{"id":2102,"date":"2020-08-21T07:52:00","date_gmt":"2020-08-21T04:52:00","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=2102"},"modified":"2020-08-21T07:52:00","modified_gmt":"2020-08-21T04:52:00","slug":"raajaa-saamueel","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/08\/21\/raajaa-saamueel\/","title":{"rendered":"Raajaa Saamu&#8217;eel"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-justify\">Saamu&#8217;eel jechuun &#8216;Waaqayyo na dhagahe&#8217; jechuudha. Dhaloonni isaa qomoo Efreem irraadha. Abbaan isaa Hilqaana, haati isaa immoo Haanna jedhamu. Haannaan dhala dhabdee yeroo dheeraaf gaddaa turte. Kana irratti<br \/>masaanuun ishee sababii isheen dhala dhabdeef ishee ni tuttuqxi ture. Haannanis sababa kanaan yeroo nyaatte dhuguu dhiistuu fi yeroon nyaata itti lagattutu ture. Abbaan manaa ishee garuu yeroo aarsaa dhiyeessu gahee ishee dachaa godhee dhiyeessa ture. &#8220;Anis ijoollee kudhan irra siif hin wayyuu?&#8217; jedhee ishee jajjabeessa ture. Isheenis kaatee gara mana qulqullummu dhaqxee mararfattee boossee Waaqayyoon kadhatte. Yemmuu isheen kadhattu lubni Eeliin ni ilaala ture. Isheen hidhii ishee qofa sochaasaa keessa isheetti baay&#8217;ee kadhachaa waan turteef lubni Eeliin waan machoofte se&#8217;ee, &#8220;Dubartittii nana hanga yoomiitti daadhii wayiniin machooftaa?\u201d jedheen. Isheen garuu, &#8220;Lakki akkas miti ani dubartii garaan ishee baay&#8217;ee gaddeedha. Kanaafan, gadda koo Waaqayyoon duratti dhangalaafadha,&#8221; jetteen. Kana irratti akka dubartii waa&#8217;ee hin baafnetti na hin lakkaa&#8217;iin!&#8221; jetteen. Eeliin &#8220;Nagaadhaan dhaqi, Waaqayyo gooftaan Israa&#8217;eel waan ati kadhatte siif haa kennu!&#8221; jedheen. Isheenis, &#8220;Naaf haa tahu!&#8221; jettee galte. Guyyaa sanarraa eegalee nyaara guuruu ni dhiiste.<\/p>\n\n\n<p class=\"has-text-align-justify\">Kana booda ilmi ni dhalateef. Maqaan isaas Saamu&#8217;eel jedhamee moggafameef. Biyyichis Maaseefa jedhama. Haati isaas ijoollummaadhaan osoo garaan fira hin bariin jettee akkuma kana dura Waaqayyoof waadaa galte gara mana qulqullummaatti isa galchite. Lubni mana qulqullummaa sanaa Eelii jedhama. Ijoolleen isaa immoo Afniniifi Finihaas jedhamu. Eeliin baay&#8217;ee dulloomee ture. Gaafa tokko osuma ciisanii jiran sagaleen tokko, &#8220;Saamu&#8217;eel!&#8221; jedhee isa waame. Innis Eelii se&#8217;ee gara isaatti fiigee, &#8216;Kunoo asan jira,&#8217; jedhe. Eelinis akka isa hin waamne baree, &#8220;Dhaqii deebi&#8217;ii rafi&#8221; jedheen. Sagaleen kun yeroo lama sadi irra deddeebinaan Eeliin, &#8220;Kana booda yoo siyaame, garbichi kee jira dubbadhu jedhiin,&#8221; jedhe. Akkuma kanaan Waaqayyo isatti ni dubbate. Ganamas yoo bari&#8217;u lubni Eeliin Saamu&#8217;eeliin waamee wanta Waaqaayyo isatti dubbate hunda akka itti himu gaafannaan hunduma isaa itti himee jira. Dubbiin Waaqayyo Saamu&#8217;eelitti dubbate kun kan ijoollee Eelii ittiin komatee ture. Ijoolleen luba Eelii wanta badaa dalagan. Waaqayyos abbaa isaanitiin akka gorsu fi itti dheekkamu ittime. Isaan garuu deebi&#8217;uu hin dandeenye. Sababa Eeliin jabeessee ijoollee isaatti dheekkamuu didee fi sababa cubbuu ijoollee isaatiin Taabotni Tsiyoon ni booji&#8217;amte. Ijoolleen luba Eelii lamaanis yeroo du\u2019anitti du\u2019a ijoollee isaa yemmuu dhagahu luba Eelinis naasuudhaan ni du\u2019e.<br \/>Sana booda lubummaafi bulchaas ta&#8217;uudhaan Israa&#8217;eloota waggaa 40 hoogganeera. lyyuu&#8217;eelii fi Abiyaa ijoolle jedhaman horate. Luboota godhees muude. Ijoolleen isaas akka abbaa isaanii raajicha Saamu&#8217;eelitti haala barbaadamuun hin tajaajilan waan ta&#8217;eef uummanni gara Saamu\u2019eel dhufanii, \u201cAti dulloomteetta, ijoolleen kee immoo faara gaariin nu tajaajilaa hin jirani. Kanarratti immoo Naa&#8217;os Amoonaawiin ija keessan mirgaa naaf gabbaraa isaan sodaachiseera. kanaaf, mootii murtee sirrii kennu kan diina irraa nu ittisuu nuuf muudi,&#8221; jedhaniin. Saamu&#8217;eelis jalqaba irratti, &#8220;Wanti isin kun hin ta&#8217;u,&#8221; jedheen. Waaqayyo immoo, &#8220;Wanta uummanni jedhu dhagahi,&#8221; jedheen. Kanaaf, raajichi Saamu&#8217;eel Saa&#8217;ool ilma Qiis muudeefii mootii Israa&#8217;elootaa isa jalqabaa akka ta&#8217;u godheera.<br \/>Raajaa saamu&#8217;eel biyya lafaa kanarra kan inni ture naannoo bara bara 1100 DH.K.D. dha. Ayyaanni yaadannoo boqonnaa isaa Waxabaijii 9 kabajama.<br \/>Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta&#8217;u. Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Saamu&#8217;eel jechuun &#8216;Waaqayyo na dhagahe&#8217; jechuudha. Dhaloonni isaa qomoo Efreem irraadha. Abbaan isaa Hilqaana, haati isaa immoo Haanna jedhamu. Haannaan dhala dhabdee yeroo dheeraaf gaddaa turte. Kana irrattimasaanuun ishee sababii isheen dhala dhabdeef ishee ni tuttuqxi ture. Haannanis sababa kanaan yeroo nyaatte dhuguu dhiistuu fi yeroon nyaata itti lagattutu ture. Abbaan manaa ishee garuu yeroo &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/08\/21\/raajaa-saamueel\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Raajaa Saamu&#8217;eel<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[11],"tags":[],"class_list":["post-2102","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-hoggantoota-qulqulluu"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2102","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2102"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2102\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2102"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2102"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2102"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}