{"id":2110,"date":"2020-08-16T17:48:16","date_gmt":"2020-08-16T14:48:16","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=2110"},"modified":"2020-08-16T17:48:16","modified_gmt":"2020-08-16T14:48:16","slug":"sirnaa-gaaelaa-fuudhaafi-heerummaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/08\/16\/sirnaa-gaaelaa-fuudhaafi-heerummaa\/","title":{"rendered":"Sirnaa Gaa&#8217;elaa (Fuudhaafi Heerummaa)"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-justify\"><strong>SIRNAA GAA&#8217;ELAA<\/strong><br \/>Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura qulqulluu Waaqayyoo tokkoon, Ameen! Maatiiwwan Waaqayyoo nageenyi Waaqayyoo, araarsumaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam bakka jirtaan biyya jirtaan hundaatti isiniif haa ta&#8217;u. Galanni Waaqayyof haa ta&#8217;u. Anis kunoo nagaa kootti. Hundumtii keessannis nagaa keessan jedhee nan abdaadha.<br \/>Maatiiwwaan Waaqayyoo barreeffamni har&#8217;aa yoo xiqqoo ishee kan dheeratu fakkaates garuu osoo hundii keessan dubbistani fiixanii akkasumaas hiriyoota keessan biroo qoodani natti tola. Gaaffin waa&#8217;ee gaa&#8217;elaa hundaa keenya kan ilaalattudha. Nutti gaa&#8217;ela akkamin fuudhu\/heeruma akka barbaannu illee kan keessatti of ilaalu dandeenyudha. Barreeffama kana keessattis jalqabii gaa&#8217;elaa, barbaachisummaa gaa&#8217;elaa, raawwii sirna gaa&#8217;elaafi kennaan gaa&#8217;elaan argamaan maalfaa akka ta&#8217;aan ilaala. Hangaa dandeessan dubbisaa.<\/p>\n\n\n<p class=\"has-text-align-justify\">Gaa&#8217;eli kan jalqabame abbaa fi haadha ilma namaa hundaa Addaamiifi Hewaan gidduuttidha. Kan bu&#8217;urees hundaa&#8217;ol kan ta&#8217;e Waaqayyo uuma keenyadha. Waaqayyo qofummaa Addaam ilaalee<br \/>=&gt; Namni qofaa isaa ta&#8217;uun gaarii miti jechuun gargaartu mijattuu (gaari) akka taatuuf cinaacha isaarra lafee tokko fuudhee Hewaaniin uumeef jedha. (Uma.2: 18-22).<br \/>=&gt; Addaamis ishee uumamteef haadha manaa (niitii) isaa akka taatuuf ni jaalate isheen dhirarraa argamteetti, kanaaf dubartii yaa jedhamttu jedhe.(Uma 2:25)<br \/>Sirni fuudhaafi heerumaa seera qabeessa Addaamifi Hewaan giddutti jalqabame kun dhaloota irraa gara dhalootatti yemmu darbu namoota hedduu biratti heera fi sirna isaa eeguu dhiisullee warreen seera Waaqayyootti jiraatan biratti kabajaan eegamee tureera.<br \/>Bara Abbootii kan ture gaa&#8217;elli Noohii kan eebbifameedha. Maalif yoo jenne inni kan hin ejjine, seera gaa&#8217;elaa waan eegef badii bishaani jalaa hafeera. (Uma.7:9). Akkasumas kan Abrahamiifi Saaraa, Yisahaqfi Ribqaa, Yooseffi Asneet gaa&#8217;ela eebbifamaa ture.<br \/>Bara boodattis Gaa&#8217;elli qulqulluu Iyyaaqeemfi qulqulleettii Haannaa haadha Ifaa, kan Zakkaariyaas fi Eelsaabeexiin Yohannis Cuuphaa, Yishaaqifi Kiristiinaa Qulqulluu Yaareediin kan argamsiise gaa&#8217;ela qulqulluu dha.<\/p>\n\n\n<p class=\"has-text-align-justify\"><strong>BARBAACHISUMMAA GAA&#8217;ELAA<\/strong><br \/>Gaa&#8217;elli fedha namaatiin osoo hin taane, fedha Waaqayyoon waan dhufeef (bu&#8217;urameeF); irra caalaattuu Gooftaan keenya cidha Qaanaa Zagaliilaa iRratti argamee hojii dinqii isaa jalqabaa waan raawwateef, Gaa&#8217;elli qulqulluudha jenna. Kananarraa ka&#8217;uun Abbootiin Qannoonaa Bataskaanatti &#8220;Nuti gaa&#8217;elli qulqullu akka ta&#8217;e, xurii akka hin qabne ni dubbanna.