jalatti reeffa sana boqochiisee osoo jiru joobirichi xalayaa sana buuseefi. Eermiyaasis waa&#8217;ee xalayichaa sana hubachuuf yemmuu nama du&#8217;e sana lukaan tuqutti, namni du&#8217;e sun ka\u2019ee waa\u2019ee xalayicha ergamee dhugaa bahee deebi&#8217;ee boqoteera. Ergaan xalayichaas, &#8220;Isin boojiidhaa deebi&#8217;uuf waggaan 4 qofa isin hafe warri ormoota \/warra hin amanneen walfuutan hiikaa. seera keessanis cimsaa,&#8221; kan jedhu ture. Waggaa 4 booda fedha Waaqayyoon Eermiyaas Israa\u2019eloota walitti qabee gara Iyyarusaalemitti deebi&#8217;eera. Yemmuus duuka bu\u2019ootni Ermiyaas Abemeelikiifi Baarok isaan simachuuf bahan. Yemmus namoonni warra ormootaan walfuudhan Israa&#8217;eioota biraa hin hafnu jedhanii achitti horataniifi haadha manaa isaanii qabatanii. &#8220;Biyya keenyatti galuu eenyutu nu dhoowwa,&#8221; jedhanii waliin dhufanii turan. Abemelekiifi Baarookis kana yoo argan, &#8220;Maaliif akkas gootan? Ergaan keenyas akkas hin tune,&#8221; jennaan. &#8220;Haadha manaa keenya eenyutu fudhata? Biyya keenya eenyutu galuu nu dhorka? jedhanii dhufan.&#8221; jedheen. Warra gurguddoota filatanii warreen ormoota qabatanii dhufanim akka ari\u2019an taasisan. Warri ari&#8217;aman kunis gara biyyaatti yemmuu deebi&#8217;an. &#8220;Kan dura nu tuffattanii deemtan amma maaf dhuftan.&#8221; jedhami warri biyyaa immoo deebisanii of irraa ari&#8217;an. Isaanis, Laga Yoordanos osoo hin ceehiin biyya godhatanii jiraatan. Maqaa biyyattiis, Samaariyaa\u2019 jedhanii moggasan;<br \/>Samaariyaa jechuun Jaalannee jechuudha. Boojii booda Eerrmyaas mana qulqullummaa jige ijaarsisee meeshaa qulqullaa\u2019oonis akka itti galu taasiseera. Innis ummata walitti qabee, &#8220;Egaa kana booda rakkinni akka kana duraa akka nu hin argane Waaqayyoon kadhachuutti haa jabaannu.&#8221; erga jedheenii booda waa\u2019ee foonummaa yoo barsiisu, &#8220;Ilma Waaqaan arge nun jedhaa?\u201d jedhanii dhagaan dhaananii ajjeesan. (Terefe. Em 11:54, Ibr. 11:37). Ayyaanni yaadannoo boqonnaa raajicha Ermiyaas Caamsa 05 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta&#8217;u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta\u2019u. Hanga bara baraatti. Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Eermiyaas jechuun &#8216;Waaqayyo ol nama qaba.&#8217; jechuudha.Kan gadaamessa haadhaa isaa keessaa filatames jechuudha. Abbaan isaa luba Kelqiyaas jedhama. Mootichi bara sanaa Ikooniyaan jedhama. Nabukadanatsoor Faarsi dhufee mooticha hidhee uummata booji&#8217;ee yoo deemu, obboleessi isaa Naataan karaa irratti eegee, &#8220;Osoo ana moosistee Israa&#8217;eel siif akka bitaman nan taasisa,&#8221; jedheenii aangoo kadhate. Nabukadanatsooris, &#8220;Maqaa koo akka hin &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/08\/06\/raajaa-eermiyaas\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Raajaa Eermiyaas<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[26,21],"tags":[48,101],"class_list":["post-1957","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-raajota-gurguddoo-afran","category-raajota-qulqulloota","tag-eermiyaas","tag-raajota"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1957","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1957"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1957\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1957"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1957"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1957"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}