&#8221; jedhu.<br \/>Gababaa dhumaatti gaa&#8217;elli kan bu&#8217;urameef kaayyoo gurguddoo sadii(3) qaba.<\/p>\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\"><li><em>WAL-GARGAARUUF<\/em><br \/>=&gt; (Uma.2: 18) &#8220;Namni qofaasaa ta&#8217;uun gaari miti, kan itti toltu gargaarttu yaa umaamnuuf&#8221; jechuun Waqayyoo kan dubbate walgargaarsa ibsa.<br \/>Wal-gargaaruu yemmu jennu maatiisaanii (Gaa&#8217;ela) isaanii keessatti itti gaafatamummaa qixa qabaachuun jireenya foonii irraattis ta&#8217;ee jireenya afuuraa irratti qaamni jabina qabu isa laafee jiru (isa dadhabe) akka gargaaruu qabu ibsa.<\/li><li><em>SANYII BAKKA BUUSUUF (AKKA WAL-HORANIIF)<\/em><br \/>=&gt; uMA. 1:28 Baay&#8217;adhaa wal baay&#8217;isaa lafa (ardii) guutaa&#8221; jechuun Waaqayyoon kaayyoo nama dhiiraafi dubartii taasisee uumuun ibseera.<br \/>=&gt; Faar. 127:3 &#8220;Haadhi manaa kee mana keessatti akka Waynii firii buuftuu; ijoolleen kee naannawaa (marsaa) gabataa nyaataa (maaddii) keetti akka biqila (calee) ejersaati. Kunoo namni Waaqayyoon Sodaatu (kabaju) akkanattis eebbifama jedha.<\/li><li><em>EJJUURRA (SAGAAGALUU IRRAA) OF EEGUUF:<\/em> Kun immoo kan ibsu fedhii foonii keenya fedha lubbuuf bichisiisuu yemmuu dadhabne waan gara ejjuutti nu galchuuf, miidhaa kana jalaa bahuuf gaa&#8217;elli barbaachisaadha.<br \/>=&gt; 1Qor.7: 1-7 miidhaa ejjuutiif jecha wal fuudha; fedhii fooniin gubachuu mannaa wal fuudhuu wayya.<br \/>Fedhiin foonii gaa&#8217;elaan raawwatamu xiinsammuunis ta&#8217;ee miirawaan fedhii wal fudhannaa (walitti makamuu) argamsiisa Kanaaf amantaadhaan &#8220;Qulqulluu&#8221; jedhameera (Ibro. 13:4).<\/li><\/ol>\n\n\n<p class=\"has-text-align-justify\"><strong>RAAWWII SIRNA GAA&#8217;ELAA<\/strong><br \/>=&gt; Hundumtuu haalaanii fi sirnaan yaa ta&#8217;u .(1Qoro. 14:40)<br \/>Akkuma qulqulluun Phawuloos jedhe sirni gaa&#8217;elaa akaakuu callisanii akkuma fedhan saalli faallaa walii galan osoo hin taane heera mataa isaa<br \/>danda&#8217;een gaggeeffama. Fakkeenyaaf Kakuu moofaa keessatti<br \/>=&gt; Firri wal hin fuudhu,<br \/>=&gt; ormoota (kan amantaan wal hin fakkaanne) hin fuudhan ture ( Lak.18:6, 21:20, See.kee.7:3-4).<br \/>Kakuu haaraatti<br \/>=&gt; Firummaan foonii yoo addaan fagaate malee wal hin fuudhan. (1Qoro. 5:1-5, 13.)<br \/>=&gt; Waarsaa dhaaluun fuudhuun (heerumuun) dhoorkaadha. (Maar. 6:17) Maat.14:1-12 Yohaannis cuuphaan kanaaf wareegamame.<br \/>=&gt; Amantaan kan wal hin fakkaaannen wal hin fuudhan. Garuu Qulqulluu Phaawloos akkuma jedhe qaamni hin amanne baratee gara amantaatti kan dhufu yoo ta&#8217;e ni danda&#8217;ama.<br \/>Kanaan alatti kan dhoorkameedha. Gaa&#8217;elli jaalala Kiristoos irraa addaan nu hin baasu, kanaafuu gaa&#8217;elli Kiristoosiin hin eebbifamne akka ejjummaatti lakaawwama. (1Qoro.7:12-17)<br \/>Gaa&#8217;elli mana amantaan kaayyoon isaa kan raawwatamuuf tokko ta&#8217;ullee raawwiin isaa bifa lamaan (2) geggeeffama.<br \/>1) Gaa&#8217;ela taklilii<br \/>2) Gaa&#8217;ela qurbaana jedhamuu.<\/p>\n\n\n<p class=\"has-text-align-justify\"><strong>1) GAA&#8217;ELA TAKLIILII<\/strong><br \/>Taklilii jechuun &#8220;Gonfe, kabaje&#8221; jechuudha. Iccitii Taklilii kan jedhameef namootni (missirroo fi misirrittiin) dubrummaafi qeerrummaa isaanii eeganii, barumsafi gorsa abbaa gaabbii isaaniitiin turanii, cubbuu dalaganiif qalbii jijjiirratanii seera mana kiristaanaa isaanii guutanii kan argaman manni kiristaanaas sirna barbaachisu hunda rawwatteefii eeyyama Waaqayyootiin kan ittiin tokko ta&#8217;an Taklilii dha. Takliliin Sirna gaa&#8217;elaa waadaa misirrootaa kadhannaa lubootaan geggefamu yemmu ta&#8217;u sirna fuudhaafi heerumaa seera qabeessaafi diigamuu hin danddeenyedha. Sirni kunis gonkumaa dhugaa kan ta&#8217;u yeroo Qurbaana<br \/>Qulqulluun (fooniifi dhiiga isaatiin) guduunfamu qofadha. Warreen wal fuudhan lameen tokko kan taasisu Foonifi dhiiga Gooftaa waan ta&#8217;eef. dhumni iccitii Takliliis sirna kadhannaa qiddaaseeti.<br \/>Sirni gaa&#8217;ela takliilii warreen durbbumma foon isaanii eegan qofaaf raawwatama. Kan raawwatamu mana kiristaanaa keessatti qurbaanaafi qiddaaseenidha.<br \/>Cidha qaanaa Galiilaa irratti Gooftaan argamee akkuma eebbise abbootiin heera eebbaafi kadhannaa qiddaaseetiin raawwatu. Agnaxiyoosfi Xarxuuliis waa&#8217;ee gaa&#8217;elaa yemmu dubbatan &#8220;Gaa&#8217;ella takliilii Phaphaasiin mana kiristaanaa hin beekne gaa&#8217;ela osoo hin taane ejjuudha.&#8221; jedhu.<br \/>Haqa. Af. 24.Boqonnaa 5 .Waa&#8217;ee taklilii sirriitti dubbata. Misirroon firoottan isaa wajjin karaa kaabaa, missirrittiin immoo firoota ishee wajjin kibbaan dhaabatu.<br \/>Dura ta&#8217;aan Diyaaqonii fuldura mana qulqullummaa gara dhihaatti afaa afuun, teesso, goonfoo, uffata adii qopheessaf.Dibata qulqulluus lubichatu dhiheessa. Kanatti aansuun<br \/>=&gt; Lubootni sirna Taklilii geggeessuuf.<br \/>=&gt; Wangeellifi fannoon fuuldura isaanii taa&#8217;a.<br \/>=&gt; Sirnichaaf meeshaaleen qulqulluu barbaachisan hunddi ni qophaa&#8217;u.<br \/>=&gt;Uffannafi meeshaalee hunda irratti kadhannaan ni geggeeffama.<br \/>=&gt; Yeroo gammachuus ta&#8217;ee gaddaa wal cina akka dhaabbatan waadaa waliif galu.<br \/>=&gt; Misirroonni \/aruzootni qubeellaa waaliif hidhu.<br \/>=&gt; Kadhannaan kitaaba takliliirra ni geggeeffama.<br \/>=&gt; Misirroonni meeroniidhaan dibamu.<br \/>=&gt; Foonifi dhiiga Gooftaatiin guduunfamu.<\/p>\n\n\n<p class=\"has-text-align-justify\"><strong>2) GAA&#8217;ELAA QURBAANAA<\/strong><br \/>Namoota durbbummaa (dingilinnaa) foonii isaani dhaban gorsa abbaa gaabbii isaaniin yoo gaabbii galuun sirnii gaa&#8217;elaa mana ammantatti ni raawwatamaaf.<br \/>=&gt; Kadhannaan qophaa&#8217;e ni gaggeessamaaf,<br \/>=&gt; Waadaa waliif galu,<br \/>=&gt; Qubeelaa waadaa waliif hidhu.<br \/>=&gt; Dhumarratti qurbaanaan gaa&#8217;ela isaanii raawwatu. Sababni isas kaayyoon gaa&#8217;elaa tokko gochuu waan ta&#8217;eef fooniifi dhiiga Gooftaan guduunfu.<br \/>=&gt; Gonfoon hin godhamuuf<br \/>Sirni kun warreeen hadhi warraa (abbaan warraa) du&#8217;anii lammata fuudhaniif ni ta&#8217;a. Garuu lubootaaf hin hayyamamu. (Kan sababa ejjuun adda bahaniifis ni ta&#8217;a. kunis kan godhamuuf mana kiristaanaa rakkina ijoollee ishee kamiifuu furmaata qopheessuun sababa kanaan uummatni ishee akka abdii kutanii hin banne eegdee barsiistee waan barbachisa ta&#8217;e hunda akka ruwwattuufidha.<\/p>\n\n\n<p class=\"has-text-align-justify\"><strong>KENNAAWWAN GAA&#8217;ELAAN ARGAMAAN<\/strong><br \/><em>A) Tokkummaa (makummaa):<\/em> Namootni qaama lama turan akka laphee tokkootti yaaduun jecha tokko kan ittiin dubbatan iccitii gaa&#8217;elaa dha.<br \/>=&gt; Foon tokko malee gara fuul-duraatti lama hin ta&#8217;an Waaqayyo kan walitti hidhe namni gargar hin baasu.&#8221;(Maat. 19:6)<br \/><em>B) Jaalala dhugaa fulla&#8217;aa ta&#8217;e<\/em><br \/>Bu&#8217;uurri jaalalaa dhugaa amantaadha (Kiristoosi). Gaa&#8217;ela keessatti qabeenyi guddaan jaalala dhugaafi fulla&#8217;aa ta&#8217;eedha. Jaalala dhugaan jiraannaan gaa&#8217;ela keessatti nageenyi wal danda&#8217;uu baay&#8217;ee jiraata. Abrahaamiifi Saaraan jaalala gaariin jiraatan jaalala isaanii Waaqayyoon waan raawwataniifi.<br \/><em>C) Firii Eebbifamoo (Ijoollee)<\/em><br \/>Gaa&#8217;ela eebbifamaa irraa firii (ijoollee) eebbifamootu argama. Fkn. Abrahaamiifi Saaraa irraa Yisihaaqitu argame.<br \/>=&gt; Ijoolleen kennaa Waaqayyooti&#8221; akkuma jedhu. (Faar. 126:3)<br \/>Hub: Namni haadhi warraa isaa jalaa duute si&#8217;a sadi fuudhuu ni danda&#8217;a. Luba yoo ta&#8217;e garuu tokko iyyuu hin danda&#8217;u.<\/p>\n\n\n<p class=\"has-text-align-justify\"><em>Warra fuudhanniifi heerumanii jiraan Waaqayyoon bultii isaanii isaaniif haa eebbisuu, Warreen si achiif fuudhafi heerumaaf jiraan hundaaf immoo waaqayyoo bultii gaarii ta&#8217;ee haa kennuuf. Hanga bara baraatti, Ameen!<\/em><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>SIRNAA GAA&#8217;ELAAMaqaa Abbaa Ilmaa Afuura qulqulluu Waaqayyoo tokkoon, Ameen! Maatiiwwan Waaqayyoo nageenyi Waaqayyoo, araarsumaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam bakka jirtaan biyya jirtaan hundaatti isiniif haa ta&#8217;u. Galanni Waaqayyof haa ta&#8217;u. Anis kunoo nagaa kootti. Hundumtii keessannis nagaa keessan jedhee nan abdaadha.Maatiiwwaan Waaqayyoo barreeffamni har&#8217;aa yoo xiqqoo ishee kan dheeratu fakkaates garuu osoo hundii keessan &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/08\/16\/sirnaa-gaaelaa-fuudhaafi-heerummaa\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Sirnaa Gaa&#8217;elaa (Fuudhaafi Heerummaa)<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[3],"tags":[],"class_list":["post-2110","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-barumsaa"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2110","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2110"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2110\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2110"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2110"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2110"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}